Ijaarsi Hidha Guddichaa Haala Gaariin Itti Fufee Jira, Biyyoota Yaa’a Gadii Irratti Dhibbaa hin qabu: Ministeera Haajaa Alaa

Ambaasaaddar Diinaa Muftii, Suuraa: Ministeera Haajaa Alaa

Geetahuun Tsaggaayeetiin  @GetahunTsegay12

Finfinnee , Gurraandhala 24, 2024- Ijaarsi Hidha Guddichaa Haaromsaa Itoophiyaa haala gaariin itti fufee akka jiru fi annisaa maddisisuu isaas biyyoota yaa’a gadii irratti dhiibbaa akka hin qabannee kan mul’ise ta’uu dubbate Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsa har’a laateen. 

Wiixata darbe Ijipti pireezidaantii mana maree nageenyaa Dhabbata mootummoota Gamtoomanii yeroo ammaa Vaasiliy Nebenziiyaatiif xalayaa barressiteen, Ijaarsi hidhichaa walii galtee malee fedhii garee tokkoon qofa  ijaaramaa akka jiruu fi kunimmo qajeeltoowwaan waligaltee hoggantoota biyyoota yaa’a gadii bara 2015 taasifame kan cabsu jechuun himatte.

Ministirri Muumee Itoophiyaa Abiy Ahimed Dilbata  hidhichi annisaa MW 375  maddisiisuu jalqabu ifatti beeksisuun, “Taateen kun ardittifis ta’ee biyyoota yaa’a gadii waliin hojjachuuf hawwiinuuf oduu gaaridha”jedhe. Ambaasaddar Diinaanis ibsa isaatiin Itoophiyaan hidhicha madda annisaa fi ijaarsa dinagdeetiin ala biyyota yaa’a gadii ta’an miidhuuf akka yaada hin qabne cimsee hubachiisera.

Itoophiyaan pirojeektii ijaarsa hidhichaa itti fufaa, marii nageenyaa biyyoota yaa’a gadii ta’an Masiri fi Sudaan ammoo yeroo hundaa keessumeessuuf qophooftuu ta’uu Ambasadarichi kan eere. ”Wayita dhimmi keessoo Sudaan furame mariin Jaarsummaa Afrikaatiin taasifamu kan itti fufu ta’a” jedhe.

Dhimma Lammilee Itoophiyaa manneen hidhaa Saawud Arabiyaa 

Ambasaddar Diinaa Muftii ibsa har’a kenne keessatti, dhimmi lammilee Itoophiyaa manneen hidhaa Saawudii keessa jiranii mootummaa Itoophiyaa haalaan kan yaaddesse fi dhimma isaanii furuuf xiyyeffannoon kennamuu dubbate.

Kanaafis koreen biyyaalessaa Itti aanaa Ministira muummee fi ministira dhimma alaa  Dammaqaa Mokonnoniin durfamu dhaabachuu fi hojiin lammilee kanneen biyyatti deebisuu hojjatamaa jiraachu himera Ambaasaaddarichi.

Gaaffii Addis Standard mootummaan lammilee kanneen biyyatti deebisuuf ‘Yakkamtoota fi garee nama ajjeesan’ akkamitti adda basuuf karoorsee, jedhuuf Ambaasaddarichi mootummaan dhimmaa nageenyaa, lammummaa,fi eenyummaa waliin wal qabatu erga qoratee adda baaseen booda, “Adeemsi gara biyyaatti deebisuu jalqabama” jedhe.

Ministirri Muummee Abiy Ahimed haasawa tibbana paarlamaa irratti taasiseen, lammileen saawidii irraa gara biyyatti deebifaman erga sirritti qoratamanii, lammii Itoophiyaa ta’uun isaanii mirkaneeffamee booda ta’uu akka qabu ibse. “Gareen nama ajjeesuuf leenji’ee fi kuma dhibbaan lakaa’aman akka jiran gabaasaleen waan ibsaniif dhimma of eeggannaan raawwatamuu qabudha” jedhe.

Qorannoo dhiyeenya Addis Standardiin taasifameen tarkaanfiin mootummaan  Saawud Arabiyaa namoota karaa seeraan alaa gara biyyashee galan jettu irratti  tarkaanfii fudhattu adda durummaan  lammiilee Itoophiyaa irratti kan xiyyeeffate ta’uu mul’iseera.  

Kana malees, Ambasaddar Diinaan dhimma  wixinee seeraa mana maree lamaanii U.S Walii galtee Nagaa fi Tasgabbii Itoophiyaa fi Dimookiraasii ykn H.R. 6600 irraattis dubbatee jira. “Walii galtichi fedhii Kongireensitin ol waan ta’eef akkamitti akka fooyy’au ni ilaalla garuu fedhii biyyoota lamaanii kan gargaaru miti, ta’ullee marii karaa nagaatif balballi Itoophiyaa yoomillee banaadha,” jedhe dubbi himaan Ministira dhimma Alaa Ambaasaddar Diinaa Mufti.AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.