Xiinxala: Amaarotni dhibbataaman lakkaawwaman Lixa Oromiyaa Irraa Walitti Bu’insaan Buqqa’an Finfinnee fi Godina Arsii Qubatan

Buqqaatota Amaaraa Ekkaa Mikaa’el, Taammiruu Daggafaa, Kaasayyewu Lammaa, Biraarraa Geetanawu

Iteenash Abarraa @EteneshAB fi Getaahun Tsaggaaye @GetahunTsegay12 tiin

Finfinnee- Jiraattotni Amaaraa Lixa Oromiyaa, walitti bu’insa baatiilee dheeraafi haleellaa baqachuun Finfinneetti qubatan. Buqqaatotni dhibbaatamaan lakkaawwaman ammoo godina Arsii gahuu qorannoon Addis Standard  ni mul’isa. 

Xumura baatii Amajjii buqqaatotni saba Amaaraa godina Wallagga Bahaa irraa dhufan mana Amantaa lama keessa qubachuu Addis Standard odeeffatee ture. Yeroo sanatti buqqaatotni kunneen Bataskaana Isxifaanos kan kutaa magaalaa Qiirqositti argamuufi Bataskaana Mikaa’elii kan kutaa magaalaa Ekkaatti argamu keessa buufatanii turan. Addis Standard iddoowwan buqqaatotni itti qubatan daawwachuun buqqaatota fi gaggeessitoota hawaasa dubbiseere. 

Buqqaatota Godina Horroo Guduruu irraa dhufanii Bataskaana Isxifaanos qubatan 

Dhumaa baatii Amajjii buuqqaatotni 107 isaan keessa daa’imman 30 ta’an Bataskaana Isxifaanos qubachuu DW Afaan Amaaraa gabaase ture. Buuqqaatotni Finfinnee gahan kun maatiin isaanii hafan eessa akka jiran kan hin beeknu jiru. Buuqqaatotni kun hidhattootni eenyummaan isaanii hin beekamne mana amantaa fi jiraattota irratti dhukaasa bananiim jedhu. Buuqqaatotni mootummaatti iyyatanis dhageetti dhabne jechuun komatu.

Namni Addis Standard dubbise haleellaan kun Waxabajjii waggaa darbee eegale, Hagayya keessa Raayyaan Ittisa Biyyaa fi Humni Addaa Oromiyaa ramadame, garuu haleellaa kana ittisuu hin dandeenye.”Ajjeechaa jumlaa humnoota mootummaa yeroo arginu achi turuu hin dandeenye”jedhe.

Buuqqaatotni kunneen Bataskaana Isxifaanos bultii sadiif akka turaniifi Sababnis isaana dhufaniifis “Mootummaan naannoo Oromiyaa fala akka barbaaduf gaafachuu” ture. Yeroo Addis Standard Bataskaana Isxifaanos gahu buuqqaatotni kun konkolaatatti fe’amanii Poolisii fi aanga’oota bulchiinsa magaalaa Finfinneetiin geggeeffamaa turan.

Buuqqaatotni kunneen miidiyaatti dubbachuuf sodaa qabu. Kana malees Poolisiin jiraattota magaalatti gargaarsa nyaataa fi uffata fidan akka buqqaatotaa hin laanne ittisaa turan. Buqqa’an Addis Standard dubbise “Bakka dhufnetti deebinaa” jedhe.

“Jalqaba godina Horroo Guduru, aanaa Abee Dongoroo ganda Hoomaa Gaalessaa fi Qeeruu jiraachaa turre. Haleellaa Waraana Bilisumma Oromoo (Kan mootummaan Shanee jedhee waamu) baqachuuf buqqaane. Namootni baay’een du’an hedduunis miidhaman, manneen, Bataskaanni fi qabeenyaan miliyoonaan lakkaawwamu barbadaa’e jira.”

Dastaa

Bakka bu’aa buqqaatotaati kan jedhu Dastaan erga buuqqaatotni Bataskaana Isxifaanosii deemanii booda Addis Standard dubbise. Akka inni jedhutti buuqqaatotni kunneen godina Arsii, Caamsaa darbee kaasanii turan irraa gara Finfinnee buqqa’uu isaanii gabaasuuf dhufan.

“Jalqaba godina Horroo Guduru, aanaa Abee Dongoroo ganda Hoomaa Gaalessaa fi Qeeruu jiraachaa turre. Haleellaa Waraana Bilisumma Oromoo (Kan mootummaan Shanee jedhee waamu) baqachuuf buqqaane. Namootni baay’een du’an hedduunis miidhaman, manneen, Bataskaanni fi qabeenyaan miliyoonaan lakkaawwamu barbadaa’e jira. Sana booda godina Arsii aanaa Martini qubanne. Bataskaana Qul. Madaanalamii ganda Gologotaa jiru keessa turre” jechuun haala ture seenessa.

Dastaan buuqqaatotni 419 godina Arsii keessa akka jiraniifi gargaarsa akka barbaadan Addis Standarditti hime. Bulchiinsi godina Arsii furamaata laachuu dhabuun isaa gara magaalaa Finfinnee akka imalan nu taasise jedhe. “Furamaata argachuuf carraaqqii guddaa goonus qaama mootummaa gargalee nu ilaalu dhabne” jedha Dastaan. Akka inni jedhutti Humnootni nageenyaa fi koreen Bataskaana Isxifaanos, Bataskaana keessa turuun isaanii, walgahii Gamtaa Afrikaa 35ffaan walqabatee hordoffii nageenyaa cimaa akka gaafatu nutti himan. “Godina Arsiitti yoo deebine gaarii akka ta’u nutti himan.”

Dastaan hawaasni magaalaa Finfinnee fi Miseensotni mana amantichaa yeroo turtii isaanitti  garaarsa barbaachisu akka taasisaniif yaadachiisuun, namoota lama Zalaalam fi Taayyee jedhaman kan baasii geejjibaa fi kanneen biroo akka qindeessaniif dubbate. Akka Dastaan jedhutti barsiisa Zalaalam tola oolaan dhunfaa birrii 22,200 laateef. Taayyee, itti gaafatamaa waajjira nageenyaa magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa magaalaa Qiirqos  ammoo konkolaata mootummaa buqqaatotaaf qindeesse. Yaaliin Addis Standard  itti gaafatamaa waajjira nageenyaa kutaa bulchiinsa magaalaa Qiirqos dubbisuuf taasise hin milkoofne. 

Buqqaa’aan biraa Iyyaasuu Mulugeetaa, mootummaan Federaalaas ta’ee kan naannoo Oromiyaa ji’oota saglan darbaniif gargaasa kamuu nuuf hin goone jedha. “Jiraattotni naannoo Gologoota Madaanalamii gargaarsa nyaataa, uffataa fi bakka bulmaata nuuf gochaa turan”. Buqqatotni lamaanuu Iyyaasuu fi Dastaan Waraana Bilisummaa Oromoo(Kan mootummaan Shanee jedhee waamu) sabummaa isaaniin waan irratti xiyyeeffateef akka baqatan dubbatu. 

Taammiru Dagafaa, Buqqaatota Amaaraa Mikaa’el jiran yeroo jajjabeessu

Dastaan Komishiinin Hoggansa Sodaa Balaa fi Kaafamtoota Misoomaa Oromiyaa baatilee saglan godina Arsii aanaa Martii turan keessatti qamadii kuntaala 30 qofa akka gargaare dubbata. “Namoota muraasa keenyatu hojii guyyaa hojjatee mana kireeffate malee, namootni baay’een ammas bataskaanuma keessa jiraatu. Qaama mootummaa irraa gargaarsa qamadii kuntaala 30 achitti waan tokko hin arganne.”jechuun komate.

Rattaa Hayiluu itti gaafatamaan waajjira kominikeeshinii aanaa Martii buqqaatotni kunneen Horroo Guduruu irraa Caamsaa fi Fulbaana 2021 ganda Gologoota akka gahan Addis Standarditti hime. “Bulchiinsi aanaa Martii jiraattota aanichaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu qindeessuun nyaata, uffataa fi iddoo bulmaata buqqaatotaaf laatameera” jedhe. Akka Rattaan jedhutti buqqaatotni achi jiran 80. Gabaasni Addis Standard argate buqqaatotni 419 jiraachuu eera jedhamee yeroo gaafatamu Rattaan, iddoo kanaaf haaraa ta’uu fi lakkoofsi dura galmaa’e jiru 80 ta’uu ibsuun “Aanga’ootni aanichaa ganda Gologoota dhaqanii gargaarsa akka godhan nan taasisa” jechuun waadaa seene. 

Buqqaatota Godina Wallagga Bahaa Irraa Bataskaana Mikaa’elii Keessa Buufatan

Biraarraa Geetanawu Birara Getanew dhalataa Gondar Kibbaa aanaa Taach Gaayint ta’ee bara 1977 kaasee godina Wallagga Bahaa aanaa Sibuu Siree jiraachaa jira. Jireeyni isaa ganda Baqojimmaa ture “garii” jedhee yaadata. Haleellaan sabummaa irratti xiyyeeffate baqachuu isaanii waggaa tokko dura eegale jedha. “Firootni keenya baay’een du’aniiru, qabeenyis barbadaa’e jira”jedha. 

Biraarraan waan Onkoloolessa 16 uumame akkas jechuun ibsa,“WBOn dhufee namoota 69 ajjeesee hedduu ammoo buqqise. Muraasni keenya Onkoloolessa 20 Finfinnee dhufnee Bataskaana Mikaa’elii qubanne.” Addis Standard  erga Finfinnee gahanii akkamittin jiraachaa akka jiran yoo gaafatu, “Kutaa bulchiinsa Ekkaa fi Waajjira kantiibaa Adaanechi Abeebee gargaarsa gaafannus dhageetti hin arganne.”jedha. Itti fufuunis “Bataskaanni Ekkaa Mikaa’eliis ta’ee mootummaan naannoo Amaaraa gargaasa nuuf hin dhiyeessine. Namoota dhuunfa fi tola ooltotatu nyaata fi uffata nuuf gumaache”jedha. Akka Biraarraan jedhutti buqqaatotni namoota 135 Abbootii warraa 35. Buqqaatota keessa Daa’imman, dubartootni fi manguddoon jiru. 

Tola oolaa Tammiruu Dagafaa Sawu, erga buqqaatotni Finfinnee gahanii gargaarsa biyya keessa fi alaa walitti qabaa akka jiru Addis Standarditti hime. “Ani tola oolaa dhuunfaa daangaa malee  namaa gargaarsa namoota biyya alaafi keessaa irraa walitti qabuun nyaata fi uffata dhiyeessuf yaalu.” Dabaluunis “Hedduun isaanii Amaaraa ta’anis Oromoota tokko tokkos argeen jira” jedhe. 

Baqqaatota Amaaraa Ekkaa Mikaa’el jiran

“Yeroo Wallagga Bahaa turretti, qaamolee nageenyaa mootummaa naannoo Oromiyaatti iyyannee nu tiksuuf dhufanii turan. Waxabajjii 2021, Poolisoota Humna Addaa Oromiyaa nu tiksuu dhufan keessaa tokko ajjeefamee tokko immoo madaa’e. Yeroo haleellaan cimu hunootni ramadaman dhiisanii bahan. Yeroo sana miidhaaf saaxilamne. Kan haleellaa gaggeesse jiraattota Oromoo osoo hin ta’in WBOti. Oromootni nu baraaruuf yaalanii ofiifu balaa irra bu’an jiru. Gariin isaanii ijoollee isaanii wajjiin baqatanii Fininnee dhufan.” jedha Biraarraan. 

Akka Biraarraan jedhutti jiraattotni saba Amaaraa aanaa Sibuu Siree gandoota 22 keessaa buqqa’an. “Hoggantootni aanichaa baqatanii waan turaniif mootummaan naannoo Oromiyaa quba qaba.” jechuun tilmaama. Bulchiinsi aanichaa iddoo irraa buqqa’anitti akka deebi’an yaada dhiyeessa akka turan dubbata. “Iddoon sun hanga ammaatti nagaa hin qabu. Qabeenyi keenya fi manni keenya daaraa ta’e. Daandiin Naqamtee Bahaardar deemu erga cufamee waggaa darbee jira.”jedha.  Itti fufunis “Garasitti hin deebinu. Qabeenyi keenya fi manni keenya daaraa ta’e. Maatii keenyaa hedduu dhabneerra. Namootni baay’een butamaa jiru.  Amma haalli tasgabbaa’utti yeroodhaaf magaalaa Finfinnee keessatti iddoo nuuf haa laatamu”jedha. 

Kaassayyewu Lammaa akkuma Biraarraa hawaasni Oromoo fi Amaaraa nagaan wajjiin jiraachaa akka turan ibsa. “Oromootni obboloota keenya isaan wajjiin walitti bu’insa hin qabnu.” jedha. Hawaasa gidduutti kan wal shakkii uume bulchiinsa achi jiru jechuun komata Kaassayyewu. “Rakkoon kan maddee bulchiinsa Naannoo Oromiyaati gandaa fi aanaarra jiru keessaayi.” jedha. 

Yaragaal Asfaawu dura ta’aa waldaa dargaggoo Amaaraati. Waldaan isaanii Finfinnee ka’umsa godhachuun hojii tola ooltummaa hojjataa jedhe. “Nuti nyaata, uffata fi uffata halkanii laatneefi jirra. Kan asitti argamneefis qamooleen mootummaa sagalee isaanii akka dhagahaniifi.” jedha Yaragaal.

Aanga’ootni kutaa magaalaa Ekkaa fi Bataskaanni Mikaa’elii buqqaatota gargaaruuf tattaafachuu dhiisuu isaanii kan komate Yaaragaal,“Tola ooltota gaafannee nyaata fi uffata dhiyeessine. Karaa nyaataa fi uffataa buqqaatotni hin rakkanne. Rakkoo guddaan iddoodha argachuudha. Dukkaana argannus bakka bal’aa dukkaana buusnu argachuu hin dandeenye. Kanaaf lafa bulchiinsa magaalaa irraa gaafataa jirra.”Jedhe. Yaaliin Addis Standard aanga’oota kutaa magaalaa Ekkaa dubbisuuf taasise hin milkoofne. 

“Iddoon sun hanga ammaatti nagaa hin qabu. Qabeenyi keenya fi manni keenya daaraa ta’e. Garasitti hin deebinu. Maatii keenyaa hedduu dhabneerra. Namootni baay’een butamaa jiru.  Amma haalli tasgabbaa’utti yeroodhaaf magaalaa Finfinnee keessatti iddoo nuuf haa laatamu”

Biraarraa

 Sadaasa darbe Addis Standard buqqaatotni saba Amaaraa Wallagga Bahaa irraa dhufan magaalaa Finfinnee keessatti manneen amantaa fi mooraa oolmaa dargaggootaa keessa akka turan gabaase ture. 

Buqqaatotni Addis Standard dubbise yeroo sanatti aanaa fi ganda irraa dhufan dubbachuuf nageenya isaanitiif sodaachaa turan. “Bakka dura jiraannutti miidhamnee turre, achitti deebi’uu hin barbaadnu.” jedhan.                                                                                                         

Haaluma walfakkaatuun hogganaan Bataskaana Abuuna Aragaawi naannoo Zannaba Warq jiruu gama isaatiin buqqaatotni wallagga bahaa irraa gara mana amantichaa akka dhufan dubbata, “Buqqaatotni Amaaraa 120 ta’an torban lamaaf as qubatanii turan. Gargaarsa mootummaa Federaalaa, naannoo Oromiyaa fi naannoo Amaaraatii godina Wallagga Bahaa qubsiifamaniiru” jedhe. 
Gabaasni Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa ajjeechaa fi buqqa’insi godina Wallagga Bahaa aanaa Giddaa Kiiramuu akka jiru mul’isee ture. Gabaasichi Waraanni Bilisummaa Oromoo( kan mootummaan Shanee jedhee waamu) namoota nagaa ajjeese jedhe. Kanumaan walqabatee Amaarri namoota 60 ajjeesu beeksise komishiinichi. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.