Adeemsa filannoo Komishinaroota Komishinii Marii Biyyaalessaa irratti partileen qeeqa dhiyeessanis, Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Komishinaroota Komishinii Marii biyyaaleessaa gaggeessan 11 raggaasiseera

Komishiiaroota Marii Biyyaalessa
Suuraa: Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa

Manni Marichaa walga’ii addaa har’a gaggeesseen  muudama namoota  11 komishinaroota Komishinii Maree biyyaaleessaa jechuun muudeera.

Bakka  bu’ootni uummataa  5 sagalee hin kennine, Muudamichis sagalee caalmaan ragga’eera jedhame Isaanis;- .

1. Proofeesar Masfin Aarayaa,

2. Aadde Hiruut Gabrasilaasee Odaa

3. Dooktar Tagenye Warqi Geetuu Mangashaa

4. Ambaasaaddar Dooktar Ayifoorit Mahaammad Yaasin

5. Aadde Bileen Gabramadin Yoosee

6.  Dooktar Yoonaas Adahee

7. Obbo Zagayyee Asfaaw Abdii

8. Obbo Malaakuu Waldamaariyaam

9. Ambaasaaddar Mahaammad Diriir

10. Obbo Mulgeetaa Agoo fi

11. Dooktar Ambaayee Ogaatoo Aanaataan Komishinar Komishinii Marii  biyyaalessaa taasiisuun moggaaseera.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa  Walga’ii addaa 2ffaa Muddee 29, 2021 gaggeesseen labsii hundeeffama Komishinii Maree Biyyaalessaa lakkoofsa 1265/2014 sagalee caalmaan raggaasiisuun ni yaadatama.

Sana hordofee Hawaasni Kaadhimamtoota Komishinara  Komishinii Marii biyyaalessaa akka eeran taasiisuun  eeruun namoonni 600 ol dhiyaachuun kaadhimamtoonni  dhuunfaan 42 hawaasaaf dhiyaachuun yaadni akka itti kennamuuf  maqaan isaanii hawaasaf ibsamee ture. Kanneen keessaa kan ulaagaalee barbaachisu sadarkaa olaanaan guutaan 11,tu mana marichuun raggaasifamee jedhame.

Haa ta’u malee paartileen siyaasaa hedduuni fi dhaabbileen hawaasaa adda addaa adeemsa filannoo komishiinaroota irratti qeeqa qaban dhiyeessun paarlamaan raggaasisuun dura adeemsa sirrachuu qabu jedhan akka sirressu yaada kaasaa turaniiru.

Guraandhala 14,2022, Manni Maree Waloo paartilee siyaasaa, kan miseensota paartilee siyaasaa  seeran galmaa’an 53 ol ta’an, paartii biyya bulchaa jiru Paartii Badhaadhinaa of keessa qabu ibsa baaseen adeemsi filannoo Komishiinaroota Komishiinii marii biyyalessaa mana maree bakka bu’oota uummatatiin gaggeeffamaa jiru”yeroof akka dhaabatu” gaafateera. Dhimmicha irratti paarlamaan haala “hirmaachisaa fi amanamummaa qabuun “ akka itti fufu qabu eerera ibsa isaatin.

Paartileen mormitootaa gurguddoon sadii Kongireensiin Federaalaa Oromoo(KFO), Addi Bilisummaa Oromoo(ABO) fi Addi Bilisummaa Biyyaalessa Ogaadeen(ABBO) adeemsi filannoo komishiinarootaa kunneen isaan biratti   walaba,miti, hin beekamu akkasumas bakka bu’aa hin qabu jechuun isaani ni yaadatama. Kana malees Dhaabbileen hawaasaa Oromoo jaatamaa ol ta’an hundeeffamuu Komishiini Marii Biyyalessaa Itoophiyaa  ilaalchisuun ibsa basaniin, akkataa amanamuummaa uumuun marii dhugaatiif haala ni mijeessuu danda’uu ta’uu akka qabu hubachiisanii turan.AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.