Warshaan Daabboo Shaggar Tajaajila Kennuu Dhaabuun Fayyadamtoota Rakkoof Saaxile

Mahleet Faasil tiin @MahletFasil

Finfinnee,Guraandhala 18/2022 –Warshaan Daabboo Shaggar gatii rakasaan osoo addaan hin kutin daabboo jiraattota magaalaa Finfinneetiif  dabboo dhiyeessuuf  ture waggaa tokkoofi ji’a ja’a dura hojii eegale. Haa ta’u malee  warshaan daabboo Shaggar guyyoota torban lamaa as hojii dhaabuu isaatiin jiraattoota galii gadi aanaa qaban rakkoof saaxile. 

Warshaan Daabboo Shaggar gatii fi dhiyeessii daabboo irratti jijjirama bu’uura fiduu baatus gumaacha guddaa godhee jira jedhu jiraattotni Addis Standard dubbise. Oomisha dhaabuun Daabboo Shaggar miliyoonota miidhaa jira.   

“Mootummaan namoota jireenya gadi aanaa qabaniif kana qofa nuuf dhiyeesse. Warshaan kun hojii dhaabuu isaatiin kan miidhamu hawaasa galii gadi aanaa qabu.”

Zannabech Qalamawarq

Zannabech Qalamwarq namoota hojii dhaabuun warshaa daabboo Shaggariin miidhaman keessaa ishee tokko. “Duraan ganama hiriireen mucaa kiyyaa daabboo bita ture. Gatiin isaas qarshii tokkoo fi saantima digdama, mana dhuunfatti garuu qarshii sadii fi saantima shantama fi isaa oli. Mootummaan namoota jireenya gadi aanaa qabaniif kana qofa nuuf dhiyeesse. Warshaan kun hojii dhaabuu isaatiin kan miidhamu hawaasa galii gadi aanaa qabu.” jedhuun Addis Standarditti himte.

Andaargachaawu ammoo hojii guyyaa hojjachuun jiraata. Innis “Daabboo kanan bitu laaqana ittiin nyaachufi. Buddeenni qarshii kudhani, guyyaadhan isa bituu hin danda’u kanaafan daabboo bitadha. Manni gurgutaa dhuunfaa ammoo gatii guddaan gurguruu. Daabboon Shaggar hawaasaf bu’aa guddaa buuse,dhaabachuu hin qabu.”jedhe.

Dhaabbata MIDROC Itoophiyaa, kan abbaa qabeenyaa Sheek Mohaammad Huseen Al Amuudin, tiin baasii qarshii miliyoona 900’n kan ijaarame Warshaan Daabboo  Shaggar guyyaatti daabboo miliyoona 1.8, sa’aati tokkotti ammoo daabboo kuma 80 oomishuuf akka ijaarame sirna eebba warshichaa irratti ibsamee ture. 

“Warshaan Daabboo Shaggar jalqabamee hanga xumuramutti ji’a kudhan fudhachuun isaa mallattoo adeemsa badhaadhinaa keenyaati. Sa’a tokkotti daabboo 80,000 oomishuu fi gatii madaalawaan dhiyeessuun Finfinnee fi magaalota naannoo ishee jiran keessatti wabii nyaataa ni mirkaneessa.”jedhe MM Abiy sirna eebbaa daabboo shaggar irratti. Sirna eebbaa kana irratti Kantiiba itti aanaa magaalaa Finfinnee Takkalaa Uumaa(Warshaa kanaaf yaada bu’uura dhiyeesse) dabalatee aanga’ootni mootummaa hedduun argamaniiru. 

Haa ta’u malee Shaggar Daabboon hojii eegalee ji’a shan keessatti qarshii miliyoona 70 akka kasaare waggaa tokko dura beeksisee ture. Hudhaa guddaa qabaatus, warshaan kun guyyaatti daabboo kuma 700 hanga kuma 800 oomishuun namoota kuma sadii fi dhibba afuriif carraa hojii uumuun magaalaa Finfinnee fi naannawa isheeti Baasiiwwan hojii dhaaban akka mana gurgurtaatti fayyadamuun tajaajila kennaa ture.

Daayirekteerri Kominikeeshiini fi beeksisaa Shaggar, Abdulraaman Ahimedin gatiin shaggar daabboo ittiin maamilootatti gurgamu baasii qamadii fi galtee biroo wajjiin akka wal hin gitne dubbaatee ture. Bulchiinsi magaalaa Finfinnee fi warshaan Daabboo fi Daakuu Shaggar  daabboo gatii madaalawaadhan dhiyyeessuuf waliigalanii turan.

Itti gaafatamaan biiroo Daldalaa magaalaa Finfinnee Adam Nuur gaaffiif deebii Fana waliin godheen warshichi oomisha dhaabuu amanee biiroon isaa gaaffi qaala’insa galtee waarshichaa wajjiin walqabate ilaala akka jiru ibse. Bulchiinsi magaalichaa waggaatti birrii miliyoona 309 akka baasu kan ibse Adam,shaggar dabboon ammoo baasii harka 50 baasa ture jedha. Bulchiinsi magaalicha rakkoo jiru furee warshichi hojiitti akka deebi’u hojjaachaa jiraachuu eere. 

Daayirekteerri kominikeeshiini fi beeksisaa MIDROC Mokonnon Tashoomaa hanqinni dhiyeessii warshicha hojii akka dhaabsise hime. Hirmaannaa qamolee dhimmi ilaallatuutin warshichi hojii akka eegalus abdiin qaba jedhe. 

Yaaliin Addis Standard dhaabbata MIDROC fi bulchiinsa magaalaa Finfinnee dubbisuuf taasise hin milkoofne.AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.