Addi Bilisumma Biyyaalessa Ogaadeen, Odeeffannoo Dabsuu, Miidhaa Hongee Xiqqeesanii Ilaaluu, Taatee Tibbanaa Irratti Mootummaa Naannoo Somaale Himate

Bilah Jeeylan tiin  @BilehJelan

Finfinnee,Guraandhala 18/2022 – Partiin mormituu naannoo Somalee, Adda Bilisummaa Biyyaalessa Ogaadeen (ABBO) ibsa baaseen,mootummaa naannichaa odeeffannoo dabsuu fi dararaa  hongeen naannicha irraan ga’e gad-xiqqeessani ilaalutiin himateera.

“Ajandaa wal qoodinsa Paartii Badhaadhinaa (PP), naannichaa keessatti muudatee ture jijiiruuf, dararaa hongeen qaqqabsiisaa jiru dabalataan, bulchiinsi Pireezidaant Mustafa Omar olola sobaa fi haleellaa lammilee nagaa, aktiivistootaa fi namoota siyaasaa naannoo Somaale (Ogaadeen) irratti fudhatu ni balaaleffanna.” jedhe ibsi ba’e.

Kana malees , ibsa bulchiinsi naannichaa, yaalii fonqolchaa mootummaa fi dhaabbilee shororkeessitootaa waliin walii galuun naannicha jeequufi jechuun tibbana baasee qeeqera.

Itti dabaluunis, “Muddamni naannoo Somaaletti kan dabalaa deemeef,sababa bulchiinsi naannichaa  keessatti hojii  sirni haqaa  laafef ta’uu ibsuun  “ABBO gidiraa hongeen ga’u akkasumas haleellaa humnootni nageenyaa naannoo Somaale irratti fudhataniin, ajjeechaa lammilee nagaa  fi sarbiinsa  mirga namoomaa raawwatamu ni balaaleffata” jedheera ibsa isaatin.

Partiin Adda Bilisumma Biyyalessa Ogaadeen, “Naanichatti mirgootni  bu’ura ta’an akka mirgi yaada ofii bilisaan ibsachuu fi mirga gurmaa’uu kutannoon kabajuu irraa kan hafe, odeeffannoon yaalii fonqolcha mootummaa fi nageenyaa qaamolee alaa waliin qindaa’uu jedhuun wal qabatee ba’e, soba ta’uu fi sodaa bulchiinsi kufaatii isaa jijjiruuf uumedhaa.” jedheera.

Kana malees, haleellaa  pirezidaantii naannoo somaalee duraani Kahadar Mohaalim irratti taasifamee fi tarkaanifii mormitootaa magaalaa AwBarree irratti fudhatameen lubbuun namaa darbe  balaleffachuu eere jira paartichi.

Akka ABBO’n jedhutti,  “Sababa tuffii  lubbuu namaa fi jiruu hawaasaaf  Pirezidaanti Musxafaan ifatti agarsiisuuf, haalli naannoo Somaalee keessa jiru gara sadarkaa badaatti jijjiramuu mala.”

Paartiin kun taatee tibbanaa kanaaf  pirezidaantii naannichaa qeequun, hidhamtootni siyaasaa hundi akka hiikaman, paartilee siyaasaa, hawaasa siivilii fi namoota siyaasaa keessa woods hin qabne irratti xiyyeefatamuu akka hin qabnee fi dirreen siyaasaa akk bal’atu gaafateera.

Ibsa mootummaan naannoo Somaale  tibbana baasee keessatti “Farreen nageenyaa” yaalii fonqolcha mootummaa raawwachuu  fi qaamolee shororkeessitootaa waliin qindaa’uun naanicha tasgabbii dhorkuuf yaalan jechuun himate ture. ABBO ‘n ibsa isaa  kanaan, “Kutannoo cimaa uummatni  Somaale hiree isaa fuula duraa ofiin murteeffachuu, irratti sodaachifni fi ukkamsan kamuu dhorkuu akka hin danddenye fi yaalii kanaaf taasifamuuf ammoo mootummaan Federaalaas ta’ee naannoo itti gaafatamummaa fudhachuu qabu.” jedhera.AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.