Mariin biyyaalessaa waliigaltee uummata fi hayyoota siyaasaa gidduutti uumuf malee shororkeessitoota waliin mari’achuuf miti-Paartiin Badhaadhinaa

Suuraa: Feesbookii MM

Paartiin Badhaadhinaa ibsa har’a baaseen mariin biyyaalessaa uummattotaa Itoophiyaa gidduutti waliigaltee uumuuf karoorfate jedhe. 

Paarichi mariin biyyaalessaa waliigaltee uummata fi hayyoota siyaasaa gidduutti uumuf malee qaama manni maree bakka bu’oota uummataa  shororkeessitoota jedhee ramade waliin mari’achuu akka hin taane ibsuu isaa yaadachiise.  

Caamsaa 5/2021 manni maree bakka bu’oota uummataa ABUT fi WBO(kan mootummaan shanee jedhee waamu) shororkeessummaan ramaduun isaa ni yaadatama. Murteen mana maree bakka bu’oota uummataa kun murtiii manni maree ministirota Caamsaa 1/2021 garee lamaan shororkeessumman akka ramadaman murteesse hordofeeti. Murteen kunis waraana biyyatti gaggeeffamaa jiru dhaabsisuu daran ulfaata taasisan. 

Hawaasni Idil Addunyaa garuu mootummaan Itoophiyaa ramaddii shororkeessummaa kana akka kaasu fi mariidhaf akka karaa saaqu waamicha dhiyeessaa turan. Marii manni maree nageenyaa mootummoota gamtoomanii Hagayya darbe godheen miseensi mana maricha A-3+1 jedhaman, manni maree bakka bu’oota uummataa Itoophiyaa haaraan ramaddii shororkeessummaa kaasuun qamoolee morkattoota fi mootummaa gidduu mariin akka gaggeeffamu gochuuf qophaa’u qaba jedhan. 

Ibsa har’aatiin paartichi Sababni waltajjii marii biyyaalessaa hirmaachisaan ,uumuun kan barbaachiseef nageenya waaraa uumuu fi hawaasni bal’aan dhimmoota heera mootummaa, alaabaa fi dhimmoota bu’uuraa biroo  irratti yaada dhiyeessuun walii galteerra ga’uun  guddinni biyyaatti akka saffisiisuufi jedhe. 

PPn Mootummaan biyya bulchaa jiru yeroo aangoo qabatee kaasee waltajjii marii biyyaalessaa akka qophaa’uuf sochii taasisaa turee kan jedhu ibsichi , “Akka paartii hooggansaattis, mariin mana maree waliigalaa paartilee siyaasaa, akkasumas gamtaa siivikii adda addaa hirmachise murteessaa akka ta’e kaasaa tureera.”jedhe

‘’Kanaafuu mariin biyyoolessaa akka yaadametti hojiirra yoo oolee fi ummannis deeggarsa barbaachisu yoo taasise  rakkoowwan gurguddoo mudatan furuun ni danda’ama” jedhe. Hubannoo biyyaalessaa dhimmoota bu’uuraa irratti uumuun tokkummaa ummata Itoophiyaa cimsas jedhe.

Ibsi paartiin biyyaa bulchuu kun garaagarummaa paartileen siyaasaa marii biyyaalessaa irratti qaba ni jabeessa. 

Guraandhala 14, Manni maree paartilee siyaasaa Itoophiyaa, kan partii biyya bulchu dabalatee paartilee 53 of keessaa qabu manni maree bakka bu’oota uummataa adeemsa Komishiinaroota komishiini marii biyyaalessaa hogganan filachuu yeroodhaaf dhaabuun, haala haammataa fi amanamaa ta’een akka itti fufu gaafatee ture. Manni maricha ibsa kan baase erga manni maraa bakka bu’oota uummataa maqaa kaadhimamtoota 42 ifa godhee booda. 

Paartileen mormitoota sadi Adda Bilisummaa Oromoo (ABO),Koongiresii Federaalawaa Oromoo ( KFO) fi Adda Bilisummaa Biyyaalessa Ogaaden (ABBO) adeemsi marii biyyaalessaa karoorfame hin beekamu[ABO], qaama walabaan hin filamne[KFO], bakka bu’ummaa hin qabu [ABBO] jechuun isaanii ni yaadatama. 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.