Ajjeechaan Jumlaa,Hidhaan Jiraattota Godina Addaa Saba Oromoo Irraa Hin Dhaabanne

Darajjee Gonfaatiin

Finfinnee, Guraandhala 15/2022-Sadaasa darbe erga humnootni mootummaa naannoo Amaaraatti Godina Addaa Saba Oromoo too’atanii booda ajjeechaa namootaa nagaa akkuma itti fufetti jira jedhu gabaasaaleen. Qorannoon Addis Standard taasisee namootni nagaan humnoota mootummaatiin jumlaan hidhamaa fi ajjeefamaa akka jiran ifoomse. Bulchiinsi godinichaa tarkaanfiin kun tarkaanfii garee shororkeessaa irratti fudhatamuu jedha. Yeroo mootummaan ABUT dabalatee humnoota siyaasaa waliin marii biyyaalessaa gaggeessuuf qophaa’u kanattis godina Addaa Saba Oromoottii ajjeechaan itti fufee jira. 

Akka maddeen jedhanitti namootni kumaatamaan lakkaawwama hidhamanii kan dhibbaatamaan lakkaawwaman ammoo jumlaan ajjeefamniiru. Viidiyoo fi Suuraa reenfa namoota baay’ee agarsiisu Addis Standard dhaqqabee jira, namootni ajjeefaman  kunneen jiraattota aanaalee godina addaa saba oromoo ta’uutu himame. 

Sanyii Hassan jiraataa Addis Standard erga godinichi too’annoo humnoota mootummaa jala seenee torbee muraasa booda dubbise “Humnootni mootummaa erga naannoo kana seenanii namoota nagaa ajjeesuu eegalan. Iddoo itti nama ajjeesaan eegamaa waan tureef reenfa kaasuu hin dandeenye”jedha. Itti fufunis “Namoota ajjeefaman lakkoofsa isaanii hin beeknu. Ji’a tokko booda konkolaata lafa diiguun walitti qabanii awwaala jumlaatti awwaalan.”

Sanyiin hidhaan baay’achuu irraa kan ka’e manneen barnootaa, waajjiraaleen mootummaa fi manneen dhuunfaa akka mana hidhaatti tajaajilaa turanii jedha. Akka ragaan kuni eeretti hidhamtootni godina Shawaa Kaaba Shawa roobiti fi  mooraa waraanaa naannoo oromiyaa keessa jirutti fudhataman. “Namootni hidhaman gariin ABUT fi Waraana Bilisummaa Oromoo(WBO) kan mootummaan ‘Shanee’ jedhee waamu akka naannicha too’ataniif deeggarsa gotaniitu jedhamaniiti. Kaan immoo ABUT naannoo sana yeroo too’atu maaliif baqachuu dhiiftan jedhamanii gafataman. Baqachuu dhiisuun isaanii yakka ta’e.”

Jiraataan Magaalaa Baatee Obbolessii isaa ajjeefame akka Addis Standarditti himetti, milishootni mana mana irra deemanii qabanii namaan deemu, bakka biraa geessanii ajjeesuu. “Obboleessi koo namuma dalagatee jiraatu malee nama siyaasa keessaa harka qabu miti. Humnootni mootummaa garuu ‘shanee’dha jedhanii Warra Baabbuutti haala sukkaanneessaa ta’een ajjeesan. Namni maqaan kun itti maxxanfamuun ajjeefamaa jiru xiqqaa miti.” jedhe.

Akka inni jedhutti “Jireenyi amma nuti itti jirru baayyee rakkisaadha, milishootni  halkan mana mana irra deemanaii nama qabu, yookaan birri hanga kana fidaa yoo diddan ammoo isin kenninaa namaan jedhu. Yoo maallaqa isaan gaafatan kaffaluu hin dandeenye kun shaneedha ajjeesaa jedhanii qaama biraatti dabarsuu.Tokkicha dabarfamanii kennamnaan ni  dhabamsiifamu.” Dabaluunis “Namni miseensa ‘Shanee’ taatus ta’uu baatus maallaqa gaafatan kennamee jennaan ni dhiisu. Haala kanaanis namootni hedduun hidhaman, kan ajjeefaman, kan eessa akka jiran hin beekamnes hedduudha.” jedha jiraataan kun.

Keessumaa aanaaleen Jiillee dhummugaa, Arxummaa fursii, Caffaa Dawwaa, fi  Caffaa Roobiit iddoowaan ajjeechaawwan jumlaan hedduun itti raawwatame. Zarihuun(Maqaan sodaa Nageenya isaatiif jijjiirame) jiraataa magaalaa sanbatee Axaayyee irraa kiloomeetira 7 fagaattee argamtuuti. “Bakka Hintalee jedhamutti namni 28 jumlaan bakka tokkotti  ajjeefamaniiru. Kun waan dhoksaa miti,  namni kaanis irraa haa baratu jedhanii kara gubbatti fixanii reeffa illee kaasisuu dhorkan” jedhe. Itti fufunis “Namni tokko miseensayyuu ta’ee argamee utuu ta’ee  sababa isaatiin maatiin nama sanaa 7 yookan 8 ajjeefamuun maal jechuudha? Abbaan kee waraana ‘shanee’ keessa ture jedhanii mucaa dhiira wagga 13 reebanii ajjeesan.” jedhe. 

Jiraataan Sanbatee kun hidhaan namootan sabaan oromoo ta’anii qabeenya horatan akkasumas uummata biratti kabaja qaban irratti xiyyeeffatee jedha. “Amma tooftaa ittiin magaala keessaa Saba kana dhabamsiisuu yaadaan natti fakkaata jira” kan jedhe Zarihuun “ Warri nama qabu kunis qulqulleeffachullee hin barbaadan kallattumaan gara mana hidhaa  geessuu yoo baay’atemmoo dhoksanii  ajjeesu. Sababa kanaan  maatin baay’een ijoolleen isaani haa du’anii fi haa jiraatanii addaan baasanii hin beekani ” jedha.

Jiraattotni godinichaa waa’ee ajjeechaa fi hidhaa jumlaa dubbachuu ni sodaatu. Dargaggoo Baqqalaa(maqaan sababa nageenya isaaf kan jijjiirame) jiraataa magalaa Kamisee irraa bilbilaan Addis standarditti himes yaaduma kana deeggara. “Ani amma yeroon si waliin dubbadhuu nan sodaadha tarii bilbila koo butanii bor na ajjeesuu danda’u.” Jiraattootni aanaalee godinichaa  muraasnillee  yaada miidiyaaf kennuuf  sodaa akka qaban ibsaniiru.  “Aanaa kanarraa yoo qabamanii  gara aanaa biratti geeffamanii ajjeefamu, namuu wal hin beeku nama du’eetuma reefffaa karaa gubbaatti argama malee. Waanti  Suukkaneessaan reeffi namoota  utuu hin awwalamiin yeroo dheeraaf daggala keessatti gatamee soorata bineensotaa ta’a.” Dabaluunis “Ragaa kana qulqulleessuun baay’ee ulfaata seenaan haa dubbatu malee ani  dubbadhee du’uu hin barbaadu” jedhe.

Bulchaan aanaa Jiillee dhummugaa  Ahimed Mohammeed,  erga aanaan isaanii humnoota hidhatanii socho’an jalaa bilisa ba’ee as , sochii olaantummaa seeraa kabachiisuu raawwataa jirra jedhe. Yeroo sana namootni ABUT fi WBO waliin hariiroo uumaanii ummata miidhaa turan to’annoo jala oolfamaniiru jedhe. Haa ta’uu malee Beekamtii  nuti qabnuun,“Ajaja mootummaatiin namni hanga yoonaa aanaa keenya keessatti rasaasan dha’amee ajjeeffame hin jiru” jechuun  haalaniiru. Kana malees namootni hidhaman hundii ragaa qabatamaa irratti hundaa’eti, maatiinis hidhamtoota gaafachuu danda’a jechuun ragaa jirattotaa haale. 

Bulchaan Godina Addaa Saba Oromoo Ahimed Ali gama isaatiin “Koree qulqulleessituu akka godinaatti, sadarkaa aanattis dhaabateera. Yeroo  isaan too’atamanis tokko tokkoon namaan sabani inni to’atameef maal akka ta’e adda baafamaa jira.”jechuun yaada bulchaa aanaa Jillee Dhummuugaa faallessu laate.  kanneen lubbuun namaa fi qabeenyi akka baduuf ga’ee guddaa taphaxan seeratti dhiyeesinaa kanneen kanaan ala jiraniif leenji kennineefi ummatatti deebifna jedhe.

Haa ta’u malee jiraattotni godinichaa hidhaafi ajjeechaan hanga ammaatti itti fufee jira jedhu. Akka jiraataan Aanaa Arxummaa Fursii Mohaammad Hasan Addis Standarditti  himetti, “Maqaa garee hidhattootaa itti maxxansuun namoota nagaa ajjeesuu fi hidhuun hammaatera.”  Akka inni jedhutti, dhuma ji’a Amajjii keessa qotee bulaan ollaa isaa humnoota mootummaatiin ajjeefamuu hima.”Namni kun hojii isaatin ala waa’ee siyaasaa irratti nama hubannoo ga’aa nama qabuu miti. Mana  yaalaa geeffamus ooluu hin dandeenye ni du’e, namni baay’een haaluma kanaan ajjeefamaa jira. Namumti jibba dhuunfa namarra qabuu inni akkasii jedhanii yoo eeraan utuma hin qulquulleessin ajjeesu, Hiriyoota koo baayy’ee, fira fi ollaa koo keessa namni akkanatti ajjeefame baayyeedha, hanga yoomitti garuu akka itti fufu hin beeku.” jedhe. “Yeroo hundaa yaaddoo fi sodaa keessa jirraa” kan jedhu jiraatan kun “Amma erga humnootni Federaalaa ba’uun humni Addaa naannoo Amaaraa galuu jalqabee halellaan sabummaa irratti xiyyeeffate raawwatamaa jira.”jechuun himeera.

Walitti bu’insa humnoota mootummaa fi humnoota hidhatanii socho’an ABUT waliin hidhata qaban gidduutti uumameen jiraattota godina Addaa Saba Oromoo irra gaaga’amni guddaan gahee jira. Jiraattotni godinichaa Addis Standard dubbise wal waraansi ture haleellaa qilleensaa fi humnoota hidhattootaa,  Milishaa, humnoota addaa naannolee garaa garaa fi Raayyaa Ittisa Biyyaa kan itti hirmaataniifi ulfaata akka ture eeraniiru. Godinicha keessatti hidhaafi ajjeechaan hanga ammaatti kan itti fufe ta’uu Addis Standard  mirkaneeffatee jira. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.