Warshaan Sukkaaraa Fincaa’aa Haleellaa Hidhattootaan Hojii Dhaabe

Suuraa: Biloom Barg

Itoophiyaa keessatti waggaatti Sukkaara toonii 270,000 oomishuu kan danda’u warshaan Sukkaaraa Fincaa’aa,  haleellaan irra deddeebiin garee hidhattootaatan irratti raawwatamuu dubbi himaan dhaabbatichaa Rattaa Dammaqaa Biloom Bargitti himeera.

Itti dabaluunis sababa haleellaa dhiyeenya gareen hidhattootaa maashinoota  fi shonkoora gubaniin warshichi hojii dhaabuuf akka dirqame ibseera. “Sababa tasgabbii dhabuu  naannichaatiin boba’aa galchuun, Maashinoota sochoosuu hin dandeenye. Dhimma kanas qaama mootummaa dhimmi isaa ilaallatuuf gabaasnee deebii eeggata jirra.” jedhe Rattaan.

Warshaan Sukkaaraa Fincaa’aa magaalaa Finfinneerraa gara kaaba dhiyaatti km 350 fagaatee, naannoo Oromiyaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti argama. Bara 2020  irraa jalqabee erga manni maree Bakka Bu’oota uummaataa Itoophiyaa WBO shororkeessummaan ramadee as keessumaa lixa Oromiyaa Bakka waraanni Bilisummaa Oromoo Socho’aa jirutti haleellaa fi jeequmsi adda addaa hammachaa dhufuu gabaasaleen kan ibsan. Dhimmicha irratti Dubbi himaa Waraana Bilisummaa Oromoo Odaa Tarbii deebii hin laanne.

Fincaa’aan  warshaalee Sukkaaraa mootummaa gara dhuunfatti jijiiramuuf jiran 10 keessa tokko yoo ta’u,kunis carraaqqii diinagdee mootummaan kaappitaala alaatiif banuuf taasisudha jedhame.

Biyyi lammilee miliyoona 120 qabdi jedhamtu Itoophiyaan waggatti sukkaara tooni 700,000tti fayyadamti, kana keessaa ammoo toonii 325,400 oomishti.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.