Jilli Lammiilee Hidhaa Saawudi Keessa Jiran Gara Biyyaa Deebisuuf Imale Bu’aa Malee Deebi’e

Lammilee Itoophiyaa Hidhaa Saawudi jiran
Suuraa: Miidiyaa Hawaasaa

Finfinnee, Guraandhala 14/2022- Jilli Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa irraa dhimma hidhamtoota Saawudi furuuf  gara Saawudi Arabiyaa ergame bu’aa malee deebe’e. Jilli ministira Maallaqaa Ahimed Shideetiin hogganamu haala hidhamtootni gara Itoophiyaatti deebi’an mijeessuuf ture kan gara Saawudi imale. Haa ta’u malee jilli kun aanga’oota Saawuditiin osoo walii hin galin deebi’e jedha dhaabbatni gargaarsa namoomaa JIRRA’n. 

Amajjii darbe Ministeerri Haajaa Alaa, jilli kun mootummaan Saawudi namoota eeyyamni jireenyaa isaanii xumurameef dhiifama gochuun adabbii maallaqaas akka kaasu gaafatee ture jedhe. Jilli kun dabalataanis namoota basii geejjibaa qabaniif dursi akka kennamu gaafatee ture. Kana malees yaaliin dhimmoota hatattamaa adda baasuu hojjachuu fi  aagnga’oota Saawudi wajjiin hariiroo cimsuun abdii horaa jira jedha Ministeerri Haajaa Alaa.

Dhaabbatni gargaarsa JIRRA’n hidhamtooni kumaatamaan lakkaawwaman jiru jedha. Akka dhaabbatichi hoggantoota hawaasa Saawudi jiran irraa hubatetti aanga’ootni Saawudi hidhamtoota jiran basii geejjibaa dana’uun gara Itoophiyaatti deebisuuf fedhii qabu. Haa ta’u malee aanga’ootni Itoophiyaa mootummaan Saawudi Arabiyaa hidhamtootaaf beenyaan akka kennu gaafatan, mootummaa Saawudis beenyaa kennuu diduun dhimmichi dhaabbata gargaarsa namoomaa idil addunyaa ilaallata jedhe. Hoggantootni hawaasaa Saawudi sababa beenyatiif jilli Itoophiyaa irraa ergame bu’aa malee deeb’e jedhu. 

Ministir Deetaan Ministeera Haajaa Alaa Reedwaan Huseen, Saawudi Arabiyaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Leencoo Baatii fi Pirezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Hajii Muftii Omaar Idiriis  jila Ministir Ahimed Shidee hoggane keessa jiru. Ministeerri Haajaa Alaa kaayyoo jila kanaa hin ibsine. Suuraa, viidiyoo fi waraabbii sagalee rakkoo sukkanneessaa hidhamtootni keessa jiran mul’isan Addis Standardiif ergaman akkuma itti fufanitti jiru. 

Ragaan Addis Standard mana hidhaa Saawudi naannoo Jiddaa jiru keessaa dubbise haalli mana hidhaa keessa jiru daran hammaachaa jira jedha. Ahimed karaa Yeman Saawudii seene, erga hidhamee ji’oota 11 uffatuma gaafa qabame uffateen turuu isaa dubbata. “Hidhamtootni hunduu pilaastikii uffatu.” jedha Ahimed. Kutaa nama jaatamaa ijaarame keessa nama dhibba sadi tanee hidhamne jedha. “Waanti garaa nama nyaatu haala haadholii fi daa’immaniiti. Nyaataa fi waan qulqullina isaanii ittiin eegan hin qaban. Mana hidhaa keessatti du’aa jiru.Kana malees manguddoowwan ganna 70 fi 80 ta’anis mana hidhaa keessatti dararamaa jiru.” dabalunis “Hidhamtootni hedduun rakkoo xiinsammuu qabu, kanaaf lubbuu isaanii dabarsu.” darbee darbee ji’a lamaa sadi booda mana fincaanii dhaqna jedha Ahimed.

Taateewwan sukkanneessaa manneen hidhaa keessa jiru “Haati harma hoosiftu lubbuun ishee darbe, daa’imni ishee reenfa ishee irraa harma hodhe. Booda Poolisiin daa’ima sana reenfa haadhaa irraa akka fuudhe dhagaheera. Kan biraa ammoo Poolisiin nama du’e waan jiru se’ee yeroo reebu argeen jira. ” jechuun hima Ahimed.

Jilli ministira Maallaqaa Ahimed Shideetiin hogganamu gara Saawudi dhufuu isaanii yoo dhageenyu abdii horannee turre garuu furmaata hin fidne jedha Ahimed. “Waan abdii nuuf ta’u dhagahuuf eeggachaa turre, garuu hin dhageenye. Waa’ee keenya mari’atanii waan irra gahan hawaasa bal’aa beeksisuu qabu.” jedhe. 

Haati daa’ima ishee wajjiin ji’a sagaliif mana hidhaa naannoo Riyaad jirutti hidhamte waraabbii sagalee Addis Standardiif ergiteen namni hundi rakkoo keessa jirru dhagahee mootummaa akka gaafatu akkasumas waaqa nuuf haa kadhatu  jette. “Ergan hidhamee ji’a sagal guteen jira. Mucaan koo halkanii fi guyyaa boo’a. Waanan nyaachisu hin qabu.Yeroo hunda waan dhukkubsatuuf na jalaa du’a jedheen sodaadha” jetti.  

Marii jilli Itoophiyaa  mootummaa Saawudi Arabiyaa waliin gaggeessan irratti maal irra akka gahan hubachuuf yaaliin Addis Standard ministira Maallaqaa Ahimed Shidee fi Dubbi himaa Ministeera Haajaa Alaa Ambaasaddar Diinaa Muftii dubbisuuf taasise hin milkoofne.AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.