Hoggantootni ABO Lagannaa Nyaataa Irra Turan Hoospitaala Seenan

Bitaa Irraa Gadaa Gabbisaa, Mikaa’el Booran, Kennasaa Ayyaanaa, Daawit Abdataa, Battee Urgeessaa, Lammii Beenyaa

Finfinnee, Guraandhala 11/2022- Hoggantootni Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) hidhaa seeraan alaa mormuun lagannaa nyaataa eegalan dadhabanii gara hoospitaalaa geeffamuu isaanii Pirezidaantiin Waldaa Maccaa fi Tuulamaa Dirribii Damissee Addis Standarditti himaniiru. 

Hoggantootni  dhaabichaa kan akka Mikaa’el Booran, Kennasaa Ayyaanaa, Daawit Abdataa, Lammii Beenyaa, Gadaa Gabbisaa fi Itti gaafatamaan Sabqunnamtii ABO duraanii Battee Urgeessaa Buufata Poolisii Buraayyuu irra gara Hoospitaala Poolisii Caffee Muudaatti(Lidata) fudhataman dubbatan Dirribiin. 

Hoggantootni ABO halkan kaleessaa hoospitaala galuu isaanii kan eeraan Dirribiin ogeeyyiin faayya Nyaata nyaachuu waan hin dandeenyeef dura gulukoosiin wallaanamuu akka qaban dubbatanii jedhan. Itti gaafatamaan Sabqunnamtii ABO Lammii Gammachuu,ogeeyyiin fayyaa Hoospitaala Poolisii jiran hoggantootni kunneen waan dadhabaniif itti gaafatamummaa hin fudhannu jechuun osoo hin wallaanin deebisanii jedhe. “Ganama har’aa poolisiin Oromiyaa deebisee hoospitaala fide.” jedhe Lammiin. Dabaluunis “Abukaattoon isaani fi maatii akka hin ilaalleef dhorkamanii jiru.” jedhe. 

Itti gaafatamaan Sabqunnamtii ABO Kennasaa Ayyaanaa of wallalee jira akkasumas Mikaa’el Booran fi Battee Urgeessaa haala yaaddessaa keessa jiraachuu eerera. Haati warraa Battee Urgeessaa  Beezaa Hayilee “Abbaan warraa koo maal akka ta’e hin beeku. Cinqii keessan jira.” jette. Dirribiin gama isaatiin gareen jaarsolii mana dhidhaa deemaanii hoggantootni kunneen nyaata akka nyaatan kadhatanis “Haqa dhabnee dararamuu mannaa du’uu waayya” deebii jedhu argachuu himan. 

ABO’n ibsa kaleessa baaseen haalli fayyaa  hoggantoota dhaabichaa godina Addaa Naannawa Finfinneetti hidhamanii miidhamaa akka jiruufi hoggantootni kunneen maatii isaanitiin akka wal hin argine dhorkamuu isaanii eerera.

Addi Bilisummaa Oromoo mootummaan Paartii Badhaadhinaatiin hogganamu miseensota ABO hidhaa jiran gidirsaa jira jechuun himate Komishiini Mirga Namoomaa Itoophiyaatiif komii dhiyeessus deebii hin arganne. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.