Finfinnee, Guraandhala 11/2022-Dararaan lammiilee Itoophiyaa hidhaa Saawudi Arabiyaa keessa jiranii dhuma kan hin qabneefi dhagahuufu kan nama sururu jedhe Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO)n ibsa kaleessa waaree booda baaseen. Handhuurri rakkoo kanaa “Imaammatootni guddinaaf jedhamanii biyya keenya keessatti bahan, hirmaachisaafi sirrii ta’uu dhabuudhaan, gariin hojiirra hinoolan, hanga ta’e yoo hojiirra oolanis fedhii namootaafi garee muraasaaf giddu-galeessa waan taasifamaniif, fedhii ummattoota keenyaa otoo hinguutiin karaatti hafu.” jedhe KFOn.
Qorannoon Addis Standardiin haala lammiilee Itoophiyaa hidhaa Saawudi Arabiyaa keessa jiran irratti gaggeessee tarkaanfiin Saawudiin godaantota seeraan alaa irratti fudhattu lammilee Itoophiyaa irratti kan xiyyeeffate ta’uu mul’isee jira. Gabaasni biraas dararaa lammiilee Itoophiyaa hidhaa keessa jiranii irra gahu akkuma itti fufetti jiraachuu ragaleen bilbilaan mana hidhaa argamaniin mul’iseera.
Haadholiin harma hoosisan, daa’imman kichuuni fi haadholiin ulfaa nyaata, qorichaa fi iddoo ciisichaa mijataa malee rakkachaa jiru jedhu lammileen Itoophiyaa hidhaa keessa jiran. Hidhamtootni mootummaan Itoophiyaa akka isaaniif birmatu iyyachaa turaniiru. Kana malees Imbaasiin Itoopiyaa Saawudi jiruufi Ministeerri Haajaa Alaa itti gaafatamummaa isaanii ba’achuun hidhamtoota baraaruu dadhabuu isaanii irratti komii kaasaa turaniiru.
Ibsa kanaan KFO’n Itoophiyaan guddina diinagdee galmeessite jedhamtee dhaadheffamtus jireenya hiyyeessaa jijjiiruuf yaalii hin goone,“Qabeenya namoota muraasaa fooyyessuurraan kan hafe, lammiilee agabuusaanii oolanii-bulaniif hinyaadamu” jedhe. “ Lafa bal’aafi qabeenya uumamaa hedduu otoo qabnuu, haalaan misoomsuu dhabuudhaan kan ka’e lammiileen keenya jireenya dhuunfaafi maatiisaanii fooyyessuuf jecha haala baay’ee sodaachisaafi yaaddessaa ta’e keechaan gara godaansaatti qajeelu.” kan jedhe KFO’n “Waggoota soddomman darban keessa qofaa, lammiileen keenya fedhiin siyaasaafi dingdee guutuufi dhabuudhaan, gara biyyoota hambaatti keessumaa gara Biyyoota Arabaatti yeroo godaananitti, huurrii gammoojjiifi irbaata kashalabbeewwaniifi bineensota galaanaa ta’anii hafaniiru.” jedha.
“Keessumaa biyya Libiyaa galaana cinaatti dardarraan qalamaniifi yeroo dheeraadhaaf biyya Saawud Arabiyaatti mana nama dhuunfaafi tiibanammoo jumlaadhaan mana hidhaatti ukkaamfamanii dararaan isaan keecha jiran nama surura.” kan jedhe paartichi ‘Yeroodhaaf wantootni baay’een nutti hafanii, mootummaan lubbuu lammiilee kanaa otoo baraaree gaariidha’ yaadni jedhu jiraachuu eeruun “KFOnis yaada kana nideeggara” jedha.
Nabiyyuu Siiraak gaazexeessaa fi jiraata Saawudi Arabiyaa ture. Rakkoo godaantota kana hubachuuf Addis Standard Nabiyyuu dubbise. Haalli qabiinsa hidhamtootaa badaa ta’uu kan ibse Nabiyyuu tarkaanfiin godaantota seeraan alaa irratti fudhatamaa jiru kan xiyyeeffate lammilee Itoophiyaa irratti jedha. Kana malees “Hidhamtootni hundi godaantota seeraan alaa miti. Namootni karaa seeraan gara biyyatti seenan erga hidhamanii booda qulqullaa’ee kan gadi lakkifaaman jiru. Kuni garuu fudhatama hin qabu.”jedha.
Akka Nabiyyuun jedhutti lammiileen Itoophiyaa walakkaa miliyoonaa ta’an karaa seeraan ala Saawudi seenaniiru. Namootni 100,000 ta’an hidhaa keessatti rakkachaa jiru. “Lammiileen 200,000 ala jiranis rakkoo hamaa keessa jiru.” jedha.
Mootummaan waggaa tokko keessatti godaantota 42,000 gara biyyaatti deebisuyyuu furmaata waaraa fiduu hin dandeenye jedha Nabiyyuun. Itti dabaluunis “Yaalii garaa garaa karaa Ministeera Haajaa Alaatin godhamu ni beekama. Haata’u malee mootummaan dararaa fi doorsisa lammiilee dhaabsisuu hin dandeenye. Hidhaa godaantotaa akkuma itti fufetti jira.”jedhe. AS