Xiinxala: Itoophiyaan Ejjennoo Ergamtoota Ameerikaa fi Gamtaa Awurooppaa agarsiisan irratti mufannaa qabdu ibsite

Getaahuun Tsaggaayeetin @GetahunTsegay12

Finfinnee, Hagayya 06/2022 – Mootummaan Itoophiyaa, karaa Gorsaa Nageenya Biyyaalessaa Muummicha Ministeeraa, Ambaasaaddar Reedwaan Huseen, “garee ergamtootaa & Ambaasaaddarooaa yeroo Maqalee deemanitti haala dhimmicha to’achuu irratti filatan” irratti mufannaa qabu ibseera.

Himannaan mootummaa kun kan dhiyaate walgahii Hagayya 02 Pirezidaantii naannoo Tigraay Dabratsiyoon Gabramikaa’el (PhD), Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa U.S. Maayik Haamar, Bakka Bu’aa Addaa Gamtaa Awurooppaa Gaanfa Afrikaa Aneetee Weebar, Itti Aanaa Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii & Ergamtuu Addaa Gaanfa Afrikaatti Haannaa Tetteh akkasumas Ambaasaaddaroota Kanaadaa, Xaaliyaanii, fi Itti Aanaa Hogganaa Ergamaa U.K gidduu magaalaa guddoo Tigraay Maqaleetti gaggeeffame hordofeeti.

Ibsi Redwaan, “marii nagaadhaaf waadaa hin shakkisiifne akka mirkanaa’uuf dhiibbaa gochu dhabuu, kanaa mannaa tasgabbeessuutti of kennuu fi haal-duree qaamni biraa kaa’e guutuu” jechuun dippilomaatota sadarkaa olaanaa warra dhihaa himate. Ibsi inni dippilomaatotaaf kenne kun ibsa waliigaltee “Akkuma marii kanaan dura mootummaa Itoophiyaa waliin taasifame irratti beekamtii argateen, Tigraay keessatti humna ibsaa, telekoomii, baankii, fi tajaajiloota bu’uuraa biroo saffisaan deebisuun ummata Tigraayiif barbaachisaadha” jechuun ibsame booda bahe.

Mootummaa naannoo Tigraay irraa xalayaa wabii erga argateen booda ibsa waliigaltee dippilomaatota lixaa saffisaan tajaajilli akka deebi’u gaafachuun garaagarummaa guddaa ta’ee dhufe keessatti, mootummaan federaalaa seensa “haala dandeessisu uumuu” jedhu irratti ejjennoo isaa ibseera.

Pirezidaantiin naannichaa Dabratsiyoon, Tigraay waraana kana karaa nagaan xumuruu akka barbaaddu, garuu marii nagaa gaggeessuuf jalqaba haal-duree tokko tokko kan akka “tajaajilli bu’uuraa deebisu”

“Tajaajila deebisuu ilaalchisee, fedhiin mootummaa irra deebi’amee kan mirkanaa’e yoo ta’u, sanaafis irra deddeebi’amee ibsameera: Sunis, marii jalqabuudhaan haala mijeessuu fi nagaa uumuu,” jedhe Ambaasaaddar Reedwaan. Dabalataan, jila warra dhihaa marii nagaa irratti xiyyeefachuu dhiisanii haal-dureewwan TPLF irratti xiyyeeffachuu isaanii komateera.

Ejjennoon Itoophiyaan tajaajila bu’uuraa deebi’ee eegaluurratti qabdus ejjennoo mootummaan Tigraay irra deddeebi’ee haala duree tokko malee tajaajilli bu’uuraa deebi’ee eegaluu irratti dubbatu ni kuffisa. Pirezidaantiin naannichaa Dabratsiyoon, Tigraay waraana kana karaa nagaan xumuruu akka barbaaddu, garuu marii nagaa gaggeessuuf jalqaba haal-duree tokko tokko kan akka “tajaajilli bu’uuraa deebisu” guutamuu akka qaban dhiheenya kana TV naannoo Tigraayitti hime ture.

Dhimmi biraa mootummaan federaalaa ergamtoota addaa waliin falme, “Tigiraayiifi naannolee ollaa Affaar fi Amaaraatti gargaarsa namoomaa hin daangeffamne…” jechuun waamicha isaan dhiyeessan ture.

“Ibsi waloo isaanii kun seenaa “gargaarsa namoomaa hin daangeffamne” jedhu kan yeroo dheeraaf jedhamaa ture irra deebi’ee kaase. Lakkoofsa balalii irratti daangaan hin jiru; baay’ina konkolaataa fe’umsaa gargaarsa fe’an irrattis daangaa tokkollee hin jiru. Dhimmi boba’aas xiyyeeffannoo argatee, hundaan jajamee jira.” jedhe ibsi Reedwaan.

Haa ta’u malee, ibsi mootummaa federaalaa kun, Tigraay keessatti hanqinni boba’aa akka jiru fi kunis gargaarsi namoomaa manneen kuusaa magaalaa Maqalee irraa akka hin raabsifamne gufuu ta’uu ibsuun komii dhaabbileen gargaarsa namoomaa naannichatti socho’an irra deddeebi’anii dhiyeessan waliin faallaadha. “Manneen kuusaa naannoo Tigraay keessatti michuuwwan USAID’n gaggeeffaman nyaata & gargaarsa lubbuu baraaruu birootiin guutamaniiru. Namoota rakkataniif dhqqabsiisuufi lubbuu baraaruu itti fufuuf deeggarsoonni namoomaa boba’aa, maallaqaa fi tajaajila ummataa daangeeffama malee argachuu barbaadu,” jedhe Imbaasiin Ameerikaa barreeffama Hagayya 03 tiwiitara isaa irratti maxxanseen. Haaluma walfakkaatuun, gabaasa UNOCHA baatii Adoolessa keessa baaseen “hanqinni maallaqaa fi boba’aa Tigraay keessatti hojiirra oolmaa raabsaa nyaata irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jira.

Sababa qormaata hojii fi loojistikiitiin raabsa nyaataa marsaa karoorfameef xumuramuu irratti harkifannaan uumameera,” jedhe. Kana malees, gabaasichi hanqinni boba’aa naannolee Amaaraafi Somaalee keessatti mul’atu “hojii lubbuu baraaruurratti dhiibbaa geessisaa jira” jedheera.

Mufannaan mootummaa kun hima dhumaa ibsa Reedwaan kenne keessatti kan ibsame yoo ta’u, “Gatmtaan Afrikaa karaa tokkichadha, kunis ammallee jechoota jaboon irra deebi’amee dubbatameera” jechuun xumureera. Haa ta’u malee, sababa mormii kana maal akka ta’e kallattiin ifa miti.

Haa ta’u malee, mootummaan Gamtaa Afrikaatin akka giddu-galeessa tokkichatti fudhachuuf cichuun isaa mootummaa Tigraay irraa mormii isa mudateera.

Ergamtoonni Ameerikaa fi Gamtaa Awurooppaa ibsa waloo baasaniin “marii Mootummaa Federaalaa Itoophiyaa fi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) gidduutti Gamtaa Afriikaa jalatti mariin akka eegalamu jajjabeessina,” jedhaniiru. Waraana biyya keessaa furuu fi “nagaa waaraa” galmaan ga’uuf “marii siyaasaa” barbaachisaa ta’uu cichanii kan dubbatan ergamtoonni kunneen, fedhii qaamoleen marii gaggeessuufjiran lamaan agarsiisan akka gaariitti simachuu isaanii fi gidduu seenummaa Afrikaan durfamu deeggaruuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru.

Haa ta’u malee, mootummaan Gamtaa Afrikaatin akka giddu-galeessa tokkichatti fudhachuuf cichuun isaa mootummaa Tigraay irraa mormii isa mudateera.

Pirezidaantiin mootummaa naannoo Tigraay, Dabratsiyoon Gabramikaa’el (PhD), xalayaa Waxabajjii 14 Dura Taa’aa Gamtaa Afrikaa fi Pirezidaantii Senegaal Maakii Saaliif ergeen, adeemsa Gamtaa Afrikaatin durfamu irratti komii qabu ibseera. “Waraana fi gocha hammeenyaa humnoonni nurratti ka’an kana irratti Gamtaan Afrikaa callisuun isaa gantummaa dudhaalee bu’uuraa gamtichaa ture. Dura taa’aan Gamtaa Afrikaa fi Bakka Bu’aan Olaanaa isaanii dirqama ciccimoo seera Heera gamtichaa, Pirootokoolii Mana Maree Nagaa fi Nageenyaa hundeessu, fi waadaa biroo hedduu seenan waliin ejjennoo walsimu fudhachuu dhabuu isaanii balaaleffanna. Akka ilaalcha ummataa fi mootummaa Tigraayitti hoggansi Komishinii Gamtaa Afrikaa hanga ammaatti kufaatii isaa furuu fi amantaa keenya deebisuu hin dandeenye,” jedha xalayaan kun.

Kana malees, gorsaan Pirezidaantii Tigraay Dabratsiyoon Gabramikaa’el (PhD) fi miseensa koree jiddugaleessaa TPLF kan ta’e Geetaachoo Raddaa, “Adeemsa marii hunda Gamtaa Afrikaaf dhiheessuun keenya baay’ee itti gaafatamummaa kan hin qabne ta’a,” akkasumas mariin kun Pirezidaantii Keeniyaa, Uhuruu Keeniyaataa hirmaachisuu qaba jedhe.

Dudduubee

Gareen marii nagaa miseensota torba qabu walgahii isaa jalqabaa Adoolessa 12 gaggeesse. “Koreen ijoo marii nagaa walgahii isaa har’a Adoolessa 12 gaggeesse. [Koreen kun) marii hoggansa Gamtaa Afrikaa jalatti gaggeeffamuuf adeemsa hojii fi seera naamusaa mataa isaa irratti mari’atee murteessee jira. Koreewwan xixiqqaa gurmeessuunis itti gaafatamummaa qooddee hojii isaa eegaleera,” jedhe Ambaasaaddar Reedwaan.

Erga Paartiin biyya bulchaa jiru Waxabajjii 27 gareen miseensa torba aangawoota Tigraay waliin marii nagaa gaggeessa jedhamee eegamu dura taa’ummaa Itti aanaa Muummee Ministiraa fi MinistIra Dhimma Alaa Dammaqa Mokonniiniin durfamu hundeessu isaa kan ibse yoo ta’u, gareen kun miseensota biroo ja’a jechuunis: Ambaasaaddar Reedwaan Huseen, Ministira Haqaa – Geediyoon Ximotewoos (PhD), Daarektarri Olaanaa Tajaajila Basaasaa fi Nageenya Biyyaalessaa (NISS) Tamasgan Xurunah, Hogganaa waajjira Odeeffannoo Waraanaa (hogganaa Eegdota Rippabilikaan duraanii) – Letenaal Janaraal Birhaanuu Baqqalaa, Qindeessaa Waajjira Sirna Dimookiraatawaa Paartii Badhaadhinaa – Ambaasaaddar Hasan Abdulkaadir, fi Pirezidaantii Itti Aanaa naannoo Amaaraa Dr. Geetachoo Jambar kan of keessaa qabudha.

Gareen paartii biyya bulchaa jiru kan ifoome Ministirri Ministeera Haqaa Geediyoon walgahiin koree hojii raawwachiiftuu fi giddugaleessaa paartii biyya bulchaa jiruu “haala heeraa fi dantaa biyyaalessaa kabaje” fi “haala mijeessuun Gamtaa Afrikaatin” marii nagaa gaggeessuuf “kallattii kaa’uu” erga hime boodadha.

Itti aansuudhaan, Adoolessa 18, dubbi himaan Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF), Getaachoo Raddaa, Tigraay “jila gara Naayiroobii erguuf qophii taati… akkasumas garee miseensota sadarkaa olaanaa qaban hundeessiteetti” jedhe.

Daawwannaan torbee kanaa ergamtoota addaa Ameerikaa, Gamtaa Awurooppaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii akkasumas Ambaasaaddaroonni Maqaleetti taasisan daawwannaa sadarkaa olaanaa yeroo jaqabaatiif biyyoonni dhihaa tattaaffii wal waraansa Itoophiyaa keessatti ture karaa nagaan furuuf taasifamedha. Hanga oduun kun maxxanfamutti ergamtoonni addaa ibsa mootummaan federaalaa baase irratti yaada hin kennine. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.