Oduu: Naannoo Oromiyaatti Beelli Dhoksamee Lubbuu Namaa Galaafataa Jira-KFO

Finfinnee,Hagayya 8/2022- Naannoo Oromiyaatti Beelli Dhoksamee Lubbuu Namaa Galaafataa Jira jedhe Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) ibsa Hagayya 6/2022 baasen. 

Godinaalee Oromiyaa gara garaatti waqtiin roobaa marsaa afuriif walitti aansee roobni ga’aan argamuu dhabuu isaatiin kan ka’e waggoota sadeen darban keessa hoongee uumameen bu’uura  jireenya Horsiisee Bulaa fi Qonnaan Bulaa kan ta’an Loowwan Miiliyoonotaan lakkaayamn dhumanii jiru. Namootni miiliyoonni 3.3 godinaalee gammoojjii Kibbafi, Kibba-Baha naannoo Oromiyaa keessa jiraatan gargaarsa atattamaa barbaadu jedhe ibsichi. 

Balaa hoongee fi nageenya dhabuu waliin wal qabatee uumamaa jiru ilaalchisee, yeroo garaa garaatti mootummaa fi dhaabbilee idila addunyaa dhimmi ilaallatuuf iyyansa ummataa dhageessisaa turreerra. Waggoota 3n darbaniif walitti aansuun, hoongee fi tasgabbii dhabuu siyaasaatiin kuusaan qabeenya ummataa duwwachuun; mootummaanis xiyyeeffannoo ga’aa dhoorgamuu fi sababa qophiin barbaachisaan taasifamuu dhabuu isaatiin ganna kana gara beela hamaatti jijjiiramuun, gara lubbuu namaa galaafachuutti ce’ee jira. Hoongee fi beelti kutaalee biyyattii garaa garaa keessatti kan uumame ta’uus, akkaataa miidhaa geessisaa jiruutii fi xiyyeeffannaa dhoorgamuu isaatiin addatti kan Oromiyaa irratti xiyyeeffachuuf dirqamnee jirra.

Dhiyeenya kana Godina Gujii Aanaa Sabbaa Boruutti namootni 12 sababa beelaatiin lubbuun isaanii darbuu kan yaadachiise KFOn  hoongeen taatee uumamaa yoo ta’u, gara beelaatti jijjiiramuu fi sadarkaa lubbuu namaa galaafachuu ga’uun balaa nam-tolchee fi hanqina itti gaafatamummaatiin uumameedha jedhe. Kana malees sababii beelaatiin lubbuun namaa galaafatamaa jiraachuu isaa odeeffannoolee bahan ukkaamsuudhaaf angaa’onni mootummaa hojjachaa jiraachuun eere ibsichi.   

Naannoo Oromiyaatti, gama akeekachiisa duraa fi qophaa’ummaatiin, hojiileen akkeekachhisuu fi beeksisuu ifatti hojjatamuu dhabuu isaanitiin balaa hoongeetiif deebiin harkifataa akka ta’uu fi akkasumas, hoongeen uumame miidhaa hamaa akka dhaqqabsiisuuf sababa ta’uu isaa gamaaggamni Koomishinii Mirga Namoomaa  Itoopiyaa ji’a Adooleessaa beeksisuus yaadachiise jira ibsi KFO.

Haaluma kanaan KFO’n waamicha armaan gadii dhiyeesse, 

1/Mootummoonni naannoo Oromiyaas ta’ee kan  Federaalaa dhimmichaaf xiyyeeffannoo barbaachisaa kennuun itti gaafatamummaa isaanii bahachyu qabu. Keessumaa gamaaggama balaa hatattamaa geggeessuun, miidhaa isaa bal’inaa fi gadi fageenyaan ummataaf akka beeksisan, gaafanna.

2/Karaa itti gaafatamummaan hanqateen odeeffannoo balaa dhaqqabee ukkaamsuuf qaamoleen yaalan, akka gaafataman akka taasifamu; mootummaaniis miidhaa dhaqqabeef itti gaafatamummaa fudhatee ifaan ummata dhiifama akka gaafatu, ni gaafanna.

3/Balaa beelaa kana sirna deeggarsaa idileetiin ittisuun kan hin danda’amne yoo ta’e, piroojaktiilee misoomaa gara garaa yeroof dhaabuudhaan bajata naanneessuun dursa hojiin lubbuu baraaruu akka hojjatamu, waamicha dhiyeessina.

4/Haala amma jiruun, diinagdeen biyyattii waraana walootii fi qaala’iinsa jireenyaa mudateen akkasumas sababaa weerara COVID-19n kan dadhabe ta’uu isaatiin, miidhaa beelaa qolachuun itti gaafatamummaa mootummaa qofaaf dhiifamuu miti. Kanaafuu, ummanni Itoophiyaa marti, xiyyeeffannoo kennuun humna qabuun akka biramannaa taasisu waamicha biyyooleessaa keenya dabarsina. Kanumaan wal qabatee ummanni deeggarsa isaa yeroo taasisu, akka kanaan duraatti bifa bittinnaawaa fi saamichaaf saaxilameen karaa namoota dhuunfaatinn osoo hin taane, bifa qindaa’een karaa dhaabbilee gargaarsaa beekkamoo fi amanuutiin osoo ta’ee wayyaa ta’uu ibsina.

5/Kana malees, mootummaan waamicha gargaarsaa lubbuu baraaruu hatattamaa dhaabbilee arjoomtoota idil-addunyaatiif gara mootummaatiin akka taasisuu fi badiinsa lubbuu namaa akka dhaabsisu gaafanna.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.