Oduu: Lammiileen Keeniyaa Pirezidaantii Biyyatti filachuuf sagalee kennaa jiru



Finfinnee, Hagayya 9/2022-Lammiileen Keeniyaa pirezidaantii biyyatti filachuuf ihar’a ganama sa’aati 12 irraa kaasanii sagalee kennaa jiru. 

Kaadhimamtootni Pirezidaantii afran:

Daavid Maawuree: Paartii Agaanoo Keeniyaa irraa Ogeessa seeraa fi lallabaa yoo ta’u bara 2013  Pirezidaantummaaf akka dorgumu beeksisee ture.

Raali Odiingaa- walta’insa Aziimoo laa Umooja irraa Muummee ministira biyyattii ta’uun kan tajaajile yoo ta’u Pirezidaantii ta’uuf yeroo shanaffaaf dorgomaa jira.

Wiiliiyaam Ruutoo: Gamtaa Dimokiraatotaa irraa, yeroo amma itti aanaa pirezidaantiiti.

Joorji Wajaakoyaa-Paartii Root Keeniyaa irraa barsiisaa fi ogeessa seeraa yoo ta’u Pirezidaantii ta’uuf yeroo jalqabaatiif dorgoma.

Filannoo kanaaf namootni miliyoona 22 kan galmaa’an yoo ta’u Pirezidaantii biyyattii, Bulchaa naannoo, Seenataroota, bakka bu’oota yaa’ii biyyaalessaa, 

bakka bu’oota yaa’ii biyyaalessaa dubartootaa fi bakka bu’oota naannoo filatu.

Dura ta’aan paartii Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) Prof. Mararaa Guddinaa, filannoo biyyaalessaa Keeniyaa Hagayya 9/2022 gaggeeffamu taajjabuuf affeeramanii, yeroo ammaa biyyaa Keeniyaa, magaalaa Naayiroobii imaluun isaanii ni yaadatama. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.