Oduu: Poolisiin Federaalaa Nakqaa Eertiraa dabalatee maallaqa biyya alaa biroo seeraan ala socho’an to’annoo jala oolche

Finfinnee, Hagayya 6/2022-Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa maallaqa biyya alaa biyyoota adda addaa karaa seeraan alaa socho’aa ture gargaasa hawaasaa fi qaamolee nageenyaa waliin ta’uun magaalaa Finfinneetti Jimaata Hagayya 5, 2022 to’achuu ibseera.

Tarkaanfii kanaan  Doolaara Ameerikaa 27, 491, Yuuroo 15, 325, Paawundii Isteerliingi 680 , Nakqaa Eertiraa 6 689, Firaankii Siwiizarlaand 5,200, Angoolaa Kuwaanzaa 500, Riyaal Qatar 1,680, Kiroonii Noorweey 1,000 fi kitaabota qusannaa baankii birrii 49,735 waliin too’achuu ibse. Kanaan walqabatee shakkamtoonni 71 to’annoo jala oolaniiru. Poolisiin Federaalaa qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu beeksise.

Hawaasni bal’aan dhiibbaa qabiinsi maallaqaa seeraan alaa diinagdee biyyaalessaa irratti qabu furuuf hawaasni humnoota nageenyaa waliin ta’uun gochaa akkanaa akka saaxilu Poolisiin Federaalaa waamicha dhiyeessee jira. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.