Oduu: Walitti bu’iinsa daangaa naannoo Oromiyaa fi Somaaleetti uumameen namoonni 8,000 ol ta’an Godina Baalee irraa buqqa’an

Finfinnee, Hagayya 05/2022 – Walitti bu’iinsa daangaa Naannolee Oromiyaa fi Somaaliyaatti baatii tokko dura uumameen jiraattota Godina Baalee, Aanaa Dalloo Mannaa, Ganda Gurraa Dhaamolee 8,759 qe’ee isaanii irraa buqqa’uu gabaasni haaraa bahe mul’iseera. 

Akka Addis Standard Adoolessa 18 gabaasetti, walitti bu’iinsa uumameen “qaamolee hidhatan” naannoo Somaalee irraa dhufan gargaarsa namoomaa akka hin arganne fi gara gabaatti akka hin deemne dhorkuu isaani hordofee jiraattota Aanaa Gurraa Dhaamolee [Gandoota jaha naannolee lamaan waldaangeeffaman keessa tokko] guutummaa guutuutti buqqa’uun gara aanaalee ollaatti godaananiiru.

Buqqaatonni kunneen Aanaa Dalloo Mannaa, Ganda Qolee Golbaatti daheeffatanii akka argaman hogganaa waajjira Sodaa Balaa (Busaa Gonofaa) Godinichaa Wandimmaagany Kabbadaa dubbateera. Lammiileen nagaa gandoota aanaa Dalloo Mannaa adda addaa naannoo Somaalee waliin wal daangeessan keessatti jiraatan sababa walitti bu’iinsa yeroo baay’ee wal dhabdee lafa dheedumsa waliin walqabatee uumamuun dararaaf saaxilamuu himeera. Walitti bu’iinsonni kunneen erga bara 2017 eegale uumamaa jiru jedhe. Aanaalee wal daangeessan jaha naannolee lamaan keessatti argaman irraa waliigalaan lammiilee nagaa 53,000 buqqa’aniiru.

Dabalataan kanneen walitti bu’iinsa daangaa waggaa sadiin dura aanaa Madda Walaabuutti uumameen buqqa’an keessaa lammiilee nagaa 18,600 aanaa Dalloo Mannaatti, akkasumas 10,000 ammoo Barraaq keessatti qubatanii argamu.

Torban kana Koree Lubbuu Baraaraa Idil Addunyaa (IRC) aanaa Dalloo Mannaatti deeggarsa atattamaa yuuroo 183,000 ol ta’u buqqaatota 2,000 ta’aniif kennuu miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru. Dhaabbatichi Oromiyaa keessatti qofa buqqaatota 150,000 oliif deeggarsa atattamaa gochaa jira.

Bara 2016 – 2018 keessatti walitti bu’iinsa naannolee daangaa Somaalee fi Oromiyaatti uumamaniin lubbuu lammiilee nagaa hedduun yoo darbu, namoonni miliyoona 1.2 ol ta’an qe’eerraa buqqa’aniiru. Baay’een isaani gara qe’ee isaanitti hin deebine, ammallee buufataalee qubannaa buqqaatota bakkeewwan Oromiyaa garaagaraatti argaman keessatti jiraatu. Walitti bu’iinsichi adda durummaan bulchiinsa Pirezidaantii Naannoo Somaalee duraanii Abdii Ileen kan uumame ta’uus erga inni aangoorra bu’e boodas walitti bu’iinsa darbe darbe uumaman miidhaa lubbuu namaa fi qabeenya, akkasumas buqqaatiif sababa ta’uu itti fufeera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.