Oduu: Yuunivarsiitiin Boongaa Sababa Ifa Hin Taanen Barattoota Oromoo 54 Barnoota Isaani Irraa Ari’e

Naatinaa’eel Fiixeetiin @NatieFit

Finfinnee, Hagayya 04/2022 – Yuunivarsiitiin Boongaa sababa ifatti hin ibsamneen barattoota Oromoo 54 barnoota isaani irraa ari’uun dhagahame. Yuunivarsiiticha keessatti tibbana barataan waggaa 1ffaa Muummee Saayinsii Uumamaa Darajjee Maammoo jedhamu fannifamee argamuu hordofee waa’een barataa kanaa akka qulqullaa’uuf barattoonni Oromoo bifa garaagaraan gaafachaa akka turanii fi sababa hin beekamneen miidhaan guddaa erga irra gahe booda yeroo ammaa kana mooraa gadhiisanii gara maatii isaanitti akka deebi’an barattootni Addis Standard dubbise himaniiru. 

Barataan Yuunivarsiitii Bongaa ari’amee mooraa gadhiise bahe fi maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne tokko yaada Addis Standardiif laatee, “taateen ammaa kun erga jalqabe torban lama hin caalu. Barattoota dhalattoota naannoo Yuunivarsiitichi argamu ta’an gurmaa’anii barattoota Afaan Oromoo dubbatan irratti reebicha geessisaa turan. Ergasii ammoo barataan Oromoo Darajjee jedhamu mooraa keessatti du’e argamuun isaa dhimmicha hammeesse,” jedhe. Itti dabaluun, “sana booda waa’ee du’a barataa kanaa akka qulqullaa’uuf gaafachuu yeroo eegallu barattootni dhalataa naannoo san ta’an, hawaasa naannichaa gara mooraatti seenanii fi eegdoota Yunivarsiitichaa barattoota Afaan Oromoo dubbatan adda baafachuun reebicha eegalan,” jedhe.   

Namootni haleellaa raawwatan kun ulee, sibiila feerroo, fi sibiila qara qabu qabatanii akka turan kan himu barataan kun, poolisoonni Federaalaa isaanirraa dhorkaa akka turan dubbata. “Osoo poolisiin Federaalaa hin jirre ta’e miidhaan keenya kana caala hammaata ture” jedhe. Sana booda barattoota 54 guuramanii mana hidhaatti geeffamuun guyyaa lamaaf akka tursiifaman kan himu barataan kun, “turtii mana hidhaa guyyaa lama booda nyaata laganne jennaan eegdoonni Yuunivarsiitichaa gara mooraatti nu deebisanii, boodarra ammoo meeshaa qabnu hunda sassaabne akka baanu nu godhanii hanga Jimmaatti nu geessanii deebi’an. Yeroo san garuu barataa Lammii jedhamu nurraa hambisanii fudhatanii deebi’an. Ammallee eessa akka jiru hin beeknu. Ana fi barattootni hedduu gara qe’ee dhaloota keenyatti deebine jirra,” jedhe.   

“Amma booda Boongaa keessatti homaa hin qabnu. Isa ammaallee gargaarsa rabbiitin baane. Deebine deemuufis waan amannu hin qabnu. Ijoolleen Oromoo hedduu mooraa gadhiisanii bahaniiru. Ijoollee osoo hin ba’iin hafan otuma sodaa keessa jiranuu qormaata dhiyeenya kana jiru qoramuuf eegaa jiru malee wanti hafe hin jiru. Rakkoo jiru ilaalchisee ifatti gaafadhaa nuun jedhu garuummoo akka hin gaafanne reebanii nu ari’an,” jedhe.    

Barataan  biraa Addis Standard dubbise, Sisaay [maqaan sababa yaaddoo nageenyaaf kan jijjiirame] gama isaatiin ka’umsa taatee kanaa akka quba hin qabaanne fi sababa ifatti hin beekneen ari’amee gara maatiitti akka deebi’e hime. “Rakkoon akka jiru odeeffannoo nan qaba garuu wanti ani ifatti beeku hin jiru ture. Yeroo laaqana nyaachuuf gadi ba’u osoo hin beekiin eegdoonni Yuunivarsiitichaa na qabanii konkolaata irra na fe’anii ijoollee biroo waliin mana hidhaa nu geessan. Osoo waa tokko nutti hin himiin guyyaa lama nu tursanii mooraatti nu deebisan. Sana booda meeshaa keessan guurradhaa nuun jedhanii nu baasan. Ari’amuu keenya ifatti osoo nutti hin himamiin mooraa gadhiisne gara maatii keenya gallee,” jedhe. 

Bulchiinsa Yunivarsiitii Boongaatin xalayaadhaan dubbisuun yaalii godhaniis akka hin milkoofne kan himu Sisaay fuuldurri isaa maal akka ta’u tilmaamuuf akka rakkatu hima. “Amma gara baadiyyaa deemaan jira. Wanti amma booda ta’u hin beeku. Garuu lubbuudhaan bahuu keenya qofan beeka.” jedhe.  

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ibsa Hagayya 01, 2022 baaseen, barattootni Oromoo dhimma barataa lubbuun isaa darbe argame akka qulqullaa’uutti gaaffii gaafachaa akka turan, osoo barataan sun hin du’iin duras sodaachisa fi rakkoon nageenyaa barattoota Oromoo irra dhaqqabaa akka ture ibsuun, gaaffii barattootni gaafataniif tarkaanfiin bulchiinsi Yuunivarsiiticha fudhate balaaleeffateera. “Rakkoo isaan mudatee fi mudataa jiruuf, akkasumas ajjeefamuu hiriyaa isaanii fi bu’aa qorannoo isaan walqabsiisanii gaaffii mirgaa barattootni Oromoo bulchiinsa Yuunvarsiitichaaf dhiheessaniif deebii kennuu dadhabanii, faallaa isaa barattoota Oromoo 54 barnoota irraa ari’uu isaanii ABOn gadi jabeessee balaaleffata.” jedha ibsi ABOn baase kun. 

“Ilmaan Oromoo waan Afaan Oromoo dubbataniif qofa mataa gadi qabachiisuuf jecha Shanee jedhu yakka godhanii “isin Shanee dha” ittiin jechuun doorsisuu fi barnoota irraa yakka tokko malee ari’uun Yuunivarsiitii Boongaa fi hoggansi isaa, seeraa fi seenaan kan gaafachiisudha,” kan jedhe ABOn, bulchiinsi Yunivarsitichaa barattoota kana gara barnoota isaaniitti akka deebisu gaafateera. Kana malees, “gaaffiin barataan gaafate gaaffii mirgaa fi hamilee ta’uun beekamee, gaaffii gaafatame iftoominaan deebisuu, darbees yakka lubbuu baasuu raawwatame bifa ogummaan qoratamee barattootaaf, maatii barattootaa fi ummata bal’aaf deebii ifaan akka kennamu” gaafachuun, kanneen yakka kana keessaa harka qabanii fi barattoota irratti doorsisa dhaqqabsiisan adda ba’anii seeraan akka gaafataman gaafateera.

Dhimma kana irratti bilbilaan yaada akka laatuuf Pirezdaantii Itti aanaa Dhimma Barattoota Yuunivarsiitii Boongaa, Kallallaw Addisuu (PhD) argachuuf yaalii Addis Standard godheen “Bilbilaan odeeffannoo laachuu hin danda’u” jechuun ala odeeffannoo laachuurraa of qusachuun bilbila cufeera. Gama biraatin, Pirezidaantii Itti aanaa Dhimma Barnootaa Yuunivarsiitichaa, Dr. Antanah Wandimmuu, bilbilaan argachuuf yaaliin godhame hin milkoofne. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.