Oduu: Itoophiyaatti Namoonni Miliyoona 29.7 Gargaarsa Barbaadu-UNICEF

Finfinnee, Hagayya 4/2022– Bara 2022tti walitti bu’insi , nageenya dhabuun, waldhibdee hawaasummaa, hongee, waraanni fi weerarri COVID-19 dachaan wal-irra bu’anii fi irra deddeebi’anii muudatanii guutuu Itoophiyaa keessatti namoota miliyoona 29.7 ol ta’an miidhaniiru. Kana keessaa miliyoona 12.4 ol daa’imman naannolee adda addaa keessatti argamani, akka waliigalaatti aanaaleen 1,085 miidhaaf saaxilamaniiru jedha gabaasni UNICEF kaleessa baase. 

Dhuma bara 2020 irraa eegalee waqtii roobaa afran walitti aansuun giddu galeessaa gadi ta’e roobuu hordofee, naannoowwan gammoojjii  kibbaa fi kibba baha Itoophiyaa keessatti argaman hongee bal’aa fi hamaa Laa Niinaan ka’eef saaxilamaniiru. Hongee kanaan beeyladni miliyoona 2.1 ol du’uunis gabaafameera.

Roobni Bitootessaa -Caamsaa naannoo hongeen muudatetti roobe maddeen bishaanii gabbisuu hin dandeenye. Kana malees roobni Onkoloolessaa -Muddee 2022 roobus xinnaadha jedhamee tilmaamama. Kunis naannoo Somaalee, Oromiyaa, SSUK, Sidaamaa fi Affaar keessatti namootni miiliyoona 9 ol ta’an wabii nyaataa ni dhabsiisa jedha UNICEF.

Walitti bu’iinsa kaaba Itoophiyaatti uumameen alattis, Beenishaangul Gumuz, Gaambeellaa, Oromiyaa fi SSUK keessatti qaamoleen hidhatanii fi mootummaa gidduutti waraanni taasifamaa kan ture yoo ta’u, buqqa’iinsa daran hammeessee jira. Buqqaatota deeggarsa lubbuu baraaruu barbaachisu biraan ga’uuf gufuun ijoo ta’e, keessumaa gandoota baadiyyaa fagoo fi dhaqqabuuf rakkisaa ta’an keessatti, qaqqabummaa dhabuun ammallee jira. Kunis dubartootaa fi daa’imman balaa fi miidhaadhaaf saaxilee jira. Hanga ji’a Waxabajjiitti guutuu Itoophiyaatti daa’imman miliyoona 2.9 ol (daa’imman umuriin isaanii barnootaaf gahe keessaa %17) barnoota irraa hafaniiru, isaan keessaa miliyoona 2.53 sababa walitti bu’iinsaatiin yoo ta’u 401,000 ammoo sababa honggetini jedha gabaasichi.

Naannoo Oromiyaa aanaalee hongeen miidhaman keessaa dhibbeentaan 89 tatamsa’inni hanqina nyaataa cimaa bakka bu’ummaa addunyaa(global proxy acute malnutrition) dhibbeentaa 15 ol ta’u agarsiisera. Naannoolee Oromiyaa hongeen miidhaman (Baalee, Baale Bahaa, Booranaa, Gujii fi Gujii Lixaa) keessatti namootni Hanqina nyaataa hamaa(Severe accute Malnutrition) hoospitaala galan kan bara darbee waliin walbira qabamee yoo ilaalamu dhibbeentaa 79n dabaluun eerameera.

Wantoonni hanqina nyaataa hamaa fi du’a baay’eedhaaf gumaachan, dhaabbileen fayyaa dadhaboo ta’uu, hanqina qulqullinaa fi bishaan dhugaatii qulqulluu, irra deddeebiin gargaarsa nyaataa dhabuu fi sababa sochii daangaa qaxxaamuraatiin dhukkuba busaa fi dhukkuboota daddarboo biroo olka’uu dabalatas jedhame. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.