Suura: Faaris Alamuu fakkii kaase qabatee
Geetaahun Laggasaatiin @Birmaduu2
Finfinnee, Caamsaa 12, 2023 – Faaris Alamuu godina Wallaga Bahaa aanaa Boojjii Coqorsaatti dhalate. Barnoota sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa achumatti erga xumuree booda gara maagaala Hoolotaa dhufuun mana barumsa qophaa’inaa barate. Faaris yeroo ammaa Yuunivarsitii Finfinneetti barumsa ogummaa (drawing) barachaa jira.
Faaris aartiist Oromoo lafaa ol dhufaa jiruudha. Fakkii kaasuun hawwii ijoolummaa isaati. Fakkii kaasuu kan eegale mana barumsa sadarkaa tokkoffaatii kaaseeti. Ammas ogummaa jaalatu kana ummata Oromoo tajaajiluuf hojjachaa jira.
Addis Standard Afaan oromoo (AS) mata duree Jabaa/Jabduu jedhuun namoota ogummaa kalaqaa, fakkii, teeknoolojii, bizinasii fi biroos qaban ol dhufaa jiran tarreedhaan dhiyeessa jira. Haaluma kanaan, artist Faaris AS Afaan oromoo wajjiin turtii taasiseera. Turtii ASAO Faaris wajjiin taasise haala armaan gadii kanatti isiniif dhiyaateera. Iti dhiyaadhaa!
Jaalala ogummaa fakkiitiif qabu
Fakkii kaasuu xiqqeenyumarraa kaaseen jaaladha ture. Fakkii kaasaan guddadhe. Barataa yeroo turetti fakkii heddu kaaseera. Suuta suutaan jaalallii ani fakkiiif qabu cimaa fi ogummaan ani qabus guddachaa dhufe. Haaluma kanaaniin sadarkaa amma irra jiru kanarra gahe. Kanaafuu, fakkii kaasuun isa fedhima daa’imummaarraa na wajjiin turedha.
Yoomii fi eessatti fakkii kaasa?
Halluu garaagaraatti fayyadameen fakkii kaasa. Fakkii gosa lamaanuu nan hojjadha. Isa fakkaatti dhugaa (realism) jedhamu kan suuraa tokko ilaalee isuma fakkeessee ergan kaasee booda halluu itti diibeen akka bareedu taasisa. Wantoota dhugaan jiran ilaaleen akkas fakkeessee kaasa. Isa cinaatti fakkii yaadaan kaafamu (abstract) jedhamus nan hojjadha.
Fakkiiwwan Faaris
Fakkiiwwan koo yeroo hedduu aadaa ummata Oromoo wajjiin hidhata kan qabaniidha. Irra caala wantoota aadaa wajjiin walqabatan irrattiin xiyyeeffadha. Fakkiiwwan nama boohaarsanis jiru. Irra caalaansaanii garuu wantoota aadaadhaan walqabatan mul’isu.
Yaada fakkii maalirraa argatta?
Fakkiiwwan koo aadaa Oromoo wajjin walitti dhufeenya kan qaban wan ta’eef yaadas kaniin argadhu aadaaadhuma Oromoo ilaaluudhaan yookimmoo kitaabota dubbisuudhaani. Jalqaba duraa waraqaa xiqqoorratti kaaseen yaadannoorratti qabadha. Sana booda “sharaa” (waraqaa guddaa) irratti guddiseen kaasa.
Gabaa fakkii
Agarsiisa fakkii garaagaraarratti hirmaadheera. Achitti fakkiiwwan ani kaase ummata biraan gaheera. Akkasumas karaa namoota na beekaniin namootaaf dhiyeessaan jira. Ammaaf Istuudiyoo yookiin iddoo agarsiisa mataa kootii hin qabu.
Karoora of duraa
Gara fulduraatti ogummaan qabu kana sirriitti guddifachuun barbaada. Istuudiyoo argachuun rakkisaa ta’us istuudiyoo mataa kootii qabaachuun hojii gurguddaa hojjachuun barbaada. Keessumaa wantoota aadaa ummata keenyaatiin walqabatan iratti hojii guddaa hojjachuuf karooran qaba. Hojii bal’aan karoorfadhee harkaa qaba. Barumsa barachaa jiru kana gaafan xumure bal’inaan hojiittti galuudhaaf karoorfadheen jira.
Fedhii artiistichaa
Aadaa Oromoo wajjiin wantoota walqabatan bal’inaan hojjachuun barbaada. Aadaa Oromoo kan akka Gadaaa fi Irreechaa fakkiidhaan addunyaaf mul’isuurratti gahee guddaan taphadha jedheen amana. Aadaaa oromoorratti wanti baay’een hojjatamuu danda’a. anis bal’inaan wanta mul’atu hojjadhee aadaa ummata kanaa addunyaatti mul’isuun barbaada. Iddoo itti hojjadhuu fi fakkiiwwan koo iddoo itti mul’isu qabaachuus nan barbaada.
Fakkiiwwan keessaa…
Fakkiin yeroo darbe agarsiisa ayyaana Irreechaarratti mul’ise keessaa laman siif ibsa. Fakkiin kunneen bal’inni isaanii gurguddaa ture. Inni tokko fakkii haadha siiqqee ture. Haadhi siiqqee suni uffata aadaa Oromoo uffattee, qabee, siiqqee fi marga jiidhaa harkatti qabattee habaaboo keelloo keessa dhaabbattee argamti. Duubi fakkii sanaa daraaraa habaaboo keelloo ture. Fakkiin suni waqtii birraa mul’isa. Mata dureen fakkichaa ‘Birraa’ kan jedhu ture.
Fakkiin waqtii Birraa kan Oromoon itti ayyaana Irreechaa itti kabaju jiru ibsuudhaaf barbaadeen kaase. Fakkiin lammataa dubartoota gara irreechaa dhaquuf uffata aadaa uffachaa fi meeshaa aadaa qabachaa jiran kan agarsiisuudha.
Yaada daawwattootaa
Namoonni daawwatan yaada adda addaa naaf kennaniiru. Yaaduma babbareedaa nama jajjabeessu naaf kennanii. Haata’u malee, gama fakkii bituutiin dadhabina guddaatu jira. Irra caallisaanii daawwatanii dinqisiifatanii deebi’u malee hin bitan. Yaadni isaan naaf kennan garuu baay’ee na jajjabeesseera.
Gatii fakkii
Gatii dhaabbataa hin qabu. Gatiin fakkiiwwan gosaa fi guddinasaanirratti hundaa’a. Akkuma guddinasaatti gatiinis wal caala.
Rakkooleen mudatan
Rakkoon inni guddaan rakkoo dhiyeessii meeshaati. Meeshaan akkasii biyya keessatti baay’inaan hin argamu; gatiinsaas qaaliidha. Rakkoon inni guddaan kanadha. Inni lammaffaammoo gama fakkiitiin aartiin Oromoo duubatti hafeera. Aartii kana guddisuudhaaf hirmaannaan ummataa barbaachisaadha. Agarsiisi baay’een hin jiru. Kan jirus namooti ispoonsara gochuudhaaf fedhii hin qaban. Iddoon agarsiisaa kan akka hoteelaa yeroo gaafannu hayyamamoo nuuf hin ta’an. Dhaabbatumti aartii kana jabeessuuyyuu hin jiru. Kuni kuni raakkoo ijoodha.
Dhaamsa arstistootaaf
Aartii kana guddisuun kan danda’amu yeroo itti laachuun irra deddeebiin yaaluudhaani malee wanti beektu si harkaa badaa deemuu danda’a. Aartichi kunuunsa baay’ee kan barbaaduudha. Kanaafu, dhaamsi ani isaaniif qabu cimanii yeroo itti laatanii akka hOjjataniidha. Inni biraa rakkoo dhiyeessi meeshaatiin walqabatee artistoonni ogummaa kana dhiisaa jiran baay’eetu jiru.
Dhaamsa ummataaf
Dhaabbileen adda addaa fi namoonni dhuunfaa agarsiisi fakkii dhiyaatee beeksisni adda addaa akka hojjatamu gargaarsa gochuun aartii kana guddisuuf faayidaa qaba jedheen amana. Akkas taanaan artii Oromoorratti jijjirama guddaa fiduu danda’a.