Oduu: Jilli olaanaa mootummaa federaalaa yeroo duraaf magaalaa guddoo Naannoo Tigraay Maqalee seene

Finfinnee, Mudde 26 – Jilli sadarkaa olaanaa qondaaltota mootummaa federaalaa Af-yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Taaggasaa Caafootiin durfamu har’a ganama magaalaa guddoo naannoo Tigraay Maqalee seenuu miidiyaan mootummaa naannichaa gabaase.

Jilli kun erga humnoonni Tigraay Waxabajjii 28, 2021 magaalaa Maqalee fi kutaalee Tigraay irra caalaa qabatanii booda jila sadarkaa olaanaa mootummaa federaalaa kan jalqabaati. Gorsaa nageenyaa Ministira Mummee Abiy Ahmad Ambaasaaddar Reedwaan Huseen, Ministirri Haqaa Geediwoon Ximootewoos akkasumas Hoggantuu Olaantuun Itiyoo Telekoom Fireehiwoot Taammiruu aanga’oota olaanoo jiila kana keessatti hammataman keessaati.

Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa Federaalaa akka beeksisetti gareen kun miseensota Komishinii Marii Biyyoolessaa Itoophiyaas kan hammatedha.

Jilli kun adeemsa raawwii waliigaltee nagaa gamaaggamuun dhimmoonni ijoo waliigalticha keessatti hammataman akkaataa karoorfameen hojiirra ooluu isaanii ni mirkaneessaa jedhamee eegama.

Daawwannaan kun kan taasifame erga Ministirri Muummee Abiy Ahimad Dilbata darbe hojiirra oolmaan waliigaltee nagaa mallattaa’e abdii kan qabu ta’uu fi mootummaan nagaa buusuuf waadaa galee irratti cimee akka itti fufe dubbate booda.

Muddee 22, ajajoonni olaanoo mootummaa federaalaa Itoophiyaa fi humnoota Tigraay yeroo lammataaf Naayiroobii keessatti walga’uun hojiirra oolmaa waliigaltee waraana dhaabuu dhaabbataa Sadaasa 02 Piritooriyaatti mallattaa’eef waliigalteewwan hordoffii, mirkaneeffannaa fi to’annoo Gamtaa Afrikaa hojiirra akka oolu fudhataniiru.

Waliigalteewwan hordoffii qaamolee lamaanin mallattaa’an, Koree Waloo bakka bu’aa tokkoon tokkoon qaamolee kunneen, IGAD fi paanaalii ol’aanaa Gamtaa Afrikaa, akkasumas Gareen Ogeessota Afrikaa (TEA) irraa babbahanii namoota 10 of keessaa qabu hidhannoo hiikkachiisuu hidhattoota ABUT, humnoonni biyya alaa fi kanneen RIB hin taane Tigraay keessaa baasuu fi gargaarsa namoomaa argachuu fi wantoota biroo dabalatee hojiirra oolmaa waliigaltee nagaa hordofu akka hundeeffamu eera.

Mootummaa federaalaa fi mootummaa naannoo Tigraay irraa komii walirratti ka’uus, qaamoleen wal waraansarra turan lamaan waliigalticha hojiirra oolchuuf waadaa galan irra deebi’anii mirkaneessaa turaniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.