

Finfinnee, Mudde 27/2022 – Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balallii idilee gara Maqalee taasifamu boru Mudde 28/2022 irraa akka eegalu Hogganaa Olaanan Daandii Qilleensa Itoophiyaa Masfin Xaasoo miidiyaleef himan. Kanaan dura Sadaasa 23/2022 balalliin idilee ni eegalama jedhamus osoo hin eegalin ture.
Masfin jila mootummaa federaalaa magaalaa Maqalee daawwatan keessa tokko yoo ta’u buufatni xiyyaaraa Alulaa Abbaa Naggaa haala garii irraa akka jiru mirkeneesse.
Haaluma kanaan Daandiin qilleensa Itoophiyaa balallii idilee guyyaatti al tokko gara maqalee eegaluufi. Hogganaan daandii qilleensaa Itoophiyaa balallii iddoowwan biroo naannicha keessa jiran jalqabsiisuuf hojiiwwaan hojjatamaa jiraachuu hime.
Akkuma tajaajila bu’uuraa biroo, daandiin qilleensaa Itoophiyaa, yeroo naannichi too’annoo mootummaa federaalaa jala ture tajaajila kennaa ture. Haa ta’u malee Waxabajjii 28/2021 erga humnootni Tigraay naannicha too’atanii addaan citee jira.
Sadaasa darbe Hogganaan daandii qilleensaa Itoophiyaa buufataalee Xiyyaaraa naannichatti argaman keessaa bufaataleen Maqalee fi Shiree haala gaarii irraa akka jiraniifi tajaajila balalliif mijatoo ta’uu eere. Haata’u malee, buufanni xiyyaaraa Aksum, Iddoo hawwata turistii Itoophiyaa olaanoo keessaa tokko ta’e, walitti bu’iinsa uumameen miidhaan irra ga’ee balalliidhaaf akka mijatu suphamuu fi sirreeffamuu qaba. AS