Oduu: Hojjettoonni fayyaa waqtii Kovid qacaraman 300 ol hojii irraa ari’aman MM Abiyyiif xalayaa komii barreessan

Finfinnee, Mudde 26 – Ogeessonni fayyaa 340 ta’an qacarrii kontiraataan waggaa sadiif erga tajaajilanii booda ministeerri fayyaa hojii irraa nu ari’e jechuun xalayaa komii Waajjira Ministira Muummeef barreessan.

Xalayaa ogeessonni kunneen barreessan keessatti, weerara Kovid-19 ittisuuf carraaqqii godhameen ministeerri fayyaa bu’uura kontiraataan isaan qacaree boodarra garuu Komishiniin Siivil Sarviisii qajeelfama qacarrii isaanii gara dhaabbataa taasisu baasuun eerameera.

Ogeeyyiin fayyaa Amajjii bara 2019 irraa eegalee kontiraataan tajaajila kennaa turan kunneen, ministeerri fayyaa qajeelfama kana cabsuun akkasumas murtee qacarriin isaanii dhaabbataa akka ta’u murtaa’ee ture cabsuun hojiirraa ari’amuu iyyataniiru.

Ogeessoti fayyaa qacarriin isaanii dhaabbataa taasifame jiraachuu eeruun, isaan adda baafamanii dhaabbilee fayyaa keessatti tajaajilaa turan keessaa, qabeenya kan dhaabbilee kanaa ta’e harka isaanii jiru kamiyyuu deebisanii akka bahan itti himamuu komatan.

Hojjetaan fayyaa maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan tokko, Addis Standarditti akka himanitti, xalayaadhaan dhaabbataa akka taasifaman itti himamullee, ogeeyyii waqtii Kovid qacaraman keessaa dhibbeentaa 80 qofatu carraa kana argate.

Ministeerri Fayyaa kanaan dura waliigaltee keenya gara dhaabbataatti akka jijjiiru xalayaan nu beeksisullee, yeroon waliigaltee keenyaa ji’a kana keessa akka xumuramu nutti himame jedha.

Hojjettoonni fayyaa kunneen irra deddeebiin gaaffii dhiyeessanillee ministeera fayyaa irraa furmaata tokkollee argachuu akka hin dandeenye dubbatu.

Ministirri Deetaa Ministeera Fayyaa Ayyalaa Tashoomaa (PhD) akka jedhanitti, komiishiniin siiviil sarviisii ogeeyyiin fayyaa kunneen dandeettii dhaabbati fayyaa isaan keessa tajaajilaa turan qabuun walsimsiisuun hojjetaa dhaabbataa akka ta’an kan hayyame yoo ta’u, ogeeyyiin fayyaa kuma 5 ol dhaabbataa ta’uu himu.

“Hojjettoonni dhaabbataa hin taasifamiin hafan ogeeyyii raawwii hojii isaanii irratti hanqina qaban fi kanneen rakkoo naamusaa qaban ta’uu,” Addis Standarditti himaniiru.

Waliigaltee hojjettoota fayyaa kanneenii dhaabbataa gochuu dhabuun sarbamni mirgaa raawwatame hin jiru, garuu hojjetoonni fayyaa] kunneen dogoggorri jira jedhanii yoo yaadan, dhaabbilee kanneen gaafachuu akka danda’an himaniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.