Gulaallii: Lola Oromiyaa gaaga’amaa fidaa jiru dhaabuuf gaaffii miseensonni paarlaamaa dhiyeessaan ni deeggarra

Finfinnee- Haalli nageenyaa Oromiyaa keessa jiru qaamolee biyya keessaa fi idil addunyaa irraa xiyyeeffannoo guutuu barbaada. Waggoota arfan darban keessatti haalli nagaanya hawaasaa badaa dhufeera. Waliin jireenyi sabdaneessaa naannicha keessaa waggoota dheeraaf ture sababa dantaa siyaasaa qaawween oofamuun dhabameera. 

Walitti dhufeenyi, hariiroon hawaasummaa fi tokkummaan saboota gidduu ture amma diigameera. Ajjeechaa jumlaa namoota nagaa gara jabinaan guutame dhiyeenya kana Kiiramuu fi Giddaa Ayyaanaatti raawwatamee haga ajjeechaa Tolee lubbuu namoota 200 galaafate kana malees buqqa’insi namoota kuma dhibbaatamaan lakkaawwamanii, saamicha fi qabeenya dhuunfa fi hawaasaa barbadeessuun mallattoo “sarbama mirga namoomaa hamaa ta’eti” jedha Komishiinin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa(KMNI)

Gabaasni KMNI taatee gara jabeenyaan guutame kana humnootni nageenyaa mootummaa, Waraanni Bilisummaa Oromoo(WBO), humnootni hidhatan kan naannoo Amaaraa irra ka’an akkasumas qaamoleen hawaasaa mootummaan hidhachiise harka keessa qabu jedha. Gabaasni KMNI Itoophiyaa kun ajjeechaa jumlaa ji’oottan jahan darbanii irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, uumamuun gaaga’ama kanaa waggaa afuriin dura. Innis bu’aa kufaatii siyaasa fi gowwoomsaati. Yeroo dheeraaf osoo hin furamin hafee Itoophiyaa qabee naannichas dirree yakkaa taasiseera. 

Kufaatii siyaasaa bira darbee gaaga’amni kun rakkoo hamaa diigamuu heera uuma. Milishoonni naannoo Amaaraa, fi miseensonni Faanoo hidhattota mootummaa hin taane daangaa Oromiyaa qaxxaamuranii walitti bu’insa hidhannoo irratti bobba’an argamuun isaanii, heerri mootummaa aarsaa ta’etti hubatama, paartiin  biyya bulchu aaduudhaan aaduu jechuu dadhabuun isaas haala jiru daran hammeesse maddaa aangoo kan ta’e sirna heeraa fi walabummaa haqanqaale.

Haalli kun mootummoonni naannoo fi federaalaa itti gaafatamummaa isaanii dirqama heera mootummaaiin  ba’uu dhabuu qofa osoo hin taane, lubbuu namoota nagaa eeguu akka dadhabanis ifa godheera.

Kanas ta’e sana haalli jiru hammaachaa jira. Mootummaan federaalaas ta’ee kan Oromiyaa rakkoo kana karaa nagaan hiikuuf fedhii argisiisaa hin jiran. Deeggartoota isaaniin jajjabeeffamnii mootummoonni lamaanuu rakkoo WBO waliin jiru karaa waraanaan qofa akka hiikan ibsaniiru. 

Adeemsi kun sababoota hedduun kan nama yaaddeessu yoo ta’u, isaan keessaa lama addatti mul’atu. Inni jalqabaa namoonni siyaasaa mootummaa Itoophiyaa gaggeessan muuxannoowwan salphina waggoota afran darban keessaa homaa hin baranne. Yeroo sanatti uummataaf waadaa lakkoofsa hin qabne galanis waraanaan WBO “haxaa’uu” dadhabaniiru.

Inni lammataa ammoo lola Tigraay keessatti eegalamee gara naannoo Amaaraa fi Affaaritti babal’achuun waggoota lamaaf gaaga’ama geessise furuuf ifatti ejjennoo wal fakkaatu qabatanii booda dhiheenya kana aangawoota Tigraay waliin waliigaltee nagaa mallatteessan irraa osoo hin jijjiiramiin ba’aniiru.

Ulaagaalee hedduudhaan, waliigalteen nagaa mootummaa Itoophiyaa fi aangawoota Tigraay gidduutti mallattaa’e akka dadhabootti ilaalamuu danda’uus qaamoleen lamaan waadaa waliigaltee isaanii bahachuuf itti gaafatamummaa waan qabaniif tarkaanfiin kun nagaa fi tasgabbii biyyattii mirkaneessuu keessatti guddina olaanaa kan agarsiisu ta’uun isaa dhugaa hin haalamnedha.

Walitti bu’iinsi hidhannoo Oromiyaa keessa jiru xiyyeeffannoo fi furmaanni gadi aanaan hin maluuf.

Walakkeessa baatii Muddee keessa miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummata Itoophiyaa naannoo Oromiyaa irraa filataman, siyaasa har’aa Itoophiyaa keessatti wantoota akka ija jabinaatti fudhataman gochuuf haamileessuun; Af-yaa’ii mana maree fi MM Abiy Ahimadiifi koreewwan dhaabbii mana maree adda addaatiif xalayaa nageenyi waaraa naannoo Oromiyaatti akka jiraatu gaafatan dhiyeessaniiru. Xalayaan isaanii kun qabxiilee kudhan kan of keessaa qabu yoo ta’u, isaan keessaa tokko adeemsa nagaa Tigraayitti raawwatame fakkaatu Oromiyaa keessatti akka gaggeeffamuuf gaaffii dhihaateedha.

Akka miidiyaa rakkoo Oromiyaa keessatti mudate gabaasuu fi miidhaa hamaa dhala namaa irra gahu galmeessuu itti fufeetti, maxxansi kun gaaffii garee seera baastoota kana irraa dhiyaate ifatti kan fudhatu yoo ta’u, namoonni biroos akka itti makaman waamicha dhiheessa.

Miseensonni hawaasa idil addunyaa siyaasa Itoophiyaa moo’ataan waa hunda fudhata jedhu keessa naanna’an, jaarmiyaalee lammummaa biyya keessaa, dhaabbilee amantaa, dhaabbilee siyaasaa, miidiyaalee fi namoota dhiibbaa uumuu danda’an, kanneen kanaan ala rakkoo Oromiyaa keessatti mudateef furmaanni waraanaa dhumaa yeroo dhiyootti akka jiraatu amanan, yaada dogoggoraa kana dhiisanii garee miseensota paarlaamaa kana waliin ta’uun balaan kun marii siyaasaatiin akka dhaabbatu gaafachuu qabu.

Namni kamiyyuu nagaa ofumaan argachuu hin danda’u, ololaanis argachu hin danda’u; waadaa qabatamaa, carraaqqii guddaa fi wareegama barbaada. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.