Oduu: Gaambeellaa keessatti haleellaa humnoota nageenyaa fi gareewwan hidhatan raawwataniin yoo xiqqaate lammiileen nagaa 50 ajjeefamaniiru: KMNI

Suuraan bakka humnootni nageenyaa naannoo Gambellaa nama nagaa irratti ajjeechaa raawwatan keessaa tokko irraa kan fudhatame

Naatinaa’eel Fiixeetiin @NatieFit

Finfinnee, Fulbaana 29/2022 – Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gabaasa qorannoo sarbiinsa mirga namoomaa magaalaa Gambeellaatti hidhattootni humna nageenyaa naannichaa, Waraana Bilisummaa Oromoo (kan mootummaan Shanee jedhe waamu) fi hidhattoota Adda Bilisummaa Gaambeellaa (ABG) raawwatan irratti hojjechaa ture ifa godhe. Gabaasa kanaan namootni 50 ol haleellaa humnoota nageenyaa mootummaa naannichaa fi hidhattoota biroo gaggeessaniin akka ajjeefaman ibsameera.

Dhimma kana irratti Waxabajjii 27 hanga Hagayya, 2022tti qorannoo gaggeessaa akka ture kan ibse Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa, qorannoo kana keessatti miidhamtoota, maatii miidhamtootaa, namoota ijaan arganii fi namoota biroo ragaa bahan waliin af-gaaffiin akka gaggeeffame, walumaa galatti namoota 58 (dubartoota 25 fi dhiirota 33) dubbisuu ibseera. Komishinichi hoggantoota dhaabbilee haqaafi nageenyaa fi qondaaltota mootummaa biroo waliin marii fi af-gaaffii akka gaggeesse; akkasumas ragaalee dokumeentii, suuraa, suur-sagalee fi dijitaalaa qorannoof barbaachisoo ta’an walitti qabuu ibse.

Komishinichi gabaasa kana irratti tarkaanfiiwwan Waxabajjii 14, 2022 guyyaa sa’aatii 7:00 booda eegalee hanga Waxabajjii 16tti adda durummaadhaan humnoonni nageenyaa naannichaa “Mana keessan keessa hidhattootaa fi meeshaan waraanaa Shanee akka jiru eeruun nutti laatameera”; “meeshaa waraanaa dhoksitan baasaa” jechuun dubartootaa fi namoota sammuun dhukkubsatan dabalatee yoo xiqqaate namoonni nagaa 50 ta’an daandii magaalattii irratti, dallaa mana isaanii keessatti akkasumas dirqamaan ala baasisuu fi gara naannoo waajjira komishinii poolisii naannichaatti geeffamuun dhuunfaa fi jumlaan ajjeefamuu mirkaneessuu ibse.

Yeroo haleellaan sun raawwatametti hidhattoonni WBO fi ABG sababa “nurratti dhukaaftaniittu” jedhuun yoo xiqqaate namoota nagaa karaa irratti socho’aa turan 7 ajjeesuun lammiilee nagaa irratti miidhaa salphaa fi cimaa geessisuu fi qabeenya namoota nagaa hedduus saamanii barbadeessuu ibsameera. Kana malees yeroo wal jijjiirraa dhukaasatti namoonni eenyuun akka ajjeefaman hin beekamne 6 ajjeefamaniiru.

Kana malees Waraana Bilisummaa Oromoo (ibsicha keessa maqaa ABO Shanee jedhuun kan eerame), Adda Bilisummaa Gambeellaa, humna addaa fi milishaa naannichaa, fi dargaggoonni namoota hedduu irratti mancaatii qabeenyaa fi saamicha raawwachuu ibseera.

Odeeffannoo maatii miidhamtootaa, jiraattotaa fi namoota ijaan arganii fi ragaalee biroo irraa sassaabame bu’uura godhachuun reeffi namoota nagaa humnoota nageenyaa naannichaatiin ajjeefaman humna addaa naannichaa fi poolisoota idilee 2 konkolaataa fe’umsaatiin walitti qabuun gara bakka hin beekamnetti geeffamuun jumlaan awwaalamuu fi maatiin reeffi akka isaaniif laatamu gaafatan dhorkamuu beeksiseera, komishinichi.

Magaalaa Gaambeellaa keessatti humni waloo Adda Bilisummaa/Waraana Gaambeellaa fi Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) Waxabajjii 24, 2022 magaalattii keessatti tarkaanfii waloo gaggeessaa akka jiran erga beeksisanii guyyaa lama booda tarkaanfii deebii humnoonni nageenyaa mootummaa naannoo Gaambeellaa fudhataniin namootni nagaa hedduu ajjeefamuu Addis Standard gabaasuun isaa ni yaadatama. Yeroo kana suur-sagalee nama nagaa harki isaa dugda duubaatti hidhamee jiru irratti irra deddeebiin yeroo dhukaasaan mul’isu toora miidiyaa hawaasaa hedduu irratti naanna’aa ture.

Jiraataan magaalichaa taate kana ijaan arge yaada yeroos Addis Standardiif himetti, “Namoonni kudha tokko kan nuti beeknu walitti qabamaniiru. Tokko qofatu lubbuun hafe. Kan Viidiyoo irratti argitan qe’ee isaa irraa fuudhamee rasaasaan ajjeefame. Obboleettii isaatiin magaalaa Gaambeellaatti guddate. Umurii isaa guutuu as jiraate. Nageenya koo balaadhaaf osoo hin saaxilin odeeffannoo dabalataa ibsuu hin danda’u. Addunyaan akka nuuf beeku barbaanna.” jechuun haala jiru hime ture.

Qondaaltonni Naannoo Gambeellaa waa’ee walitti bu’iinsicha ilaalchisee ibsa yeroo adda addaa miidiyaaf kennaniin, gama tokkoon, “Hidhattoonni WBO fi ABG magaalattii seenan kanneen uffata humnoota nageenyaa mootummaa dabalatee uffata siiviilii uffatanii waan turanii fi loll gaggeeffamaa ture magaala keessa waan tureef lammiileen nagaa saboota garagaraarra ta’an kudha torba (17) ajjeefamaniiru,” jedhe. Waajjirri Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Gaambeellaas barreeffama marsariitii miidiyaa hawaasaa isaa irratti maxxanseen “lakkoofsi sirrii hin beekamu malee namoonni nagaa miidhamaniiru” jechuun ibseera.

Akkasumas komishiniin poolisii naannichaa lola gaggeeffameen namoonni nagaa 5 WBO fi ABGtiin akka ajjeefaman, kana malees namoonni nagaa kaan lama akka ajjeefaman, reeffi daandii hundarraa walitti qabamanii waajjira bulchiinsa magaalattiin awwaalamuu, akkasumas odeeffannoowwan saamichi raawwatamuu agarsiisan jiran garuu haala sarbiinsi itti raawwatame fi eenyuun akka raawwataman ilaalchisee wanti mirkanaa’e akka hin jirre KMNItti himeera.

Gaaffii KMNI reeffi namoota du’anii maaliif maatiidhaaf hin kennamnee fi maaliif bakki awwaalchaa maatiidhaaf hin ibsamne jechuun dhiyeesseef poolisiin naannichaa deebii laateen jiraataan magaalichaa reeffi nuuf haa laatamu jechuun komishinii poolisiif iyyate hin jiru kan jedhe yoo ta’u, gama biraatiin gaaffii walfakkaatu kan gaafatame bulchiinsi magaalichaa “Poolisii federaalaa gaafadhaa” jechuun deebii kenneera. Poolisiin Federaalaa gama biraatiin reeffa walitti qabamee bulchiinsa magaalaatin awwaalame jechuun ibseera.

KMNI gabaasa haaraa kanaan qaamoleen nageenyaa naannichaa fi dargaggoonni seeraan ala ajjeechaa, miidhama qaamaa fi saamicha raawwatan, akkasumas aanga’ootni gocha kana hogganaa turan irratti atattamaan qorannoo yakkaa raawwatame itti gaafatamummaa akka mirkanaa’u; maatiin miidhamtootaaf beenyaa barbaachisu akka kaffalamuuf; akkasumas mootummaan naannichaa namootni ajjeefaman haala itti ajjeefamanii fi eessa akka awwaalaman maatiif akka ibsu hubachiiseera. Kana malees, mootummaa federaalaa fi naannoo humnoota nageenyaa gahumsa qaban obbaasuun nageenya ummataa akka eegu komishinichi gaafateera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.