Dura taa’aa itti aanaa KFO fi xiinxalaa siyaasaa Obbo Jawaar Mohaammad
Ogeessa seeraa, Asfaaw Galataatiin
Finfinnee, Ebla 06/2023 – Barreffamni kun barruu obboleessii koo jaalatamaa fi kabajamaan Jawar Mohammad dhiyeesse ilaalchisee kan qophaa’edha. Barreeffama dhiyateef galataa fi kabajan qabu ibsaa. Keessattuu ilaalcha barreesichi Mootummaa aangoorra jiru cimsuu qabna malee kan biraa alaa barbaacha hin deemnu yaada jedhu ilaalchisee gaga’ama uummata keenyaa kan hanbisu waan ta’eef ilaalchaa fi bilchina cimaadha. Kun ta’us boqonnaa 5ffaa qabsoo Oromoottii osoo hin seeniin duraan adeemsa ykn daandii qabsoo Oromoo mudataa turee marrammartoo walfakkaataa ta’uu isaa, dogongorrii keenyaa nu barsiisuu dhabuun isaa, muuxannoowwan milkaa’ina qabsoo sabaa saboota biroo/nation struggle/ irraa waan garii madaqsuu dhabuu, waan qabsoo isaanii miidheefi isaan diige ammoo akkaa qabsoo keenya keessatti hin qunnamnee of eggannoon deemuufi qabsoo keessattii badii raawwatamuuf sirni ittigafatamummaa uumuu dhabuun barreffamicha keessatti burruqfamee waan hin ibsamneef barreffama dhiyaatedha. Ibsamuu dhabuun isaas sababa yeroo fi bakkaa ta’u mala malee dagatameeti miti.
Haa ta’u malee waantoota keessoo koo tuttuqan callisaan bira darbuuf oonneen koo na didde. Sababa kanaaf malee barreffamichaa fi barreessacha ceepha’uuf miti. Olittis kanaafin Galataa fi kabaja koo ibseef. Dhimma keenya, kan keessa turre, kan keessa jirru burruqsinee/madeessinee walitti himuun dhaloota fura. Jawar human kana(the courage) waan qabuufin galateeffadhe.
Kanaafuu, barreffama gababaa kana keessatti dhimmoota barreffame Boqonnaa qabsuu itti aanu jedhu keessatti ka’aan ilaalchisee sababoota hin heeramiin/tuqamiin kan akka seenaa qabsoo Oromoo keessatti sirni ittigafatamummaa diriiree beeka moo hin beeku? hoggansi aangoo qabate ‘maaliif eejjennoo jedhame’ kanatti deeme(deemeera yoo ta’eef)’? Badiin ykn wal hubannoo dhabuun ture kan garee tokkooti moo miti? Kan jedhaniif walfakkaataan kaasuun yaala.
1. Dhimma dubbii Muummichaa alagoomsuu fi rifeensa baqaqsuu
Aangoon mootuummaa Oromoo harka akka galteen guutummaa biyyattitti miira adda addaatu dhaga’ame. Gammaachuu fullaa’atu ture. Qaamni aangoo simatees hojii dinqisiisoo dalaguutti fufe. Ajaa’iba jedhame. Uummata wajjiin walbaruu fi hirirrii deggeersii fi simannaan addaa addaa Mummicha Ministeeraaf guutummaa biyyattitii Tigraayiin dabalatee geggeeffame.
Hoggantootni qabsichaas yaadootaa fi duddubbii waltajjiwwan deggersaa kanarratti ka’an hiikuu jalqaban.Ittigafatamummaan mummichaa akka Itiyoophiyaaatti malee Oromoofi Oromiyaaf qofa kan dhufe hin turre.Adeemsa kana keessatti mooraa qabsoo oromoofi kan amaaraa keessatti taateewwan raawwate gabaabsine haa ilaallu..
Yeroo simannaa kanatti mummichis haasawaa adda addaa dhiyeessu turan. Inumaayyuu mooraan gara Kaabaa jiru Mummichaa Ministeeraan ‘Musee keenya!’ jechuun, Seenaa kitaaba Qulqullaarratti Museen Saba Israa’eeliin hoggannuun/geggessuun gabruummaa Misiraa/Gibxi/ jalaa baaseen tokkodha jedhan. Sababiin isaas gabruummaa Wayyaanee jalaa kan nu baase Mummicha Ministeeraadha jedhan. Uumuriin Mummichaa fi Museellee tokko ture jedhan. Isaaniif Muusee ta’e. Ofitti qabatan, Ni faarsan. ‘Waggaa kuma mo’i!’ jedhan. Musee qofa miti, ‘Raajii Keenya!’ jedhaniin. Biyya alaa fi biyya keessa aantee godhatan. Mootii Minilikiin umuriin koo hin dhaqqabne garuu kan akka Mummicha Ministeeraa Itiyoophiyaa jaalattu ani hin argine jedhan abbootin amantaa tokko tokko. Paartileen mormitootaa naannoo sanarra hundee hawaasaa bu’ureffatanis Abiy nu ceesisa, mummicha ministeeraa keenya jechuun kabajaa fi jaalala agarsiisaniif. Hasaawaan mummicha ministeeraa taasisaniis seenessa naannoon sun keessa jiruu fi ture akkasumas kan biyyicharratti bu’ureffate ture.
Waltajjii kamuu yoo mummichi hirmaata jecha fi yaadni achirratti dhiyaate ajandaa ta‘ee hiikaaf dhiyaata. Eenyuun? Oromootiin. Kun dubbii rifeensa baqaqsuu jedhama.
Gama deggersaa fi hirira simannaa Oromiyaatti taasifameen yeroo ilaallu hammoo ulfatinni guddaadha jedhamu kan kennameef miti. Uummannii hirira ba’ee simatus bakka tokko tokkotti haalli ture afaan ka nama qabachiisu ture. Kun gaaffii ‘uummaticha moo hoggantoota Oromootu akkas godha jedhu kaasu mala ture. Hin kaane. Hunduu kan garaa garaa haa ta’u bultee isa kaleessa waan jedhu fakkaata ture. Kanaan alattis hoggansi qabsoo Oromoos hasawaa fi duddubbii mummichi yeroo adda addaa bakka addaa addaatti taasisu hordofuun hiika itti kennuu, kana dubbachuu hin malle kana malee jechuu fi kkf dubbachuu eegalan. Waltajjii kamuu yoo mummichi hirmaata jechaa fi yaadni achirratti dhiyaate ajandaa ta‘ee hiikaaf dhiyaata. Eenyuun? Oromootiin. Kun dubbii rifeensa baqaqsuu jedhama. Rifeensa akkuma beekamu baqaqsuu yoo feetellee hin baqaqu. Mummichi Ministera ergamaa Rabbii miti, nama akka keenyaa foon uuffatu yoo ta’u ni dadhaba, ni dogongora, ni beela’a, ni dheebota, Maaliif dogongore jechuun hanqina. Itti siquun jabeeffachuun ammoo cimina.
Gareen Oromoo kaan ammoo meeshaa hidhatee aangorraa butuuf bosonatti hafe. Diina kooti jechuun aangoorraa qawween maqsuuf karoorfatee.
Egaa Mummicha kana ofirraa dhiibuun, inumaayyuu qabsoo keenya bute jechuun muummicha alagoomsuun cimee itti fufe. Ittigafatamummaan mummichaa Itiyoophiyaa bulchuu yoo ta’u Oromoo qofaan marfamuu hin qabu. Waa’ee Oromiyaas qofa haasa’uu hin qabu. Kun silaasirnaa fi caasaatiin dhimma hogganamuu qabu malee dhimmaa hasawaa fi dubbii mummichaatti hiikoo adda addaa kennuu hin ture.
Haga maqaa kee xiqqeessanitti garee maqaa kee xiqqeessee tasuma hin michoomfatu. Nama si ajjeessuu dhufeef hagam garaa yoo laafteellee aannaan hin buustuuf.
Bu’aaleen sababoota kanaa maali? Erga mummicha alagoomsuun cimee iti fufee, innis akkuma nama tokkotti garee isa deggeruu waliin dhabbachuu qaba. Kun amaluma uumamaa mootummaa qofa osoo hin tane nama kamiiti. Haga maqaa kee xiqqeessanitti garee maqaa kee xiqqeessee tasuma hin michoomfatu. Nama si ajjeessuu dhufeef hagam garaa yoo laafteellee aannaan hin buustuuf.
Haa ta’u malee ammo yeroo hammaa irraa dhabbaannee yeroo ilaalluu adeemsa qaama aangoo qabatee fallaa hawwii fi karoora oromooti? Gaaffii jedhu kaasu mala. Dhimmi kun ibsaa addaa kan barbaadu waan ta’eef biran darba.
2. ‘Yaadrimee jijjiramni barii subii dhufuu qaba’ jedhu
Galmeen Saayinsii uumamaa yoo saaqxu uumamni dhala namaa adeemsa karaa dheeraa darbuutiin sadarkaa bifa hamma qabu kanarra akka ga’e dubbata. Uumamni dhala namaas ta’e kanneen biroo adeemsaa jijjirama adda addaa keessa darbeera. Jijjiramni kunis Jijjirama Tirannaa jedhama. Qabsoon uummataas halkan takkattii kaayyoo qabate lafa hin qabsiifatu. Biyya tokko ykn sirna tokko ijaaruunis akkanuma. Lukkuun booruun dimaachuu himu, killee ture. Killeen sunis tikfamee/nyaataaf osoo hin oliin alaa gara keessatti rukkutamee osoo hin ta’iin keessa, keessaa gara alaattii rukkutamee lukkuu lubbuu qabu ta’e. Akkuma Impayeerri Roomaa bultii tokkootti hin ijaaramne jedhamu, Impaayeerri Itiyoopjiyaas bultii tokkotti hin ijaaramne. Jaarraa tokkoo ol fudhattetti. Lubbuu namaa lakkoofsa hin qabu, ammoo manni haa lakkaa’u! ijaarsi ishee hammallee ittuma jira.
Qabsoon Oromoo aangoo erga of harka galfatee booda osoo hin buliin jijjiramni waaraa/hunda galeessi akka dhufuuf kallattiinis ta’e sududa-galeessan/al-kallatiinis wacni eegale. Qabsoon Oromoo guutummaa Itiyoophiyaa qabatee bulchuu itti fufe malee Ripaablika Oromiyaa addaan baasee bulchuuf aangoo akka hin fudhatne hubachuun dhibe. Mummichi ministeraa deggersa naannoo Amaararraa osoo hin argannee akka hin filatamne hunduu beeka. Kunis hoggantootni qabsoo Oromoo tarsimootiin waan qajeelfamaniif garee kana ofitti harkisuu danda’an.
Kun ta’ee osoo jiruu Oromoota gariin biraa gaaffiin Oromoon bilisoomeera moo hin bilisoomne? Gaaffiin abbaa biyyummaa Oromoo hin deebine, Gaaffiin Finfinnee hin deebine jechuun gaaffiiwwan walfakkaataa kaasuun qaamoota aangoorraa jiranirratti hudha ta’uun eegalame. Qabsoon keenya butame jechuun raga qabatamaa malee hamilee fi miira aanga’ootaa tuttuquu, Uummaticharratti ammo afaan faajjii/burjaajjii umuun eegalame. Kunis jaalalaa fi fedhii jijjiramni battalumatti dhufuu qaba yaadrime jedhurraa dhufe. Hanqinni kun ammo ‘eessa madde?’ jechuun walgaafachuun deebisaa deebisudha jedheen amana.
Impaayerri Itiyoophiyaa Atseetiin ijaaramte seenaa mataa ishee/keessattuu kan Asteewwanii qofa babbareechuun saboota biro faaluun kan barreffame ta’uu galmee seenaa soquun ga’aadha. Kun ammo yaada sammuu fi garaa sabaa fi sablammoota Itiyophiyaa hundarratti dhiibbaa xinsammuu uumuutiin hanga isaan eenyummaa isaanii gananiitti ga’eera. Hammallee burjaajiin kun kan hin ifiiniif manni haa lakkaa’u. Galatni qabsoo sabaa/Nation struggle/ USSR keessatti eegaleef haa ta’u malee, qabsoon sabummaa addunyaan hunda, biyya keenya dabalatee, qaqqabe. Obbo Leencoo Lataan hasawaa/speech/ yeroo tokko taasisan tokkorratti qabsoo jalqabaa/ABO/kan harkise ‘yeroo qabsoo jalqabnu Oromootiin ati Oromoodha’ jechuun amansiisuti yeroo nutti fudhate jechuu isaanii nan yaadadha.
Kanaaf, Ityoophiyaa /Finfinnee/amantaa/ jaarraa tokoo fi cinaa oliif ijaaraman irratti jijjiramni ganna lamaan ykn sadiin mitii marsaa gadaa lamaanuu hin dhufu. Wayyaaneen jijjirama magaalaa Finfinnee kana keessatti fiduuf(more economically& demographically), manneen mootummaa harka saba ishii/Tigrootaa galchuuf tarsimoo uumuun dambii baastee harka saba ofii galchite. Oromoo lafaa fi lafee isarraa buqqisuuf gannoota qulqulluu 27 itti fudhate. Oromoon yeroo aangoo of harka galchus jijjirama mataa isaa fiduuf dalaguun ga’ee fi ittigafatamummaa hoggantootaa ta’ee waantootaa waggaa 150 oliif turan ganna tokko ykn lamatti ykn marsaa gadaa tokkotti fiduu dhabe jechuun yaadaan qeequufi ceepha’uun sababa amansiisaa miti.Akka eegametti hin hojjenne(innuu hin geenyeef malee) jechuun ceepha’uun(critics) kan hojiisaanii jajjabeessuu fi qaawwa itti agarsiisu ta’u mala malee Oromoo bakka hin buune waan ta’eef aangorraa haa bu’un ammo sammuu nagaan yaadamee miti. Inni boodaa kun hoggantootummarraa kan ka’e yoo ta’u sababni isaa mali jechuunis misha. Innis kan armaan gadiiti.
i. Caaseeffama fi sirnaan hogganamuu dhabuu qabsoo
‘Caasaa’ jechuun kun ‘Structure’ jechuu kooti malee isa birokraasii ‘networkii uumuun wallaaluummaa/ganduummaa ijaaraan sana miti. Ifa taasisuuf, Pirezedaantiin mootummaa USA, joy Bayiden jaarsa gannaa 70’oota xumuraa jiru. Manguddoon kun yeroo tokko tokko waltajjirraa yeroo mugu argina. Hagam dullomanillee biyyattiin caaseffamaa fi sirnaan ijaaramtee waan jirtuuf biyyattiin sirnichaan geggeffamaa jirti. Sirnaa fi caasaan isa kana, yoo jiraattees, dhabamtees bulchiinsii fi ittigafatamummaan jira.
Faana qabsoo Oromoo yeroo faana dhooftu ammoo, adeemsi qabsichaa caaseffamaa fi sirna qabaatee sirnaan geggeffamuu irra hogganaa/nam-dhuunfaa/garee takkarratti/ kan rarra’e ta’uu hubatta. Kana jechuun hoggaanaa/nama/ garee/tokkorratti rarra’uu malee sirni ijaaramee yoo hogganaan sun way ta’e (fknf, dhibame, diinan butame ykn ammo dambii qabsoo darbe) karoora lammeessoo/plan B) kaawwatee hin beeku. Fakkeenyaaf, kan dhiyoo kaasuuf,yeroo qabsoo qeerroo sanattis hoggantootni qabsoo kan keessoo turan(Tiim Lammaa jedhamuu) fi kan ala turan wal hubachuun yoo qabsa’anillee sirna ittiin bitaman waliif hin keenye jedheen amana (ragaan jira jedhu yoo jiraate dhiyeessun ni danda’ama, sababootni kana na jechisiisan armaan gaditti nin dhiyeessa).
Osoo sirna olka’ataniiru ta’ee, aangoorraa wayyaaneen osoo hin ariyatiin dura geggeesitootni qabsichaa marii geggessuun Mummichaa Ministeraaf eenyuun dhiyeessinu jechuun mariyatu turan. Dhaabni biyya keessaa yaa’ii ofii isaa ofiin geggeeffateen itti gaafatamaa dhaaba kan jijjirre ta’uu ibseera. Osoo sirnaa fi caaseeffamni jiraatee hoggansi alaas murtii kana IFATTI(ALAGAA FUNDURATTI) hin morman ture. Gareen mormu yoo mormanillee keessoo qabsichaatti qofa mormu qaban. Maaliif sirnichatu dirqisiisa. Yaaddoo fi mormiin yoo jiraate mariin sun keessootti buutee ta’a ture. Mormiin ifatti ykn midiyaarratti ta’uun isaa qabsichaafis, uumatichaafis, hamilee nama filatameefis miidhaa danuu qaba. Ifatti mormuun fira hamilee buusuu, gaaffii keessa galchuu ta’a; alagaaf/diinaaf ammoo qaawwa guddaa bana. Silaa keessootti mariyatanii yoo waligaluu dhaban sagalee calmaan/majority vote’n) murteessanii uummataaf ibsu qaban ture. Uumannii ammo dirqama hoggansa isaa dhaga’ee yaada addaa yoo qabateellee bulfatee ibsachuu qaba.
Sababa sirni hin ijaaramneef hoggansi kamuu akka fedha isaatti mormii isaa ibsataa ture. Kan silaa naamusaa fi bulmaata qabsichaa darban ammo dambii naamusaa qabsichaatiin ittigafatamummaa hordofsiisuu mala ture. Kunis sababa caaseeffamni sirnaan hin dirirreef natti fakkaata. Caasaa yoo dirirsite, qaama ittigafatamuummaa kennitetti sirnaa ittigafatamummaa hordofsiisu ijaarta, yoo karaa irraa maqe giroo isaati. Waada galeen adabama jechuudha.
Miidhaan caaseeffamaa fi sirna ofii isaa dhabuu qabsoo Oromoo, qabsoo fi hoggantootni qabsichaa akka qee alagaa dhaqu taasiseera(Ertiriyaa, Sudaan, Keeniyaa; hamma immoo Bosona Oromiyaa. Qabsoon manaa ba’ee milka’ee jiraaree?
Walumaagalatti, jijjiramni bifa tirannaatiin kan dhufu malee halkan tokkotti hin dhufu. Waantoota waggaa 150 oliif ijaaraman gannaa sadii ykn afuritti diiguun seenaa dhugaan bakka buusuun diinaa rafee jiru dammaqsuudha. Kun ammoo tarkaanfii lama of duuba si deebisuu mala. ‘Kan suuta deemu hin gufatuu!’ kanumaaf jedhan abbootiin. Iddoo rakkoon jiru adda baasaa, ilaalchaa fi sammuu firaa fi alagaarratti hojjechaa, amansiisaa deemuuf gadaan sadii hin ga’u. Deebiin dhawaata dhawaatan deebi’u horma hin rifaasisu, hin dammaqsu.
3. QABSOO QUBA WALITTI QABUU hanbisuu dhabuu
Hojiin karooraa hin qabne, xumura hin qabu. Karoorri iftoomina hin qabnee fi yeroo raawwii ifatti hin kewwanne ammo karooraa jechuu hin dandeessisu. Kanaaf karoorrii kamuu ifaa fi gabaabaa, daangaa yeroo keessatti raawwatamuus akkanuma ifatti ka’uu qaba. nam-kamuu akka hubatutti dhiyaachuu qaba. Raawwiin isaas madalamee hanqinaa fi badiin addaan ba’uun dirqamadha.
Gara qabsoo keenyatti yeroo deebinu baayinni isaa hanqinoota kana keessa kan darbe ture. Haa ta’utti karooricha raawwachuuf dogongoroota adda addaa uumamuun kan hin oolledha. Dogongorootni kun takka qaama raawwatu irraa kaan ammo qaama irratti raawwatamu biraa ta’uu mala. Yeroo kanatti egaa( qabsoo keechatti) dogongorri uumame kan hoggansaa yoo ta’es dogongorichi uumamuun jalqaba amanuu barbaachisa. Sababiin namni akka dhunfaatti badii raawwate tokko badii ta’uu isaa yoo hin amanne dogongora caalaa dalaguuf jira jechuudha. Kun ofitti araaramuu waliin tokkumadha. Sanaan booda badiin uumame kan waloo ta’uutti fudhachuunis dirqama ta’a jechuudha.
Eegaa, qabsoo Oromoo darbe keessattii dogongoreera hoggansi jedhe haga har’aatti hin argamne. Dogongorris uumameera jedhee ifattii kana amane hin jiru. Maaliif qabsoon Oromoorra akka dheeratellee gaaffii dhiyeessuuf humna hin qaban. Kun ammo matuma isaatiin hanqina ol’aanaadha. Hammallee hanqinni kun hinuma jira. Fakkeenyaaf, badii kana garee sanatu raawwate, itti himnaan didan jechuun matuma isaan hanqina. Mootiin Pilatos Kiristoos akka fannifamuu yeroo gaafatanitti hin mormine. Garuu harki koo qulqulluudha jechuun harka isaa dhiqate. Kun garuu bilisa isa hin baasne. Taateen badaa yeroo raawwatutti callisanii ilaaluun(omission) ittigafatamummaa jalaa nama hin baasu.
Gabaabsuufi walitti qabuuf, kale ebeluun badii kana raawwate, har’as ebeluun badii kana raawwata jira jechuun hanqina qofa kaasaa ofiin ammo harka keessa hin qabuun qabsicha hin tarkaanfachiisu. Badii akka hoggansaatti uumameef waloon ittigafatamuun dirqama taati. Garee takkatti quba qabuun bilisa nama hin taasisu.
Akka gudunfaatti barreffama obboleessi koo dhiyeesse baay’ee qoratamaa ta’us qabxiiwwan armaan olitti kaase kanas akka hanqina boqonnaa qabsootti keessa turree fi jirruutti fudhatamuu waan dhabaniif barreffamni gabaabdu kun dhiyaatte. Qeeqni dhugumatti caalaatti kan nama ijaaruu fi nama jabeessuu ta’us kabajaa fi naamusaan ta’uun dirqama.
Nagayatti.
Yaadni dhiyaate kan dhuunfaa kootii fi ilaalcha kiyya qofa.Hanqinni yoo uumamees kanuma kiyya waan ta’eef na hofkolchaa.
Yaadannoo Gulaalaa: Asfaawu Galataa ogeessa seeraa yoo ta’u, barnoota seeraan digirii lammaffaa (LLM) qaba. Oromiyaa keessatti Abbaa seeraa Mana Murtii Aanaa, Pireezidantii Mana Murtii Aanaa fi Abbaa Seeraa Mana Murtii Ol’aanaa Godinaa ta’ee dalageera. galatasaaf@gmail.com irratti qunnamuu dandeessu.