Ogeessa yaalii baqaqsanii hodhuu Itoophiyaa hospitaala Keeniyaa irraa dinqisifannaa argatte

Finfinnee – Ogeessa yaalii baqaqsanii hodhuu kan taate Dr. Madihaanit Dammaqaa Fayyisaa, hospitaala Keeniyaa ‘Tenwek’ jedhamu keessatti sa’aatii 6f baqaqsanii hodhuu raawwachuu isheetiin dinqisiifannaa argattetti.

Mucaa balaa mootar saayikiliin fuulli isaa miidhame (ciccirame) gara hospitaalaatti fidame. Dr. Mahihaanitii fi gareen ishee yaalii baqaqsanii hodhuu fuula mucaa kanaa sa’aatii 6f hojjechuun fuula isaa deebisanii sirreessuun milkaa’aniiru.

”Kutannoo fi dandeettiin isheen lubbuu dhukkubsattoota hedduu irratti dhiibbaa gaarii uumeera,” jedha ibsi hospitaalichi Feesbuukii irratti maxxanse.

Dr. Madihaanit Hospitaala ‘Tenwek’ keessatti tajaajilaa waggaa jalqabaa keessa kan jirtu yoo ta’u, ogeessa yaalii baqaqsanii hodhuu onnee fi sombaa (cardiothoracic sergeon) achuma hojjetu waliin gaa’ela kan qabdu yoo ta’u, mucaa ishee jalqabaa eegaa jirti. Ogummaa tishuuwwan lallaafaa haaromsuu fi deebisanii ijaaruu irratti qabduun kutaalee biroo kanneen akka lafee, baqaqsanii hodhuu waliigalaa fi baqaqsanii hodhuu niwuroo, yaala daa’immanii fi ga’eessotaaf dabalataan hojjetti.

”Jaalala Dr. Madihaanit hojii isheef qabduu fi haala mijataa Hospitaala Tenwek keessatti argamu qormaata doktora ta’uu ishee gidduutti nagaa isheef fideera. Namummaan ishee roga hedduu qabu, jaalala barnoota fayyaa fi aartiif qabduun ibsa,” jedha ibsichi. “Hospitaala Tenwek keessatti dhukkubsattoota tajaajiluuf of kennuu isheen dhugaadhaan kan dinqisiifamu yoo ta’u, dhiibbaan gaariin hawaasa irratti qabdu guyyaa guyyaan ni mul’ata.”

Bara 1937 kan hundeeffamee fi biyya Keeniyaa naannoo Bomet jedhamu keessatti kan argamu hospitaalli Tenwek, hospitaala hawaasa kiristaanaa irratti hundaa’ee fi ergama barsiisuu qabudha. 

Ogeeyyiin baqaqsanii hodhuu Itoophiyaa hedduun sagantaa carraa barnoota bilisaa Akkaadaamii Paan Afriikaa Ogeessota Baqaqsanii Hodhuu Kiristaanaa (PAACS)tiin leenjii isaanii hospitaala Tenwek keessatti hirmaataniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.