Oduu: Lammiileen Itoophiyaa maatii tokko ta’an afur lola Sudaan keessatti adeemisifamaa jiruun ajjeefaman

Finfinnee, Ebla 19/2023 – Lola Sudaan keessatti adeemsifamaa jiruun lammiilee Itoophiyaa dabalatee namoonni nagaa hedduun ajjeefamuu fi madaa’uu odeeffannoo isa argachuu Sudaanitti Imbaasiin Itoophiyaa beeksise. 

Imbaasichi ibsa baaseen “du’a fi miidhaa lammiilee Itoophiyaarra gaheef gadda guddaa akka itti dhagahame” ibseera.

Dhimmuma kanaan walqabatee miidiyaan biyya keessaa “Bisraat FM” jedhamu lammii Itoophiyaa biyya Sudaan jiraatu irraa odeeffannoo argadhe jechuun akka gabaasetti, Sudaan magaalaa Omdurmaan keessatti lammiileen Itoophiyaa maatii tokko ta’an afur ajjeefamaniiru. 

Raadiyoon Bisiraat akka gabaasetti, Wiixata naannoo sa’aatii 11:30tti haleellaa xiyyaara naannoo Omdurmaan jedhamutti raawwatameen lammiileen Itoophiyaa miseensa maatii tokko ta’an afur ajjeefamaniiru.

Itti dabaluunis hanga ammaatti lammiileen Itoophiyaa 10 ol ta’an waraana kanaan lubbuun isaanii darbuu eerameera.

Kana malees, Imbaasii Itoophiyaa Sudaanitti argamuu irratti haleellaan raawwatamuus VOAn gabaaseera. Lammiilee Itoophiyaa wiirtuu gaaddisa hawaasa godaanan Imbaasicha keessatti argamu keessa turan irrattis haleellaan raawwatameera. Hanga ammaatti qaamni haleellaa kana raawwate hin beekamne.

Itoophiyaanonni magaalaa Kaartuum keessa jiraatan “yeroo rakkisaa kana keessa darbuuf of eeggannoo danda’amu hunda akka godhan” Imbaasii Itoophiyaa hubachiisee jira.

Sudaan keessatti waldhabdeen humnoota waraanaa lamaan [Abdal Fattah al-Burhaaniin kan hogganamu waraana Sudaan fi Mohaammad Hamdaan Dagaaloon kan hogganamu humna deeggarsa ariifataa – RSF] gidduutti erga uumamee guyyaa afur booda lakkoofsi namoota waraana kanaan lubbuun isaanii darbe 270 gahuu CNN gabaaseera. 

Dippilomaatii Gamtaa Awurooppaa tokko mana jireenya isaa keessatti haleellaan kan irratti raawwatame yoo ta’u, UN ammoo ejensiiwwan, manneen kuusaa fi manneen keessummoota isaa rasaasaan rukutamee saamamuu ibseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.