Oduu: Waldhabdee fi rakkoon keessoo Itoophiya fi Sudaan nageenyaa fi misooma gaanfa afrikaa balaaf saaxilee – ‘Chatham House’

Hogganoota biyyoota Abdulfattaa Al Burhaan fi MM Abiy Ahimed (Suuraa: Chatham House)

Finfinnee – Itoophiyaa fi Sudaan, waldhabdee daangaa fi rakkoo biyya keessaa walitti hidhame guutuu gaanfa Afrikaa keessatti nageenyaa fi misooma balaadhaaf saaxiluu isaa gabaasni dhaabbata imaammataa beekamaa Chatham House ibseera.

Hidhi Haaromsa Itoophiyaa guddichi, naannoo falmisiisaa Al Fashagaa, fi waraanni kaaba Itoophiyaa keessatti mul’ate yaaddoowwan daangaa qaxxaamuraa adda addaa bara 2018 irraa eegalee hariiroo Itoophiyaa fi Sudaan gidduu jiru rakkoo biyyooni laman keessa jiranii agarsistu dha jedha..

Bara 2018 irraa eegalee biyyoonni lamaan ce’umsa bulchiinsa dimokiraatawaa, siiviilii fi tasgabbii naannoo fooyya’aa ta’e akka qabaatu taasiseera jedha gabaasni kun. Garuu bara 2020 irraa eegalee waraana Tigraay fi naannolee kaaba Itoophiyaa biroo keessatti, akkasumas fonqolcha waraanaa balaa guddaa Sudaan keessatti raawwatame gidduutti, waldhabdeen humnoota siyaasaa durii fi haaraa gidduutti uumame ce’umsi sun karaa irraa akka maqu taasiseera jedha.

Akkasumas, Masrii, Eertiraa fi biyyoota Arabaa dabalatee qooda fudhattoonni naannoo fi ji’oopoolitikaa biroo, Itoophiyaa fi Sudaan keessatti dantaa mataa isaanii, dantaa wal faallessu hordofuun, guddina hir’isuu fi furmaata abdachiisaa ta’e akka hin dhufinee rakkoo ture jedha.

Waldhabdeen dabalaa dhufus, amma walitti bu’iinsi biyyoota laman jidduti kan hin fakkaanne fakkaata jechuun Chatham House ibseera, kunis araara hoggantoota biyyoota lamaan gidduutti uumameen boodan. Ta’us garuu haalli jiru dadhaboo waan ta’eef hariiroo deebisuuf carraaqqiin taasifamu cimuu qaba jedha.

Ammas “Waldhabdeen daangaa yoo hin hiikamne, waldhabdeen ammas ka’uun tasgabbii naannoo balaadhaaf saaxiluu fi bu’aa dinagdee, misoomaa fi namoomaa miidhuu mala,” jedha gabaasni kun.

Waliigalteewwan siyaasaa kan diinummaa kaaba Itoophiyaa xumuruu fi Sudaan keessatti mootummaa siiviilii cimaa ta’e mirkaneessuuf kan kaayyeffate yoo ta’u, akkasumas deeggarsi dippilomaasii barbaachisaa ta’e yoo dhufe, ce’umsa biyyota lamaan haaromsuuf carraa gudda kan kennudha.

Gamtaan Afrikaa fi Abbaan Taayitaa Misooma Mootummoota Giddu-galeessaa (IGAD) hanga bara darbe Adoolessa 2022, Paartiilee waraanaa Itoophiyaa, mootummaa federaalaa fi Adda Bilisummaa Ummatoota Tigraay (TPLF) jidduuti Afrikaa kibbaatti, Piritooriyaa mallattaa’utti, rakkoolee biyyoota lamaan mudatan furuu gidduu seenuuf yaalanirru jedha gabaasni.

Tattaaffiin idil-addunyaa tasgabbii naannoo deeggaruuf taasifamu, rakkoolee wal-xaxaa fi sababoota tasgabbii dhabuu biyyoota lamaan keessaa fi gidduu jiru furuudhaaf deebii qindoomina qabu gochu qaba jedha gabaasni kun.

“Walqunnamtiin rakkoolee fi madda tasgabbii dhabuu biyyoota lamaan keessaa fi gidduu jiru akka qaama tattaaffii idil-addunyaa tasgabbii naannoo itti fufsiisuuf taasifamuutti ilaalamuu qaba.” jedha.

Hirmaannaan Ameerikaa haaromfamee fi tumsi biyyoota michoo kan akka Gamtaa Awurooppaa, yuunayitid kiingidamii, Sa’uudii Arabiyaa fi yuunayitid Arab Immaratesii dabalatee waliin taasiftu dabaluu isaatiin, michoonni adeemsaa fi bu’uuraa nageenya bira darbanii imaammata biyyaalessaa fi biyyoota gaanfa afrikaa akkasumas rakkoo biyya keessa fuleefatte handhuraa godhachuun ce’uumsa amansiisa fidu danda’uu.

Akkasumas, hirmaannaan idil-addunyaa caalaatti walitti hidhame akka barbaachisu, akkasumas ergamtoota naannoo gidduutti walsimsiisni cimaan akka barbaachisu kan ibsame yoo ta’u, kunis dippilomaasii ardiilee fi naannoo wajjin haala bu’a qabeessa ta’een yoo walqabate hojjatamee, tasgabbii yeroo dheeraaf bu’uura ta’uu danda’a jedha.

Dhiheenya kana, Dilbata darbe magaalaa guddoo Sudaan keessatti itti gaafatamaa Mana Maree Abbaa Biyyummaa Sudaan bulchiinsa ce’umsaa kan ta’e Jeneraala waraanaa Abdel Fattah al-Burhaan fi Humnoota Deeggarsa Saffisaa kan itti aanaa fi itti gaafatamaa mana marichaa Jeneraal Mohaammad Hamdan Dagalo’n durfamu gidduutti loli uumameera, akka gabasa VOAtti.

Lakkoofsi namoota nagaa lola kanaan ajjefamaan yoo xiqqaate gara 97tti guddateera akkasumaas namooni gara 365 ta’an immoo madaa’uu isaanii gareen hakiimota Sudaan keessatti argamu har’a duraan gabaaserra. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.