Oduu: Gargaarsa namoomaaf lolli akka dhaabbatu waliigalaniis waraanni Sudaan itti fufee jira, namoonni 100 ol ajjeefamaniiru

Lammilee magaalaa guddaa keessaa godaanaa jiran (Suuraa: RTL)

Finfinnee – Lolli cimaan magaala guddoo Sudaanitti godhamaa jiru  namoota sababa  waraanichaatiin mada’an gargaaruuf Dilbata addaan lkan citee ture ta’us itti fufee jira. Lammiilee nagaa waraanicha biyyattii keessatti ajjeefaman 50 keessaa sadi hojjattoota dhaabbata mootummoota gamtoomaniiti.

Namoonni dhiibbaan lakkaa’aman madaa’uu ogeeyyonni fayyaa kan himan yoo ta’u, “Hospitaalota hedduu Kaartumitti argaman kan  namoota madaa’an fudhachaa jiran keessaa sagal kan ta’an dhiiga, meeshaa dhiiga ittiin daddabarsan, dhangala’aa keessoo qaamaa fi dhiyeessi barbaachisoo biroos fixaniiru” kan jedhe dhaabbata Fayyaa Addunyaati.

Hojjattoonni isaa sadii erga ajjeefamanii booda gargaarsa namoomaa harka qalleeyyii biyyattii  gargaaruu kan addaan kute ta’uu Sagantaan Nyaata Addunyaa (World Food Program) akkasuma beeksiseera.  

Wal waraansi humnoota hidhattoota jajjaboo fi hidhattootaa Sudaan ‘Humnoota Gargaarsa hatattamaa’ (Rapid Support Forces) gidduutti godhamaa jiru kuni qaamolee idil addunyaa fi naannichaa lolchiiseera. Ijiptii fi Chaad daangaasaanii cufantaniiru.

Dhoohinsa gurra nama duuchuu fi  dhukaasni rasaasaa cimaan gamoowwan kaabaa fi kibba magaala Kaartuum kan namooni baay’inaan keessa jiraatanitti argamanii iyyaa jiru. Taankiin daandiiwwan keessaa iyyaa fi xiyyaarri waraanaa samiirraa barooda kan jiran ta’uu jiraataa magaalattii wabii gochuun RTL Radio’n gabaaseera.

Akkasumas, waraanichi halkan Dilbataa itti fufee waan tureef jiraattonni magaalattii lolli kuni dheerachuun biyyattii gara seera dhabdummaatti galchuu fi carraa gara diimokraasiitti ce’uu balleessuu danda’a jedhu qaban manasaaniitti dhokataniiru.

Hokkorri morkii aangoo biyyattii dhuunfachuu hogganaa raayyaa Abel Fattaah Alburhaaanii fi itti aanaasaa Mohaammad Hamdaan Daagloo kan RSF hoggaanaa jiru gidduutti torbanootaaf deemaa ture hordofeeti.

Deeggaraa Dimookraasii kan ta’e koree hojii raawwachiiftuu hakiimoota Sudaan lammileen nagaa 56 ajjeefamuu, humnoonni nageenyaa kudhanootaan lakkaa’aman du’uu fi 600 ta’an madaa’uu gabaaseera.

Dilbata gara galgalaammoo gaaffii Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii namoota madaa’an baasuu dabalatee gargaarsa namoomaa  karaan akka banamu gaafate fudhachuun sa’aatii sadiif hamma 1700 GMT’tti waraana dhaabanii ture.

RSF waliigalticha fudhachuu kan mirkaneesse ta’uus waliigaltichi kuni sa’aatii afuriif tura jedhee ture. Nama seera kana cabseerratti tarkaanfii kan fudhatan ta’uu qaamoleen lamaan dubbatniiru. Haata’u malee, battaluma sanatti naannoo walakkaa magalattiitti dhukaasni cimaa fi aarri dukkanaa’aan naannoo buufata xiyyaaraatii gara samii  bahaa ture.

Dhukaasnii fi dhohiinsi addaan hin citin kan itti kan fufe ta’uu himuun haalli kuni yaaddeessaa fi yeroo dhiyootti kan tasgabbaa’uu kan hin fakkaanne ta’uu jiraattonni magaalattii himan. Raayyaan biyyattii hamma ammaatti to’atanii kan jiran ta’uu dubbatanis, RSF masara pireezidaantichaa, buufata xiyyaaraa fi iddoolee murteessoo biroo too’adheera jedhe.  

Magaalattiin keessatti kan mul’atu dhukaasaa fi loltoota qofaadha. Ogeeyyiin fayyaa fi ambulaansiin namoota madaa’an akka talaalaniif lolli dhaabachuun torri gargaarsaa akka banamu gaafataniiru. AS

Waldhabdee Sudaan irratti odeeffannoo wayitaawaa (Ebla 18/2023) 

Namoota waldhabdee Sudaanin du’an gara 200tti dhiyaate.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antonii Bilinkan waldhabdee humnoota Sudaan lamaan gidduutti uumame ilaalchisee hogganaa waraana Sudaan Abdal Fattah al-Burhaan fi itti gaafatamaa humna deeggersa ariifataa (RSF) Mohaammad Hamdan Dagaaloo waliin mari’ateera.

Sanbata darbe lolli erga ka’ee as namoonni gara 185 ta’an ajjeefamaniiru.

Bilinkan tiwiitara isaa irratti dhukaasa dhaabuun hatattamaan akka barbaachisu cimsee ibsuun, nageenya hojjettoota dippilomaasii fi hojjettoota gargaarsaa mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu cimsee dubbateera.

Humna Deeggersa Ariifataa (RSF)n Bilinkan waliin bilbilaan haasa’uu fuula miidiyaa hawaasaa isaa irratti beeksiseera. Haata’u malee waraana kana dhaabuuf waadaa hin galle.

Dippilomaatii Gamtaa Awurooppaa tokko mana jireenya isaa keessatti haleellaan kan irratti raawwatame yoo ta’u, UN ammoo ejensiiwwan, manneen kuusaa fi manneen keessummoota isaa rasaasaan rukutamee saamamuu ibseera.

Manneen lammilee nagaa tokko tokkos cabsamanii jiraattota irratti haleellaan irra ga’eera, garuu RSF harka keessaa akka hin qabne hime.

Hoggantoonni waraana lamaan, RSF waraana biyyaalessaa keessatti makamuu dabalatee egeree Sudaan irratti walii hin galle. (BBC Africa)

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.