Oduu: Magaalota naannoo Amaaraa tibbana hokkora fi mormiidhaan raafamaa turan tasgabbaa’aa jiru

Finfinnee, Ebla 13, 2023 – Murtee humnoota addaa naannolee diigee akka haaraatti ijaaruuf mootummaan dabarse hordofuun hokkorra fi hiriirri mormii magaalota naannoo Amaaraa hedduu keessati uumamee ture guyyaa har’aa tasgabbaa’aa dhufuu jiraattonni beeksisan. Keessumaa magaalaa Qobboo, Dabra Birhaan fi Baahirdaar keessa guyyoota darbaniin wal bira qabamee yoo ilaalamu guyyaa har’aa kan tasgaabbaa’an ta’uu Addis Standard’itti himaniiru.

Humna addaa naannoo Amaaraa diiguun deebisee ijaaruuf sochii mootummaan federaalaa eegale hordofuun namoota hiriira mormii bahan, humna addaa Amaaraa fi raayyaa ittisa biyyaa gidduutti walitti bu’iinsi uumamuun ni yaadatama. Hokkora uumameen lubbuun namaa darbuu fi miidhaan qaamaa qaqqabuun gabaafameera. 

Humni addaa naannoo Amaaraa fi hidhattoota “Faannoo” jedhaman murtoo mootummaa federaalaatin mufate haleellaa tibbana Naannoo Amaaraa Godina Addaa Saba Oromoo keessatti raawwateen, lammiileen nagaa (sabaan Oromoo ta’an) hedduu ajjeefamuu, buqqa’uu fi manni gubachuu jiraataan godinichaa Addis Standarditti himeera. 

Jiraatan naanichaa Sa’id Mohaammed akka jedhetti, “bakkoota akka aanaa Jillee dhumugaa alaan, giriichii, Axaayyee fi Wasan Gurquritti haleellaan raawwatameera. Bakkeewwan kanneenitti namoonni gara naannoo 20 ajjeefamanii, manni 14 gubate” jedhe.

“Haleellaan kun milishaa faannoo fi humna addaa Amaaraatiin raawwatame,” jedhe.

Haata’u malee, guyyaa har’aa magaalota Baahirdaarii fi Dabra Birhaan keessa sochiin idilee karaa nagaatiin taasifamaa kan jiru ta’uu jiraattonni Addis Standard’itti himan. Baahir Daar guutumaan guutumatti karaa nagaa ta’een sochii gochaa kan jirtu ta’u ibsi biiroon sab-qunnamtii mootummaa naannichaa karaa fuula Facebookiitiin baase addeesseera.

Taateewwan tibbana mudatan karaa sirrii hin taaneen hiikuun sochii kana gufachiisuuf magaala keenya keessatti sochii hawaasaa fi daldalaa danquuf kan yaalame ta’us jiraatonni magaala keenyaa haxxee fi nagaa kan jaalatan waan ta’eef karaa nagaatiin sochii idilee itti fufaniiru jedhe biirichi. Tajaajiloonni geejjibaa Baahirdaar irraa gara magaala naannichaa garaagaraatti godhamu kennamaa jiraachuu ibsuun baasii, taaksii fi bajaajiin sochii idilee itti fufanii hawaasa tajaajilaa jiru jedheera.

Magaalli Qobboo gara jireenya idileetti deebi’uun sochii ayyaanaan walqabatee raawwatamu magaalattii keessatti kan mul’atu ta’uu jiraataan magaalattii kan maqaansaa akka hin eeramne gaafate Addis Standard’iif ibseera. Nageenyi magaalattii kan deebi’uu kan jalqabe guyyaa kaleessaatii eegalee ta’uu ibsuun har’a guutumaa guutuutti kan mul’atu sochii qophii ayyaanaa ta’uu addeesseera.

Akkasumas, magaala Dabra Birhaanitti sochiin idilee karaa nagaatiin eegaluu ibsuun tajaajilli geejjibaa fi baankii jalqabuu jiraataan magaalattii himeera. Konkolaataan Finfinnee dhaquu fi galuu darbaa jiraachuu ijaan arguus ibsaniiru.

Sagantaan miseensota humna addaa naannoo gara humnoota nageenyaa birootti makuun guutuu biyyaatti wal bira kan raawwatamuu ta’uu mootummaan ibsuu Addis Standard gabaasee ture. Kanaan walqabatee, kutaa humna addaa naannoo Amaaraa sagantaa mootummaa kana seeraan hubachuu dhabuun yookimmoo oduu sobaa humnoonni ajandaa badii balballeessaniin butamuun hojiilee adeesmicha gufachiisan mudataniiru jedhe, mootummaan.  Akka haaraatti gurmeessuuf sochii mootummaan taasisaa jiru mormuun magaala guddoo naannichaa baahirdaar dabalatee hiriirri mormii magaalota naannichaa biroo hedduu keessatti hiriirri mormii adeemsifamaa turuu ni yaadatama.

Akkasumas, sababiin humna addichaa akka haaraatti gurmeessuu humna raayyaa cimaa ijaaruuf ta’uu sirriitti waan hin hubachiisiniif shakkiin uummata keessatti kan uumamee ture ta’uu hojii raawwachhiftuun miseensa koree hojii raawwachiiftuu paartii badhaadhinaa fi hogganaa paartii badhaadhinaa damee naannoo Amaaraa obbo Girmaa Yashixilaa dubbate ture.

Oduu biraatiin, hidhattoonni Amaaraa “Faannoo” jedhamuun beekaman kan godina Walloo Kaabaa keessa socho’an waamicha nageeenyaa mootummaan godhe fudhachuun “ifatti dhiifama gaafachuun” deebi’uuf kan waliigalan ta’uu miidiyaa naannichaa gabaaseera.  Miseensonni Faannoo kunneen erga mootummaa naannichaa fi hoggantoota raayyaa ittisa biyaa wajjiin erga mari’atanii booda waamicha nageemya kana fudhatanii dhiifama gaafachuun gara jireenya idileetti deebi’uuf waliigaluu mootummaan naannichaa beeksiseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.