Oduu: Naannooleen Oromiyaa, Somaalii, Hararii, kibba lixa Itoophiyaa “hiriira seeraan alaa” Sinoodoosiin  waame balalleeffatan

Finfinnee, Guraandhala 10/2023 – Mootummaan naannooleen Oromiyaa, Hararii, Somaalii fi Ummata Kibbalixa itoophiyaa hiriira nagaa Siinodoosiin Itoophiyaa Guraandhala 12 tti amantootasaa waame balaaleeffatan.

Mootummaan naannoo Oromiyaa ibs hardha baaseen, “gareewwan sirna durii hawwan” amantaa dahoo godhachuun kaayyoo siyaasaa galmaan gahuu barbaadanirratti tarkaanfii kan fudhatu ta’uu mootummaan naannoo Oromiyaa akeekkachiise.

Gareen kunneen walitti bu’iinsa abbootii amantaa Ortodooksii gidduutti uumame sababa godhachuun kaayyoo siyaasaa isaanii galmaan gahuuf socho’aa jiru. Gareen kunneen duula olola jibbaa aanga’oota naannoo Oroniyaa fi uummata Oromoorratti banaa kan turan ta’uu addeesseera.

Mootummaan naannicha gochaa gareewwan kunneen raawwachaa turan obsaan kan irra darbaa turus amma garuu obsa kan fixate ta’uu himeera.

Mootummaan naannichaa adeemsa siyaasaa qaamolee kanneenii kan “haala siyaasa biyyattii sirnaan hin hubatinii” fi “walqixxummaa akka badiititti ilaalan” gochaa jiru kana gara-bal’inaan kan irra dabaa turus kana booda garuu ibsa koreen nageenyaa fi tasgabbii feederaalaa baase deeggaruun “tarkaanfii seeraa barbaachisaa ta’e kamiyyuu” ni fudhata.  

Waggoota shanan darban keessa mootummaan walitti bu’iinsa hawaasaa fi manneen amantaa gidduu ture furuuf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhachaa tureera. Sinodoosii Ortodooksii waliitti araarsuu, gaaffiilee manni amantaa Musliimaa kaase deebisuun gahee guddaa taphachaa turuu ibseera.

Oduu walfakkaatuun, mootummaan naannoo Somaaliyaa ibsa baaseen yeroo ammaa kan walgahiin Gamtaa Afrikaa raawwatamuf jiru kanatti hiriirri nageenyaa mootummaan hin eeyyamin waamuun rakkoo nageenyaa kan uumuu danda’a jedheera. Rakkoon mana amantaa Ortodooksii mudate kuni dambii ittiin bulmaatii amantichaatiin furamu qabas jedheera.

Ibsi mootummaaleen naannoo lameen baasan ibsa battala manni amantaa Ortodooksii hiriira nagaa Guraandhala 12 godhamurratti akka hirmaaatan amantootasaa biyyaa keessaa fii alaa waamettiidha.

 Tajaajjili sabqunnamtii mootummaa feederaalaa ibsa guyyaa kaleessaa baaseen gareen siyaasaa fi dargaggoota  mana amantaa wajjiin ta’uun fonqolcha mootummaa raawwachuuf hojjachaa jiraachuu ibsee ture.

Mootummaan naannoolee  Hararii fi Kibbalixa Itoophiyaa ibsa koreen waloo tasgabbi fi nageenyaa baasee deeggaruun hiriiricha balaaleffachuun ibsa baasaniiru.

Haaluma walfakkaatuun, Siinodoosiin Ortodooksii muummicha ministeeraa Abiy (PhD) wajjiin dhimmicharratti marii taasisuuf guyyaa hardhaa gara masaraa mootummaa imalanuun barameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.