Oduu: Manni Murtii Gaaffii Mirga Wabii Namoota Koree Mootummaa Ce’umsaa Oromiyaa Hudeessuun Himatamanii Kuffise

Naatinaa’eel Fiixeetiin @NatieFit 

Finfinnee, Hagayya 02/2022 – Gaazexeessitoota ONN lama dabalatee himatamtootni 17 galmee Qaasiim Abdullaahi jala himata “Koree Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessaa Naannoo Oromiyaa hundeessuu” jedhuun himataman har’a Hagayya 02, 2022 Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa dhiyaataniiru. Oolmaa dhaddacha har’aa ilaalchisee abukaatoon himatamtootaa  Milkiyaas Bulchaa, manni murtiichi dhimma gaaffii wabii dhiyaate irratti yaada falmii abbaan alangaa dhaddacha kanaan dura (Adoolessa 21) irratti dhiyeesse fudhachuun gaaffii dhiyaate kufaa akka godhe Addis Standarditti hime.

“Himatamtootni kunneen himata baay’ee waan irratti dhiyaateef, balleessaa ta’anii yoo argaman keeyyata ittiin himataman hanga waggaa 25 kan hiisisu waan ta’eef, akkasumas manni jireenya isaani adda addaa waan ta’eef beellama itti aanuu irratti dhiyaachuu dhabu danda’u jechuun keeyyata yakkaa 167 [waa’ee himatamaa beellama isaatin argamu dhabu mala jedhame shakkamu ilaalchisee kan ibsu] eeruun gaaffii wabii dhiyaate kufaa ta’eera,” jedhe. 

Abukaatootni gama isaanii himatamtootni kunneen teessoo dhaabbataa kan qaban akka ta’anii fi ragaan keeyyata 167tin gaaffii dhiyaate kufaa taasisu akka hin jirre, akkasumas himata ittiin himataman wabii kan dhowwisiisu akka hin taane ibsuun irra deebiin kan morman ta’uus mana murtiitin fudhatama hin arganne. Dabalataan, galmeen kun bu’uura irraa kan Mana Murtii Olaanaa Federaalaa akka ture fi bakka bu’ummaan mana murtii waliigalaa Oromiyaatti ilaalamaa akka jiru kan hime Milkiyaas, murtoo darbe irratti komii waan qabaniif ol iyyannoo dhiyeeffachuuf qophiirra akka jiran himeera. “Murtoo darbe irratti komii waan qabnuuf maamiloota keenya waliin mari’annee Mana Murtii Waliigalaa Federaalaaf ol iyyannoo dhiyeeffachuuf qophiirra jirra,” jedhe.     

Gaazexeessitoota ONN lama, Dassuu Duulaa fi Biqilaa Amanuu, dabalatee himatamtootni 17 galmee Qaasiim Abdullaahi jalatti himataman kunneen seera adabbii yakka keeyyata 27, keeyyata 32, keeyyata 238/1/B fi keeyyata 258/A himatamaniiru. Baatii Ebla bara kanaatti Abbaan Alangaa seera adabbii yakkamtoota keeyyata 238/1/B faalleessuun mootummaa naannoo Oromiyaa seera qabeessa ta’e diiguun Mootummaa Ce’umsaa Biyyooleessaa Naannoo Oromiyaa hundeessuuf yaaluun isaan himate.  

Seera adabbii yakkamtoota keessatti keeyyatni 258/A dhimma “yakka hammeessu” jedhuun kan ilaalamu yoo ta’u, hamatamaan yakka kanaan balleessaa ta’e yoo argame hidhaa umurii guutuu yookiin du’aan adabamu akka danda’u ibsa. Kana malees galmee walfakkaataa jalatti himatamaa 7ffaa kan ta’e Kaalifaa Abulfattaa irratti himata shororkeessummaan walqabatu dhiyaateera. 

Abukaatonni himatamtootaa himata shororkeessummaa fi “shanee ogummaa fi odeeffannoon deeggara” jedhu himatamaa 7ffaa Kaalifaa Abdulfattaa irratti dhiyaate himannaa ragaa qabatamaan kan hin deeggaramnedha jechuun mormaniiru. Bifuma walfakkaatuun keeyyatni 258 himatamtoota irratti dhiibbaa xiin-sammuu uumuuf qofa kan yaadame akka ta’e ibsuun mormaa turan. Manni Murtichaas abbaan alangaa himata isaa akka fooyyeessu ajaje ture. 

Dhaddacha kanaan duraa irratti abbaan alangaa himata isaa keessa eenyu yakka maalirratti akka hirmaate, meeshaa fayyadame maal maal akka ta’e fakkeenyaaf bilbilaan walqunnama yoo ta’e lakkoofsa bilbila maaliin akka ta’e, miidhaan gahe ammam akka ta’e fi kanneen biroo ifatti waan hin ibsineef akka fooyyeessu mana murtiitin ajajamuun isaa ni yaadatama. Abbaan Alangaas dhaddachoota baay’ee booda Waxabajjii 28 himata isaa fooyyeesse dhiyaassera. Abukaatootni himatamootaa himata fooyya’e ilaalchisee dhaddacha Adoolessa 07 oolee irratti yaada kan laatan yoo ta’u, keeyyata yakkaa himaticha keessaa akka bahu ajajame ture [keeyyata 258] lakkoofsa isaa qofa baasuun qabiyyee keeyyaticha keessa jiran ammallee himata keessa waan jiraniif akkaataa dhaddacha kanaan dura irratti ajajameen hin raawwatamne jechuun mormanii turan.

Manni murtiichaa dhaddacha Adoolessa 21, 2022 ooleen wantootni ijoo himata keessatti tarreeffaman keeyyata yakkaa 258 keessatti kan eeraman ta’uus keeyyata 238 keessa hin eeramne kan hin jechisiifne waan ta’eef, akkasumas dhimmi kun adeemsa falmii irratti akka ragaatti kan dhiyaatu malee amma akka mormii sadarkaa duraatti kan dhiyaatu miti jechuun himata abbaan alangaa fooyyeesse dhiyeesse fudhachuun mormii himatamtootaa kufaa taasiseera.

Dhaddacha Adoolessa 21 oolee irratti abukaatootni himatamtootaa mootummaa cee’umsaa Oromiyaa hundeessuun yakka akka hin taane, heera mootummaatin kan eeyyamamu fi yaada ofii bilisaan ibsachuu bu’uura kan godhate akka ta’e, hundeeffama koree kanaas kallattii paartilee ABO fi KFO irraa itti laatameen qaama hawaasaa adda addaa irraa fi paartilee lamaan irraa walitti babbahanii akka ijaarame, akkasumas Komishinii Poolisii Oromiyaa, waajjira Pirezidaantii Oromiyaa, Biiroo Haqaa Oromiyaa fi Caffee Oromiyaa dabalatee qaamolee dhimmi ilaallatu hunda xalayaadhaan beeksisuun kan socho’an ta’uu ibsuun yakki raawwatame hin jiru jechuun mormaniiru.

Abbaan Alangaa gama isaatiin himatamtootni kun himata irratti dhiyaate kan morman waan ta’eef ragaa namootaa dhageessisuuf beellamni akka laatamu kan gaafate yoo ta’u, manni murtiis ragaa abbaa alangaa dhaga’uuf Onkololeessa 07, 2022tti beellamuun isaa ni yaadatama. 

Himatamtootni 17 kunneen Mootummaa Cee’umsaa Oromiyaa hundeessuuf mootummaa adeemsa seera qabeessaan hundeeffame diiguuf hojjetaniiru jedhamuun baatii Sadaasa bara 2021 keessa to’annoo jala kan oolan yoo ta’u, yeroo ammaa kana magaalaa Sabbataa mana hidhaa Daalattiitti argamu. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.