Oduu: Xalayaa Nageenya Mirkaneessuu kanaan tajaajilli bu’uura Tigraayitti eegaluuf “gufuun jiraachuu hin qabu”: Ergamtoota Addaa Gamtaa Awurooppaa fi Ameerikaa

Finfinnee, Hagayya 3/2022- Ergamtoonni addaa Gamtaa Awurooppaa fi Ameerikaa xalayaan Pirezidaantii Naannoo Tigraay Dabratsion irraa “Namoota tajaajila deebisuuf hojjachuu qabaniif wabii nageenyaa kan kennu Mootummaa Itoophiyaaf ergame” nu gaheera jedhan.

Ergamaan Addaa Ameerikaa Maayik Hamer, Bakka Bu’aa Addaa Gamtaa Awurooppaa Gaanfa Afrikaa Aneti Weber, Itti Aanaa Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii & Ergamtuu Addaa Gaanfa Afrikaatti Hana Tetteh akkasumas Ambaasaaddaroota Kanaadaa, Xaaliyaanii, fi Itti Aanaa Hogganaa misiyoonii Ingilizii kaleessa magaalaa Maqaleetti argamuun pirezidaantii naannichaa Dabratsion Gabramikaa’el (PhD) waliin mari’ataniiru.

“Marii kanaan dura Mootummaa Itoophiyaa waliin taasifameen beekamtii kan argate, Tigraay keessatti humni ibsaa, telekoomii, baankii, fi tajaajiloonni bu’uuraa biroo saffisaan deebisuun ummata Tigraayiif barbaachisaa ta’uu Ergamtoonni waliigalaniiru,” jedha ibsi ba’e. “Nageenyi hojjattootaa erga mirkanaa’ee tajaajila deebisanii jalqabuuf gufuun jiraachuu hin qabu.”jedhame. 

Haaluma walfakkaatuun, uggura maallaqaa, boba’aa fi xaa’oo kaasuun, naannolee Tigraay, Affaari fi Amaaraa keessatti namoota walitti bu’iinsa kanaan miidhamaniif gargaarsa namoomaa hin danqamne kennuun dirqama ta’uun ibsameera. Qindoominni siiviilii fi waraanaa fooyya’uun raabsa gargaarsaa bu’a qabeessaa fi iftoomina qabu mirkaneessuuf gargaara. Kana malees, Gamtaan Awurooppaa fi  Ameerikaa hawaasa Itoophiyaa keessa jiran hundaaf gargaarsa hongee fi hanqina nyaataatiin miidhaman dabalatee gargaarsa namoomaa kennuuf kutannoo qabachuu eere ibsichi
Itti gaafatamummaan araaraaf bu’uura ijoodha. Haala kanaan, Komishinii Ogeessota Mirgoota Namoomaa Idil-addunyaa Itoophiyaa (ICHREE) waliin tumsuu, fi iddoowwan walitti bu’insi jiru gahuun qorannoo amanamaa akka gaggeessan dandeessisuudhaaf Ergamtoonni gaafataniiru.

Kana malees Ergamtoonni kunneen qaamoleen waldhabdee keessa jiran hundi dubbii nama kakaasu irraa akka of qusatan waamicha dhiyeessaniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.