Namootni Karaa Seeraan Alaa Biyyaa Bahuuf Yaalan 72 To’annoo Jala Oolan

Suuraa: Waajjira Kominikeeshinii Aanaa Baatee

Naatinaa’el Fiixee tiin 

Finfinnee, Waxabajjii 7/2022- Namootni kutaalee biyyattii adda addaarraa sassaabamuun karaa daddabarsitoota seeraan alaatin gammojjii qaxxaamuruun gara Jibuutii imaluuf yaalan Aanaa Baatee bakka Habilaaloo jedhamutti qindoomina miseensota Poolisii Aanaa Baatee fi qaamolee Raayyaa Ittisa Biyyaatin to’annoo jala akka oolfaman Kominikeeshinii Aanaa Baatee beeksise. 

Namootni seeraan ala biyyaa bahuuf osoo yaalanii qabaman kun lakkoofsaan dhiira 44 fi dubartii 28, walumaagalatti namoota 72 yoo ta’an, waa’ee rakkoo godaansaa fi haala kamiin biyya isaani keessatti hojjetanii jijjiiramu danda’an ilaalchisee gorsi hubannoo uumuu erga isaanif laatamee booda gara naannoo irraa dhufanitti akka ergaman Kominikeeshiniin Aanaa Baatee waajjitra poolisii aanichaa wabeeffachuun gabaaseera.

Baatii Bitootessaa keessa Waajjirri kominikeeshinii aanaa Baatee torbee darbee keessa namoota karaa seeraan alaa biyyaa bahuuf imalan sagaltamii jaha too’annoo jala ooluu beeksise. Baateen naannoo Afar waliin waan wal daangessuuf imala seeraan alaa karaa Afar-Jibuutii gara baha giddu galeessatti godhamuuf karaa taate jirti.

Akkuma beekkamu mootummaan Itoophiyaa lammilee Itoophiyaa hidhaa Saawudii keessa turan gara biyyaatti deebisuu erga eegalee jira. Lammileen Itoophiyaa kuma dhibbaa ol ta’an tarkaanfii mootummaan Saawudi godaantota seeraan alaa irratti fudhate, kan lammilee Itoophiyaa irratti xiyyeeffatee fi jiraattoota karaa seera deemanis hin hambisiniin qabamanii hidhaa keessa jiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.