Oduu: Naannoo Kibbaa Aanaa Addaa Burjiitti Haleellaa Gabaa Keessatti Raawwatameen Namootni Sagal Ajjeefamanii 21 ol Miidhamuun Gabaafame

Naatinaa’el Fiixee tiin 

Finfinnee, Waxabajjii 7/2022 – Naannoo Kibbaa Aanaa Addaa Burjii keessatti namootni sagal dhagaa fi uleen haleelamanii ajjeefamuu gabaafame. Ajjeechaan kun kan raawwatame Sanbata darbe Waxabajjii 4, 2022 magaalaa Soyaamaa keessatti iddoo gabaatti akka ta’e ‘DW Amharic’ gabaaseera. Kanneen ajjeefaman ala namoota 21 irratti miidhaan qaqqabee wal’aansarra akka jiran gabaafameera. 

Namootni ajjeefaman kun dhalattoota Oromoo, godina Gujii Lixaa irraa ka’uun gabaaf gara magaalaa Soyaamaa dhaqan akka ta’e himameera. Namootni baay’ees gara mooraa buufata Poolisiitti dheessu himameera.  

Kanneen haleellaa kanaan lubbuun isaani darbe kun gabaadhaaf Godina Gujii Lixaa Aanaa Surroo Bargudaa irraa gara Naannoo Kibbaa Aanaa Addaa Burjiitti imalan akka ta’an Waajjira Nageenyaa Aanaa Surroo Bargudaa beeksiseera. Itti gaafatamaan waajjirichaa, Bulbulaa Ji’oo yaada ‘DW Amharic’f laateen, daangaa aanaa Burjii irratti gareen “shiftaa” dhalataa burjii tokko ajjeesu isaa hordofee namoota magaalaa Soyaamaa keessatti gabaarra turan irratti haleellaa tasaa akka gaggeeffamu sababa ta’eera jedhe.   

Kana malees kanneen ajjeechaa kana irratti harka qaban seeratti dhiyeessuuf hojiin eegalamu dubbateera. Hanga ammaattis shakkamtootni 20 to’annoo jala oolfamanii qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu eereera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.