ABOn Jawaar Mohaammad Alaabaa Dhaabichaa Seeraan Ala Akka Hin Fayyadamne Hubachiise

Naatinaa’eel Fiixeetiin

Finfinnee – Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) xalayaa Waxabajjii 6, 2022 Dura taa’aa Kongiresii Federaalawaa Oromoo (KFO) Pirofeesar Mararaa Guddinaaf barreesseen alaabaa ABO kan seeraan Boordii Filannootti galmaa’ee jiru Itti Aanaa Dura taa’aa KFO Jawaar Mohaammadiin “Seeraa fi sirnaan ala deddeebi’ee dhimma itti bahamaa  jiru” akka dhaabsifamu gaafateera. 

Jawaar Mohaammad alaabaa fi faajjii ABO waltajjii adda addaa irratti itti deddeebi’ee seeraa fi sirnaa ala dhimma itti bahaa akka jiru dhokataa miti kan jedhe ABOn, “Waltahiinsa nu gidduu jiru kabajuunii fi seera biyyaas kabajuun irraa dhaabsiftu jennee eegaa turre,” jedhe. 

Dhimma kana ilaalchisee Itti gaafatamaa Sab-qunnamtii yeroo ABO Lammii Gammachuu yaada Addis Standardiif laateen hariiroo waliin hojjechuu paartileen ABO fi KFO giddu jiruun dhimmichi miidiyaa hawaasaa gubbaatti akka jedhamu akka hin taane, kanaan dura hoggantoota paartichaa giddu karaa al kallattiin irratti dubbatamaa akka turee fi yeroo ammaa kana garuu gaaffiilee miseensota paarticha irraa ka’u irratti iftoominaaf jedhame kan barreeffame akka ta’e hubachiiseera.

 Paartileen lamaan dhimmichaafis mariidhaan furmaata ni laatu jedhame akka eegamu himeera.   “Alaabaan kun seeraan Boordii Filannootti galmaa’ee kan Adda Bilisummaa Oromoo akka ta’e ni beekama. Hundaa ol garuu kan uummata Oromooti. Ilaalcha uummatni Oromoo itti fayyadamu hin danda’u jedhu kaleessas hin turre, har’as booruus hin jiru. Haata’u malee ABOn alaabaa kana eenyu fi haala kamiin fayyadama kan jedhu ilaalchisee sagantaa siyaasaa fi seera ittiin bulmaata isaa irratti ifatti kaa’eera.” Jedhe Lammiin.

Dabaluunis “Haata’u malee hoggantoota jaarmiyaa siyaasaa biroo yeroo fayyadaman ni mul’ata. Paartiin tokko ammoo alaabaa ofiisaa qaba. Alaabaan kun ammoo yaadama siyaasaa fi maanifeestoo bakka bu’uu qaba. Ammas kan gaafatame gaaffii iftoominaa fi paartileen lamaan kun [ABO fi KFO] seera ittiin bulmaata isaani akka kabajan hubachiisuufi,” jedhe Lammiin. 

Paartileen siyaasaa Oromoo, keessattuu paartileen lamaan kun wantoota qooddannuu baay’ee qabna amma boodas waliin hojjechu itti fufna kan jedhe Lammiin, dhimma alaabaa jaarmiyaa tokko hoggantoota jaarmiyaa biroon itti dhimma bahamu ilaalchisee gaaffii miseensota paartichaatin ka’aa ture bu’ureeffachuun xalayaan kun barreeffamu ibseera.

 “Hogganaan jaarmiyaa siyaasaa tokko sochiin siyaasaa dhuunfaatti gaggeessu hin jiru. Yaadama siyaasaa namni sun calaqqisu kan paartii isaati. Calaqqee siyaasaa namni sun ittiin of mul’isu keessa tokko alaabaa fi faajjii paartii isaati. ” jedhe.

 Kanneen dhimmichi miidiyaa hawaasaa gubbaatti karaa hin taaneen xiinxalaa jiran haala jiru gadi fageenyaan ilaalu dhaburraan kan ka’e akka ta’e fi dhimmichi mariidhaan akka hiikamu ibseera. 

 Dura taa’aan Kongiresii Federaalawaa Oromoo (KFO) Pirofeesar Mararaa Guddinaa gama isaaniin xalayichi akka waajjira isaani akka qaqqabe mirkaneessuun dhimmicha ilaalchisee Jawaar Mohaammad fi ABO waliin mar’achuuf akka yaadan himaniiru. 

“Dhimmichi hagas waan guddaa miti. Kun garaagarummaa siyaasaa miti. Dubbiin kun haaraadha, kanaan dura nu qunnamees hin beeku. Ani kanaan dura gaaffiin akkasi yeroo isaan nutti kaasan hin beeku, tarii Jawaarin yookiin waajjira KFO gaafachu danda’u malee ani quba hin qabu. Dursa xalayichi maal akka jedhu erga dubbisne booda irratti mari’anna. Jawaar waliinis dubbanna, isaan [ABO] waliinis irratti dubbanna,” jechuun Addis Standarditti himaniiru.AS  

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.