Oduu: Mootummaan gocha biyya diiguu maqaa miidiyaa, aktivistummaa, garee siyaasaa, amantaa fi sabaan raawwatamuuf obsa hin qabu – Mana Maree Nageenya Biyyaaleessaa


Naatinaa’el Fiixeetiin 

Finfinnee, Waxabajjii 9/2022 – Manni Maree Nageenya Biyyaaleessaa walga’ii Waxabajjii 8, 2022 gaggeesseen sadarkaa hojiirra oolmaa kallattiiwwan hojii ji’a tokko dura Ebla 22 kaa’ee ture gadi fageenyaan gamaaggamu beeksiseera. Haaluma kanaan hojiin humnoota aangoo mootummaa morkatanii fi gochoota seeraan alaa kallattii qabsiisu haala karoorfameen raawwatamaa jiraachuu fi hojiichis kaayyoo itti yaadameef milkeessaa jiraachu beeksiseera. 

Manni Marichi ibsa kanaan walga’ii ji’a tokko dura gaggeesseen haala nageenya biyyaaleessaa gadi fageenyaan qorachuu yaadachiiseera. Haala humnoota Al Shabaab fi riphee loltoota biyya keessaa, akkasumas rakkoo korntirobaandii, hidhattoota seeraan ala, miidiyaa fi garee siyaasaa finxaaleeyyii, finxaaleeyyii amantaa fi malaanmaltummaa yaaddoo biyyattirra uuman ilaalu yaadachiiseera. 

Kana malees, yaaddoo nageenyaa uummataa hammaachaa dhufuu, uummatni mootummaa irratti amantaa akka dhabu godhamaa jiraachuu, finxaaleessummaa amantaa fi sabaan tokkummaa biyyaa diiguuf hojjetamaa jiraachuu, humna hidhattoota seeraan ala dabalaa dhufuu fi humna ijaarsa seera qabeessa ol ta’uu fi walumaa galatti seeraan alummaan babal’atee uummatni rakkachaa jiraachu hubachuun dafee akka sirraa’u kallattii kaa’uu yaadachiise.  

“Mootummaan rakkoo akkanaa garaa bal’achuun bira darbuu isaa akka dadhabina fi humna dhabutti ilaalameera,” kan jedhe Manni Marichi, yeroo adda addaatti marii uummata waliin godhameen uummatni mootummaan hojii seera kabachiisu akka hojjetu gaafachaa turu ibseera. Rakkoo jiran marii, jaarsolii biyyaa fi abbootii amantaan hiikuuf yaalii godhame bu’aa muraasa fiduun muraasni isaani [hidhattoota seeraan alaa] gara kallattii seera qabeessatti galuun dhaabbilee nageenyaa idilee keessa hiriiruuf murteessu isaani ibseera.   

Manni marichaa walga’ii Ebla 22 gaggeesseen kanneen carraa mootummaan kenne fudhachu dhabuun gocha seeraan ala keessatti bobba’urraa of hin qusanne ilaalchisee kallattiiwwan adda addaa; gareewwan eeyyama ala hidhatanii fi gurmaa’an irratti hojii seera kabachiisu akka hojjatamu, gochoota seeraan ala bakka hundatti mul’atan atattamaan akka sirraa’an, dhimmoota siyaasaa fi bulchiinsa bakka hundatti madda kamii uummataa ta’an atattamaan sirraa’u akka qaban, qaamolee miidiyaa, gareewwan siyaasaa fi aktivistoota finxaaleeyyii fi walitti bu’iinsa kakaasan irratti hojii kallattii seera qabeessa qofa akka hordofan taasisu hojjachu, caasaa mootummaa qulqulleessuun gahee isaa addaan baasee itti gaafatamummaa isaa akka bahatu akka taasifamu kallattii kaa’ee ture.

Haaluma kanaan kallattiin kun haala karoorfameen raawwatamaa jiraachu ibsameera. Hojii Naannoo Oromiyaatti hojjatameen miseensota “Shanee” kumaatamaan lakkaawwaman ajjeefamu, booji’amu fi fedhii isaaniin harka kennachuu, akkasumas meeshaalee waraanaa baay’ee irraa booji’amu beeksiseera. Kana malees, bakkeewwan ddaangaa Naannoo Somaalee fi Oromiyaa irratti sochiin Al Shabaab taasisuuf yaale qindoomina qaamolee nageenyaatin fashalaa’uu Manni Maree Nageenya Biyyaaleessaa beeksiseera. “Al shabaab walitti hidhamiinsa juntaa fi shanee waliin taasisuuf yaaliin yeroo baay’ee godhe hojii qaamolee nageenyaa hojjataniin akka fashalaa’u taasifameera,” jedhe. 

Haaluma walfakkaatuun naannoo Amaaraatti hojii miseensota dhaabbilee nageenyaa gananii fi qaamolee yakka adda addaa keessatti hirmaatan to’annoo jala oolchu, meeshaalee waraanaa bittinaa’anii yaaddoo nageenyaa ta’aa turan sassaabu, akkasumas aktivistoota gocha seeraan alaa irratti bobbahanii turan seera qabsiisu hojjatamuu ibsameera. Naannoo Beenishaangul Gumuzittis shiftoota hidhatan seera qabsiisu fi barbadeessu, gocha seeraan ala to’achuu, meeshaalee waraanaa seeraan ala sassaabuu, lammiilee buqqa’an gara qe’ee isaanitti deebisu irratti hojii gaarii hojjatamu ibseera, manni marichi. Naannolee Kibbaa fi Gaambeellaattis hojiin walfakkaatu hojjatamu ibseera.  

Kana malees, “humnoota badii xiyyeeffannoo miidiyaa idil addunyaa argachuuf tattaaffatan sochii badii fi nageenya booreessu magaala Finfinneetti yaalaa turan qindoomina dhaabbilee nageenyaatin akka fashalaa’u taasifameera,” jedhe manni marichi. Qaamolee hanna fi yakka magaala keessaa irratti bobba’uun jiraattota magaalichaa rakkisaa turan irratti hojiilee to’annoo jala oolchuu taasifaman bu’aa gaarii argamsiisu isaani ibsameera. 

Kanaan alatti, Manni Marichi mootummaan hojiiwwan biyya diiguu maqaa miidiyaa, aktivistummaa, garee siyaasaa, amantaa fi sabaan raawwatamaniif obsa akka hin qabne beekamu qaba jedhe. 

Kun kanaan osoo jiru, Mootummaan Naannoo Oromiyaa ibsa karaa waajjira kominikeeshinii naannichaatiin baaseen “Itoophiyaa keessatti Bullukkoo Gaazexeessummaafi Aktiivistummaa uffataniis ta’e hidhatanii ummata nagaa ajjeesuun, saamuuniifi dararuun aangoo argachuun akka hin danda’amne ummanni qaamolee nageenya kabachiisan cina hiriiruun mirkaneesseera.” jedhe. 

Dabaluunis “Qaamoleen nageenya biyyattii hin jaallanne, warri wal qixxummaa sabaafi sab lammootaatti hin amanne, misooma biyyattiitti gufuu ta’uun Itoophiyaa diiguuf diinota guddina biyya keenyaa waliin hiriiruun daandii hiyyummaatti biyya deebisuuf yaalii adda addaa geggeessanis hin milkoofne, hin milkaa’anis.” jedha ibsichi. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.