Mootummaan Naannoo Oromiyaatti Qaamolee Hidhatanii Socho’an Balleessuuf Tarkaanfii Fudhachuu Akka Eegale Beeksise, Naannawa Mooyyaleetti Waraanni Jiraachuun Gabaafame

Finfinnee, Miidiyaaleen biyya keessaa hedduun Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa fi Waraanni Bilisummaa Oromoo(WBO) [kan paarlaamaan shorokeessummaan ramadee, mootummaan shanee jedhee waamu] wal waraanaa jiraachuu gabaasaa jiru.

Akka gabaasa BBCtti magaala Mooyyalee keessa “ Sanbata galgalaa fi Dilbata ganama waraanatu ture.”  Kibbi Oromiyaa iddoo Waraanni Bilisummaa Oromoo fi humnootni mootummaa naannoo fi federaalaa itti wal waraana turani. 

Dhiyeenya kana ajajaa olaanaan  Raayyaa Ittisa Biyyaa fi tajaajilli kominikeeshinii mootummaa Federaalaa mootummaan Waraana Bilisummaa Oromoo irratti tarkaanfii akka haaratti fudhachuu eegaluu isaa ibsanii turan. 

Sanbata darbe, qindeessaan Ajaja kibbaa Koloneel Girmaa Ayyalaa, Raayyaan Ittisa Biyyaa WBO irratti tarkaanfii keessa deebii hin qabne fudhate jedhe. Akka inni jedhutti tarkaanfii qindaa’aa fudhatameen miseensotni WBO hedduun miidhamuu fi meeshaaleen waraanaa, rasaasa fi qorichi garaagaraa qabame. 

Haaluma walfakkatuun Sanbata darbe, Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii  Laggasaa Tulluu(PhD) tarkaanfiin hawaasa naannoo qindeesse fi qophaa’ina qabu fudhatamaa jiraachuu ibse. Tarkaanfii kanaan, “Miseensotni isaani ajjeefamanii jiru, iddoowwan hedduu nyaataafi dhiyeessiif fayyadamaa turan gadi lakkisiifamee jira” jedhe.

Dubbi himaan idil addunyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Odaa Tarbii gama isaatiin “Torban kana keessaa waraanni mootummaa lola malkaa lammiitti gaggeeffameen ajajoota hedduu dhabee fi miidhaa hedduun irraa erga gahee booda  gara Nageellee Booranaatti deebi’an” jechuun karaa fuula tiwiiterii isaa ibse. 

Qajeelchi poolisii godina Booranaa dhimma kana ilaalchisee odeeffannoo akka hin qabne Addis Standarditti hime. 

Dhiyeenya kana miseensotni Caffee Oromiyaa  mootummaan WBO balleessuuf maaliif akka dadhabee Pirezidaant Shimallis Abdiisaa erga gaafatanii booda mootummaan naannoo fi federaalaa waraana kana balleessudhaaf waadaa seenaa jiru. Pirezidaant Shimallis gama isaatiin tarkaanfiin karaa nageenyaa fudhatamaa jiru baatilee muraasa keessatti jijjiirama ni fida jedhe. 

Haa ta’u malee mootummaa fi qamolee hidhatanii socho’an garaagarummaa jiru mariin akka hiikan waamichi dhiyaacha jira. Kongiresiin Federaalaawaa Oromoo ibsa dhiyeenya baaseen “Mootummaan Federaalaa rakkoo Tigraay  jiru karaa nagaan akkuma fure, kan Waraana Bilisummaa Oromoo wajjiin jirus karaa nagaa furuu qaba” jedhe. KFOn “Oromiyaan nagaa hin qabdu taanaan Itoophiyaan nagaa fi tasgabbii argachuu hin dandeessu” jechuun akeekkachiise. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.