Seenaa Tasfahuun Camadaa

Tasfahuun Camadaa

Tasfahuun Camadaa bara 1976 godina Wallagga Bahaa ganda Harbuu jedhamutti dhalate. Mana barumsaa sadarkaa duraa Looyaatti eegale, itti aansee fincaa’a fi shambuutti xumure. Yuunivarsiitii finfinee seenee muummee Sivil Injineeringitiin digirii jalqabaan bara 2001 eebbifame. 

Erga eebbifamee hanga bara 2005 tti baadiyyaa Oromiyaa keessa daandii hojjachaa ture. Yeroo kanatti qabsoo bilisummaa Oromootiif hojii gurguddaa hojjachaa ture. Doorsisnii fi hordoffiin sirnaa itti cimnaan bara 2005 biyyaa bahee Keeniyaatti baqate. Baqattummaan dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti komishiinii baqattootaa Olaanaatti galmaa’ee osoo jiruu sababa hin beekamneen bara 2007 dabarfamee mootummaa Itoophiyaatti kenname.

Erga mootummaa Itoophiyaatti dabarfamee kennamee mana hidhaa ma’aakalawii keessatti reebichii fi dararaa hamaan irra gahaa ture. Tasfahuun bara 2008 mana murtiitti dhiyaatee, bara 2010 hidhaan umurii guutuu itti murtaa’e. 

Mana dhihaa cabsanii bahuu karoora qabu sababa jedhuun mana hidhaa qaalitti keessaa baafamee iddoo hin beekamnetti geeffame. Reebichii fi dararaa hamaan irra gahee yaalii fayyaa fayyaa waan dhabeef Tasfaahuun Camadaa Hagayya 24 , 2013 boqote. 

Hubachiisa Gulalaa Seenaan kun Opride fi Advocay4Oromia irraa qindaa’e

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.