Seenaa Haayilamaariyaam Gammadaa

Haayilamaariyaam Gammadaa bara 1907 Shawaa Aaanaa Jiddaa ganda Bogonjo jedhamutti dhalate. Umuriin isaa barnootaaf yeroo ga’u gara Finfinneetti geeffamee barnoota jalqabuus, falma weerara Xaaliyaanii waliin godhamaa ture irratti qooda fudhachuuf barnoota addaan kute. Sababa sochii kanaanis qabame gara mana hidhaa Somaaliyaa bakka Danane jedhamutti ergamuun waggaa sadiif hidhaatti dabarse. Waggaa sadi booda Xaaliyaaniin biyyaa erga baatee booda gara Finfinneetti deebi’e.

Akkuma gara Finfinneetti deebi’een waajjira Ministeera Hojii jedhamuun beekamutti qacaramuun Oromiyaa dabalatee kutaalee biyyattii garaagaraatti deemuun hojjeteera. Deemsa carraa hojii kanaanis waa’ee Oromoo fi Oromiyaa akkasumas quuqama saba Oromoo hubannaa gaarii argate ture.

Mal-bulchiinsa jallaa, loogiinsi sanyii fi dhiittaa mirga dhala namaa uummata Oromoo irra gahaa ture gadi fageenyaan erga hubatee booda rakkoo akka sabaatti muudate kanaaf furmaata laachuun ofirraa akka jalqabu amanuun hojii mootummaa yeroo dheeraaf hojjechaa ture gadi lakkisuun dhuunfaan Abukaatoo ta’ee hojjechuu eegale. Hojii kanas barnootaan deeggaruuf Yunivarsiitii yeroos Haayilasillaasee jedhamuun beekamutti Dipploomaa barate.

Akeeka isaa uummata Oromoof qabu galmaan geessisuuf uummanni Oromoo bifa kamiinuu of ijaaruu fi ijaarsa sanaan tokkummaan akka falmu hayyoota biroo waliin ta’uun Waldaa Maccaa fi Tuulamaa hundeessuun, akkasumas barreessaa waldichaa jalqabaa ta’uun tajaajileera. Yeroo sanaa ka’ees waldaan Maccaa fi Tuulamaan bifa lama qabatee, irra keessa waldaa walgargaarsa keessaan ammoo dhaaba bilisummaa sabaaf falmu ta’ee akka utubamu gahee guddaa taphate. Heera fi seera waldichaa barreessurraa kaasee hanga asxaa Odaa ofirratti qabu raggaasisutti gahee Haayilamaariyaami.

Haata’u malee sochiin inni sodaa malee sagalee Oromoo ukkaamfame ture dhageessisuuf godhu kana sirna gita bittaa yeroos ture biratti ija shakkiin akka ilaalamu karaa saaqeera. Adeemsa Haayilamaariyaamiin kan aaree mootiin yeroos ture (Haayilasillaasee) tooftaa itti malatee miindaa guddaan gara hojii mootummaatti deebi’ee gorsaa dhimma seeraa mootummaa akka ta’u isa ajaje. Tooftaa itti malatame dafee kan isaaf gale Haayilamaariyaam, yeroo muraasaaf erga hojjete booda fedhii isaan hojii kana gadi lakkisee fuula isaa gara Waldaa Maccaa fi Tuulamaatti naanneeffate.

Haata’u malee hojii mootummaa gadi lakkise baay’ee osoo hin turiin hidhattoota mootummaatin mana isaa keessa qabamee mana hidhaa gale. Qabeenyi isaas maqaa idaa baankiin fudhatame moormitoota isaan qircatame, maatiin isaas rakkoof saaxilaman. Mana hidhaa keessatti dararaa qaamaa fi sammuu irra gaheen heddu dhukkubsatee, “Akka inni mana hidhaa keessatti hin duuneef” gara manaa akka galu erga godhame guyyaa muraasa booda lubbuun isaa dabarte.

Hubachiisa Gulaalaa: Seenaan kun kitaaba Goota Oromiyaa jedhu irraa fudhatame.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.