Xiinxala: Yaaddoowwanii fi gufuuwwan qabatamaa wixinee Haqa Ce’umsaa irratti mul’atan

Abdii Biyyansaatiin @ABiyenssa

Finfinnee, Waxabajjii 07, 2023 – Waraana Tigraay booda Itoophiyaan wixinee Imaammata Haqaa Cehumsaa bal’aa ta’e kan ifoomsite yoo ta’u, yeroon kun biyyittiin seenaa jeequmsaa darbe waliin walii galuudhaaf carraaqqii taasiftu keessatti yeroo murteessaa ta’ee dha. Haa ta’u malee, sanadni kun dandeettii guddaa kan of keessaa qabu yoo ta’u ilee, hojiirra oolmaa isaa irratti gaaffii guddaa kan kaasu dha. Rakkoo dhimmoota haqaa, itti-gaafatamummaa fi waldhabdee boodaa keessattii qabame jiru mul’isa.

Wixineen sanadni kun Filannoo Imaammata Itoophiyaa Haqaa Ce’umsaa jedhamee moggaafame kun Guraandhala 2023 irraa eegalee marii qooda fudhattootaaf banaa ta’ee kan ture yoo ta’u, yakkoota bara 1991 irraa eegalee raawwataman furuu fi araaraa fi itti gaafatamummaaf haala mijeessuuf kan yaadamedha. Barreeffamichi baay’ee kan eegamu yoo ta’u, haala dubbii fi tumaalee hojiirra oolmaa isaaniitu ogeeyyii biratti yaada kaase jira.

Addis Standard dhiyeenya kana ogeeyyii mirga namoomaa fi haqaa ce’umsaa kan dubbise yoo ta’u, isaaniis gufuuwwan qabatamaa wixinee amma jiru keessatti uumaman irratti sodaa qabaachuu fi wantoota rakkoo uummuuf sababa ta’uu danda’anii fi bu’uura ta’an ilaalchisee yaaddoo qaban ibsaniiru.

Abbaa Biyyummaa fi Hammatamuu

Daarektarri Giddugala Falmitoota Mirga Namoomaa Itoophiyaa (EHRDC) kan ta’an Obbo Yaareed Haayilamaariyaam, wixineen kun muuxannoo toora walxaxaa rakkoo siyaasaa Itoophiyaa fi dhiittaa mirga namoomaa furuuf murteessaa ta’e waliin wal bira qabamee ilaalamu dhabuu isaa hubachiiseera.

“Caalaatti kan hubatamuu qabu…” jedhu obbo Yaareed, sanadni kun abbaa biyyummaa biyyaalessaa irratti xiyyeeffachuun isaa qooda fudhattootaa fi adeemsa idil-addunyaa, adeemsa haqaa ce’umsaa keessatti murteessoo ta’an akka hambifaman taasiseera jechuun falma. “Adeemsi haqa ce’umsaa kun bu’a qabeessa akka ta’uuf qooda fudhattoonni idil-addunyaa haqaa ce’umsaa addunyaa guutuutti haala mijeessu irratti muuxannoo qaban ni barbaachisu”, jedha Yaareed.

Ejjennoo kana akka qooddatu kan ibse ogeessi seeraa mirga namoomaa fi barsiisaa Yunivarsiitii Waalqixee kan ta’e Margaa Fiqaaduun, wixineen sanada kanaa gahee qooda fudhattoota miti mootummaa daangessuuf yaad-rimee abbaa biyyummaa fayyadama kan jedhe yoo ta’u, gahee Gamtaan Afrikaa waraanni Tigraay karaa nagaa furuuf gumaacha guddaa taasise ilaalcha keessa galchuun adeemsa haqa ce’umsaa keessatti hirmaachu qaba ture jedha.

Akkasumas barbaachisummaa dhaabbilee hawaasa siivikii irratti marii ummataa mijeessuuf, araara guddisuu, sadarkaa bu’uuraatti itti gaafatamummaa guddisuu keessatti gahee guddaa taphachuu danda’uu jedhe amana.

Abaadir Ibraahim, Daarektarri Sagantaa Mirga Namoomaa Yunivarsiitii Harvaard Mana Barumsaa Seeraa, yaada Yaareed fi Margaa cimsuun wixineen imaammataa kun “ejjennoo sabboonummaa olka’aa abbaa biyyummaa irratti kan hundaa’ee fi sabboonummaa biyyaalessaa fudhachuun isaa sababeeffachuun qooda fudhattootaa fi dhaabbilee miti-mootummaa idil-addunyaa ta’an akka irratti hin hirmaannee ejjennoo isaanii irratti akeekaniiru,” jedha.

“Kun akka hin mari’atamne gochuun isaa haala mootummaan Itoophiyaa kan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dabalatee qorannoo walabaa kamiyyuu ittisuuf, fashaleessuuf yookaan gufachiisuuf ciminaan yaalaa tureen ibsama” jedha Abaadir.

Haala sanadichi itti yaadame, jechuunis Ministeera Haqaa Itoophiyaan kalaqamu isaa irratti xiyyeeffachuun hubannoo dabalataa laateera. Kunis, Ministeerichi miidhaa darbe irratti gahee qabaachuu danda’u ilaalcha keessa galchuun rakkoo qaba jechuun falma, gaaffiiwwan waa’ee amanamummaa fi walabummaa irratti ka’an daran cimseera.

Itti dabaluudhaanis, “yoo xiqqaate sanada sana irratti hundaa’uudhaan yookaan odeeffannoo ummataaf ifa ta’e irratti hundaa’uun, adeemsi kun hundi haala namoota siyaasaa fi qooda fudhattoota biratti fudhatama qabuun raawwatamu isaa ifa miti – Ministeera Haqaa jalatti yoo ta’ellee”.

Yeroo (Timing)

Itti dabaluunis, cehumsi siyaasaa waliigalaa haqa ce’umsaa dursuu qaba jechuun falma. Itoophiyaan yeroo ammaa naannoolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti wal-waraansa liqimfamtee jirtuuf qophii ta’uu dhiisuu dandeessi. Abaadir rakkoo waldhabdee hidhannoo biyyattii keessatti adeemsifamaa jiru irrattis yaada kan kenne yoo ta’u, haqni ce’umsaa uumamaan walitti bu’iinsa waliin kan wal hin simne ta’uu baatus, maalummaa haalli Itoophiyaa dhimma walxaxaa akka taasisu hubachiisaniiru.

“Waraanni yookaan waraanonni bakka adda addaa qubsuma siyaasaa argachuu dhabuu ta’uu isaa yoo ilaalle, Itoophiyaan qubsuma siyaasaa yoo hin arganne, waraanni itti fufuu waan hin oolleef, saba reefuu abbaa irree irraa gara dimokiraasii yookaan waraana irraa gara nagaatti ce’uuf haqni ce’umsaa haalaan akka hin milkoofne taasisa.”

“Qooda fudhattootni siyaasa biyyattii ammallee dirree waraanaa yoo filatan, yaadni haqa ce’umsaa guutuun hanga nagaa buusuuf murteessanitti eeguun dirqama ta’a – nageenyi sun carraa biraa dimokiraatessuu irratti fiduu fi dhiisuu isaa seenaa biraati” jechuun cimsee dubbata Abaadir.

Margaanis yaada Abaadir waliin waliigaluun, haalli hawaas-siyaasaa Itoophiyaan amma qabdu raawwii haqaa ce’umsaatiif mijataa ta’uu dhiisuu mala jechuun yaada isaa ibseera. “Ce’umsi siyaasaa jiraachuun haqa ce’umsaaf sababa,” kan jedhe Margaan, “kanaanis, diinagdeen siyaasaa biyyattii amma jiru, kan waldhabdee fi qoqqoodinsa siyaasaa hidda gadi fageeffateen amaleeffamu, hojiirra oolmaa haqa ce’umsaa gufachiisuu akka danda’u agarsiisa,” jedha.

Bal’ina

Margaan qeeqa isaa kana irratti yaada biraa dabaluudhaan, adeemsi haqa ce’umsaa hunda galeessa ta’uu akka qabuu fi bara 1991 booda qofarratti daangeeffamuu akka hin qabne cimsee ibsa. Sababiin isaas jal’inni seenaa fi komii hariiroo sabaa fi sablammootaa irratti dhiibbaa uumuu fi rakkoo siyaasaa fi jeequmsa uumaa waan jiruufi jedha.

Wixinee sanada kana keessatti qaawwi mul’atu kan biraan ammoo guutuu Tigraay, Amaaraa, Oromiyaa, fi mootummoota naannoolee biroo keessatti miidhaa qaqqabee bal’inaan hubbannoo qabaachuu dhabuu isaa akka hanqinatti kaasaniiru, Yaareed fi Margaan.

“Hanga miidhaan irra gahe, sarbama mirga namoomaa, dhiibbaa waraanni kun dubartootaa fi daa’imman irratti qabu, yakkamtootaa fi miidhamtoota adda baasuu fi kan kana fakkaatan sanada wixinee qophaa’e keessatti sirnaan hin ibsamne” jedhe Margaan.

Kana malees, ogeeyyiin kunneen dandeettii teeknikaa fi haqa qabeessummaa dhabuu dhaabbilee mootummaa kanneen akka humna waraanaa, poolisii fi sirna haqaa, haqa ce’umsaa labsuu keessatti qaban gaaffii keessa galchaniiru. Dhaabbileen kunneen yeroo baay’ee yeroo waldhabdee sanaa garee tokkoof looguun meeshaa ukkaamsaa, cuunqursa fi dhiittaa mirga namoomaa ta’anii kan hojjetaa turan waan ta’eef, haqa ce’umsaa bu’aa qabeessa ta’e jiraachuuf dhaabbilee kanneeniif haaromsa cimaa gochuun barbaachisadha jedha Yaareed.

“Poolisiin, waraanni, qaamni haqaa, keessumaa immoo Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa sababoota lamaaf haqa ce’umsaa ilaaluuf qophii natti hin fakkaatu,” kan jedhu Abaadir, “tokkoffaa, hammi jeequmsaa baay’ee guddaa waan ta’eef salphaa miti. Dandeettii, yookaan humnaa fi bu’uura hojjettootaa pirojektii guddaa kanaaf barbaachisan hin qabu. Lammaffaa, sababa to’annoo siyaasaa abbaa irree ammallee dhaabbilee kana irratti jiruunii” jedha.

Qeeqni kun jiraatus, sanada wixinee haqa ce’umsaa qopheessuun tarkaanfii guddaa ta’uu ogeeyyiin kunneen hubachiisaniiru. Yaareed, sanadni wixineen qophaa’e kun “kan hojjetuu fi hojiirra ooluu kan danda’u,” jedha, garuu yoo fedhiin siyaasaa dhugaa ta’e jiraate qofa jechuun yaada isaa jabeessuun kaasa.

Haaluma walfakkaatuun, Abaadir gama teeknikaan sanadichi, qaamolee murteessoo fi filannoowwan hojiirra ooluu danda’an kanneen haqa ce’umsaa ilaallatan milkaa’inaan hammachuu isaa kan jajate yoo ta’u, mootummaan adeemsa haqa ce’umsaa amanamaa ta’e gaggeessuuf fedhii qabaachuu fi qorannoodhaaf of qopheessuuf fedhii qabaachuu fi dhiisuu isaa irratti yaaddoo qabu kaaseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.