Oduu: Mootummaa fi Sinodoosii Ortodoksii gidduu muddamni dabalaa jira; Hiriirri akka hin gaggeeffamne akeekkachiifamuus Sinoodoosichi hiriirri akkuma karoorfameen gaggeeffamaa jedhe

Caption: Hogganaa Waliigalaa Qulqulluu Sinoodoosii kan ta’an qulqullummaa isaanii Abuna Abrahaa, wayita kaleessa galgala ibsa dubbisaa jiran. Suuraa: Maahibara Qiddusaan

Finfinnee, Guraandhala 10/2023 – Waldhabdee mootummaa fi Qulqulluu Sinoodoosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tewahdoo Itoophiyaa (EOTC) gidduutti gadi fageenyaan hammaachaa mul’achaa dhufeen, lamaan isaanii iyyuu kaleessa waaree booda baasaniiru. Mootummaan ibsa isaa kanaan garee waldhabdee mana kiristaanaa akka “carraa jeequmsa hidhannootiin mootummaa raasuu” jedhu qabu fi kaayyoo sanaafis “dargaggoota qopheessuu jalqabe” akka bira gahame ibseera.

Qulqulluun Sinodoosi ibsa haaraa baaseen, ibsi Roobii darbe Humna Nageenyaa fi Basaasaa Waloo baase hiriira hayyama malee dhorkuus, hiriira guutuu biyyaatti gaggeessuuf karoorri qabame ture akkuma beellamameen kan itti fufu ta’uu ibseera. Sinodoosichi uggurri humni waloo hiriira kana irratti baase mootummaan rakkoo kana furuu akka hin jirre “cimsee akka amanu” taasisa jedheera, garuu caalaatti “mana kiristaanicha balleessuuf labsii” ta’uu agarsiisa jedhe.

“dhimmichi sarara diimaa bira darbe jira,‘Hiriira Wareegama’ jedhamus hin jiru”

Mootummaa

Kana malees, hiriira karaa nagaa gaggeessuun mirga namoomaa idil-addunyaa keessatti bu’uura kan ta’eefi “heera mootummaa [Itoophiyaa] keewwata 30 keessatti ifatti kan tumamedha” jedheera. “Mootummaan heera ofii kabajuu fi kabachiisuu qaba.” Sinodoosichi itti dabaluudhaan “hiriira nagaa biyyoolessaa fi idil-addunyaa Guraandhala 12 karoorfamee fi labsameef eenyuyyuu osoo keessa hin seenin akka babal’isu ibseera. Addabaabayii mataa isaatti akka gaggeeffamu osoo beeksisuu, “hiriirri kun karaa nagaan akka xumuramuuf gaheen mootummaa itti gaafatamummaa isaa sirnaan ba’uudha,” jedhe.

Ibsi Sinodoosiin kenne kun ibsa tajaajila komunikeeshinii mootummaan baase yeroo muraasa dura kan ba’e yoo ta’u, angafa phaaphaasota addaan ba’anii fi Sinodoosiin waliin wal dhaban “namoota siyaasaa finxaaleyyii fi hordoftoota amantaa birootiin deeggaramaa jiru” jedheera.

“Yeroo gabaabaa kana keessatti kabajni fi olaantummaa dhaabbataa mana kiristaanaa sarbamee jira” kan jedhe Sinoodoosichi, qabeenyi mana kiristaanaa garee seera bu’uuraa (qanoonaa) mana kiristaanaa sarbuun Sinoodoosiin balaaleeffatame deeggarsa mootummaatin yaalii dhuunfachuu mana kiristaanaa raawwatameera jedhe.

Mootummaan gama isaatiin “garee namoota daldalaa, namoota siyaasaa fi ‘Waldaa dargaggoota hafuuraa’ irraa ijaarame giddu galeessaa hanga jalaatti gurmaa’ee hiriira ‘Hiriira Wareegama’ jedhamu qopheessaa akka jiru hubatee jira” jedheera. Ibsichi dabalataan gareen kun “carraa argame fayyadamuun jeequmsa hidhannootiin mootummaa raasuu” barbaada jechuun himateera. Akkasumas gareen kun “dargaggoota bobbaasuu, kaayyoo isaafis karaa adda addaa fi seeraan ala maallaqa walitti qabu jalqabuu” odeeffannoo qabaachuu isaa himeera. Dabalataan, gareen kun karaalee “humnoota hidhate waliin walitti dhufeenya uumuu” danda’u uumaa jiraachuu “mootummaan mirkaneessee jira” jechuun ibseera.

”Gareen miidiyaa kaayyoo badaa kanaaf karoorfamee gurmaa’e hojii isaa eegaluun isaa mirkanaa’eera,” jedha ibsi mootummaa irraa bahe kun.

“Yeroo gabaabaa kana keessatti kabajni fi olaantummaa dhaabbataa mana kiristaanaa sarbamee jira”

Sinodoosii Ortodoksii

”Adeemsa hordoffii kana keessatti jeequmsa kaastoonni meeshaalee adda addaa qaban osoo bobbaa irra jiranii qabamaniiru. Gareewwan belbelaa mana amantaa kaayyoo hin malleef fayyadamuun jeequmsa kaasan mul’ateera. Naannawa hundatti dargaggoota walitti bu’iinsaaf bobbaasuun argamaniiru. Humnoonni amantaa dahoo godhachuun kaayyoo siyaasaa isaanii hordofuuf yaalan to’annoo jala oolaniiru. Harki hin mul’anne itti gaafatamummaa isaaniif kenname fayyadamuudhaan mirga namootaa fi dhaabbilee amantaa sarbuun maqaa mootummaa balleessuu barbaadan akka jiran ni beekama.”

Waldhabdeen Qulqulluu Sinodoosii Finfinnee jiru fi mootummaa jidduutti mudate, dhimma Angafa Phaaphaasota sadan fi Ephisqophosoota isaaniin muudaman 25 irratti garaagarummaa uumameen sadarkaa ol’aanaa irra ga’eera. Ministirri Muummee Abiy Ahimad waamicha marii taasisuun “mirga ummataa fi gaaffii afaan ofii fayyadamuu osoo hin ukkaamin furuun ni danda’ama” jechuun wal qoqqoodinsa kana irratti yaada kennuun isaa ni yaadatama.

Qulqulluun Sinodoosichi dubbii MM kanaa kan qeeqe yoo ta’u, mootummaan rakkoo kana keessatti kallattiin hirmaachuu isaa himateera.

Daageeffama yeroo guyyaa lamaa fi sararri diimaan bira darbame

Ibsa kaleessaa keessatti Sinodoosichi “dallaan mana kiristaanaa humnoota hidhatanii fi humnoota nageenya mootummaatiin weeraramaniiru. Phaaphaasonni fi abbootiin bu’uura seeraa tokko malee mana amantaa waggoota dheeraaf keessatti jiraatan keessaa caasaa nageenyaatiin ari’amaniiru. Bilisummaan sochii isaanii daangeffamee baqattummaadhaan gara Finfinneetti deebi’aniiru. Akkasumas gara mana amantaa isaaniitti akka hin deebine dhorkamaniiru,” jedhe.

Dhuma torban darbe Guraandhala 04, naannoo Oromiyaa godina Arsii Lixaa magaalaa Shaasheemeetti walitti bu’iinsi hordoftoota amantii Ortodoksii fi poolisii gidduutti uumameen “lubbuu namoota hedduu darbeera.” Walitti bu’iinsi kun Waldaa Qulqulluu Mikaa’eel keessatti sirna simannaa miseensota abbootii amantaa “Qulqulluu Sinodoosii Oromiyaa fi Saboota fi Sablammoota” haaraatiin muudaman irratti ka’e.

Sinodoosichi ibsa kaleessa laateen odeeffannoo akka argate ibsuun hanga ammaatti “luboota fi tajaajiltoota dabalatee miseensonni mana amantaa keenyaa 30 ol ta’an dallaan akka hin cabsine, manni kiristaanaas namoota balaaleeffatamaniin hin xuraa’u jedhanii amantii isaaniif wareegama fudhataniiru. Ijoolleen ishee lakkoofsi baay’een ta’u miidhaa cimaa fi salphaan irra ga’es yaalamaa jiru,” jedhe.

Poolisiin magaalaa Finfinnee ibsa Wiixata baaseen, daangaa magaalaa Finfinnee fi Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee gidduu iddoo Filiidoroo jedhamutti namootni mana kiristaanaa Lidataatti sassaabamanii “namootni hidhaman haa hiikaman” jechuun karaa cufanii fi poolisii gidduu walitti bu’iinsa uumameen poolisoota 19 irratti miidhaa ulfaataa hanga salphaatti gahuu beeksiseera.

Sinoodosichi, mootummaan “seera cabsuu, akkasumas kabajaa fi ulfina mana kiristaanaa haala wal ammaatin salphisuu yoo itti fufe, manni kiristaanaa seera irratti hundaa’uun mirga ishee kabachiisuuf jecha daangaa sochii nagaa taasiftu ni babal’ifti” jechuun akeekkachiiseera.

Akkasumas mootummaan xiiqii isaa keessaa bahee “namoota seeraan alaa waliin ifatti wal tumsuu” dhiisee “har’a dabalatee guyyoota lamaan dhufan keessatti; seera cabsuu akka dhaabu, seeraa fi sirna akka kabachiisuu, akkasumas Phaaphaasii fi waldoota humnaan weerare gad dhiisee caasaa seeraa waldaadhaaf dabarsee akka kennu,” akeekkachiiseera. Sinodoosichi, mootummaan “luboota seeraan ala hidhaman” akka gadhiisu fi “miidhaa mana kiristaanaa irratti raawwateef ifatti dhiifama akka gaafatu” hubachiiseera. Kana malees, mootummaan “du’aa fi miidhaa luboota fi amantootaaf beenyaa sirrii akka kaffalu, qabeenya manca’e akka suphu” cimsee gaafateera.

Mootummaan gama isaatiin, “dhimmichi sarara diimaa bira darbe jira”, “Hiriira Wareegama” jedhamus hin jiru jedhe. Akkasumas humnoonni nageenyaa “tasgabbii biyyaa uumuu fi nageenya lammiilee mirkaneessuuf seera kabachiisuu cimaa irratti bobba’uu akka jalqaban ibseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.