Xiinxala: Hokkorri manneen barnootaa Finfinneetti uumame, komii paartiileen mormitootaa faaruu fi alaabaan Oromiyaa “dirqamaan fe’amaa” jira jedhu aanga’oonni magaalattii haalan

Qabeenya Manca’e
Suuraa: Poolisii Finfinnee

Geetaahun Laggasaatiin @birmaduu2 

Finfinnee –  Hoggantuu biiroo nagaa fi tasgaggii magaala Finfinee Liidiyaa Girmaa namoota “naannoo manneen barnootaatti hokkora kakaasuuf hojjachuun shakkaman” 72 to’annoo jala oolchuu Mudde 12 beeksiftee ture.

Liidiyaan ji’a Fulbaanaa keessa kan muudamte yoo ta’u namoonni to’ataman kuni “manneen barnootaa wajjiin walitti dhufeenya homaatuu hin qaban” garuu “ajandaa addaa” kaasuuf hojjatu jette. Humnoonni nageenyaa namoota kanneen kan to’atan nageenya fi tasgabbii magaalattii tiksuufi. “Bulchiinsi magaalichaa hojii duula seera kabachiisuu itti fufa” jette. 

Guyyoota kudhan darban keessa alaabaa Oromiyaa fi Faaruu Oromiyaatiin manneen barnoota Finfinnee keessatti godhamuun walqabatee manneen barnoota Finfinnee hedduu keessatti jeequmsi fi haleellaan uumamee ture. Hokkorri dhimma manneen barnoota Finfinnee keessatti alaabaa Oromiyaa fannisuu fi faaruu mootummaa naannoo Oromiyaa faarfachuutiin walqabatee torban darbe jalqabe ammas itti fufuusaa, barsiisoonnii fi barattoonni Addis Standarditti himaniiru. 

Hokkorri kuni yeroo jalqabaatiif Muddee 01 barattoota alaabaa fi faaruu mootummaa naannoo Oromiyaa deeggaranii fi morman gidduutti mana barumsa Inxooxxoo Ambaa sadarkaa 2ffaa kutaa magaalaa Gullalleetti argamu keessatti ture. Taateen walfakkaataan manneen barnoota Addis Katamaa sadarkaa 2ffaa kan kutaa magaalaa Addis Katamaa, mana barumsa qophaa’inaa Madhaani’aalam, mana barumsa sadarkaa 2ffaa kafitanyaa 12 kan kutaa magaalaa Yekkaa keessatti uumamuun adeemsi baruu fi barsiisuu akka adda citu taasisee ture.

Itti aansuun, gareen adda addaa gidduutti bulchiinsa fi barsiisota mannen barnoota dabalatee walitti bu’iinsi ni uumame. Barsiisaa Mana Barumsa Qophaa’inaa kan ta’e Indaalee kan jedhamu Addis Standarditti akka himetti, torbee darbe keessa gareen barattootaa gochaawwan akka alaabaa Oromiyaa cicciruu, faaruu Oromiyaa jeequu, arrabsoo fi baacoo raawwataniiru. Walitti bu’iinsi fi badiiwwan adda addaa manneen barnoota biroo keessattii umamuun badii qabeenyarratti qaqabuus gabaasaleen  biroo mul’isaniiru.

Ibsa Muddee 08 baaseen, poolisiin Finfinnee, namoonni hokkora kanaan shakkaman 96 ta’an qabamanii qoratamaa kan jiran ta’u addeesseera. “Barattoonni fi barsiisonni muraasni kaayyoo finxaalleeyyii irraa kennameef kanneen hafan doggoggorsiisuun qabeeenya mana barumsaarratti badii hamaa qaqqabsiisaniiru, Yakkoonni ciccimoon akka alaabaa Oromiyaa fi Itoophiyaa tarsaasuu raawwatamaniiru,” jedheera ibsi poolisii 

Guyyaa itti aanuutti, oduu ajjeeffamuu barataa mana barumsa kafitanyaaa 12 tokkootiin walqabatee miidiyaa hawaasaarra naanna’aa ture poolisiin Finfinnee soba jechuun haaleera.

 Sababi guddaan jeequmsa kana kaase murtoo barattoota afaan dhalootaatiin barsiisuuf bulchiinsi magaalichaa waggaa shan dura dabarse hordofuun manneen barnootaa 403 magaalattii keessatti Afaan Oromootiin barsiisuun jalqabamuusaati.

Hogganaan biiroo barnoota magaala Finfinnee Zalaalam Mulaatuu (PhD) miidiyaa mootummaatti akka himeetti, manneen barnootaa kunneen Afaan Oromootiin kutaa addaatti barsiisuu kan eegalan dambii ittiin bulmaataa mootummaa naannoo Oromiyaa kan faaruu fi alaabaa Oromiyaa akka fannifamuu fi faaruun Oromiyaa akka faarfatamu ajajuurraa fudhatameen waggaa shan dura jedheera.

Sababiin jeequmsa dhiyeenya kana ka’ee rakkoo “dhabamuu aadaa sab-daneessuumaa manneen barnootaa”  keessa waggoota dheeroof ture  murtoo daa’imman afaan dhalootaatiin akka baratanii fi akkasumas faaruu fi alaabaarratti mormii kan kaase ta’uu Zalaalam dubbateera. 

Maree manaree magaalaa Finfinnee ji’a naannoo walakkaa ji’a Adoolessa keessa turerratti miseensa mana maree naannoo Amaaraa kan ta’e Sisaay Mangistee yaadrimee Adaanach kan mormee ture. Murtoo kanarratti mormii kan hin qabne ta’uu dubbachuun rakkoo nageenyaa hordofsiisuu kan danda’uu fi hojii seeraan kan hin deeggaramnee fi bu’aa fi miidhaansaa seeraan kan hin qoratamneedha jedhee ture.  Finfinnee sabaa fi sablammoota biraafi teessoo moootummaa federaalaati jedheera.

Mormiin inni kaase yaada Adaanach Abeebee kan Finfinneen magaala guddoo mootummaaa naannoo Oromiyaati jedhu wajjiin wal hin simanne ture.

Finfinneen magaala guddoo Itoophiyaa kan saboonni adda addaa keessa jiraataniidha. Kuni haqa. [Garuu] akka magaaalota biroo otoo hin taane Finfinneen waggoota 30 darbaniif magaala guddoo Oromiyaa turte. Kuni dhimma heera keessa jiruudha. Dubbiin ishee kuni xinxaltootaa fi ogeessota miidiyaatiin hedduu dubbiishee kana “heeraan ala kan ta’e” jechuun mormanii turan.

Barsiisaa mana barumsa qophaa’inaa Madaani’aaalam Addis Standarditti akka himetti, barsiisoonni fi barattoonni jalqabarraa murtoo kanatti hin gammadin ta’uu himuun alaabaa Oromiyaa cicciruu yookiin dhoksuu raawwachaa turaniirus jedheera.

Barataa Oromoo mana marumsa qophaa’inaa Madaani’aalam kan ta’e barataa Roobaan akka ibsetti, barattoonni kunneen Afan Oromoo afaan hojii naannoo Oromiyaa qofa waan ta’eef manneen barnoota Finfinnee keessatti itti dhimma bahuun sirrii miti jechuun irraa deeddeebiin yeroo kaasan dhagahaa kan ture ta’uu dubbateera.

Hokkora manneen barnootaa keessatti uumameetti aansuun, paartiileen siyaasaa mormitootaa kan akka haqa hawaasummaa lammilee Itoophiyaatiif (EZeMA) fi sochii biyyaaleessaa Amaaraa ibsa baasaniiin, bulchiinsi magaalichaa alaabaa fi faaruu naannoo tokkoo barattoota manneen barnoota Finfinneerratti humnaan fe’uun sababa ka’umsa hokkorichaati jedhaniiru.

Paartiin haqa hawaasummaa lammilee Itoophiyaatiif jedhamu kan ministeera barnootaa Birhaanuu Naggaatiin hogganamu taateewwan seeraan ala ta’an 12 kan alaabaa Oromiyaa fi faaruu Oromiyaatiin walqabatan manneen barnootaa keessatti waggaa tokko darbe keessatti hokkorri muudachuu  ibseera.

Akkasumas, paartiin sochii biyyaaleessaa Amaaraa gocha alaabaa Oromiyaa akka fannifamuu fi faaruun Oromiya akka faarfatamu humnaan fe’uu kana ibsa baaseen balaaleffateera.

Aanga’oonni bulchiinsa magaalatti garuu faaruu fii alaabaan Oromiyaa humnaan barattootarratti fe’amaa jira yaada jedhu kuffisaniiru.

Kantiibaan magaala Finfinnee Adaanach Abeebee marii barsiisota, barttootaa fi maatii wajjiin guyyaa Dilbataa gooteerratti murtoon daa’imman afaan dhalootaatiin barsiisuu kan darbe gaaffii ummanni Oromoo waggaa dheeraaf gaafachaa tureef deebii laachuuf waggoota shan dura. Kanaafuu, dhimma kana akka wanta haaraatti kaasuun mootummaan aafaan Oromoo humnaan fe’aa jira jechuun sirrii miti jechuun, kan alaabaa Oormiyaa baasaniif faaruu faarfatan barattoota Afaan Oromootiin baratan qofadha waan ta’eef wanti humnaan fe’ame hin jiru jetteerti.

Bulchiinsi magaallichaa seera ittiin bulmaata afaanota manneen barnoota Finfinnee xumureera. Afaan Somaalii fi Gaamoos dabaluuuf yaada kan qabu ta’uu kantiibaan dabaltee dubbatteetti. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.