Oduu: Manneen barnootaa Afaan Oromoo Finfinnee meeshaalee barnootaa bu’uuraa manni barumsaa qabaachuu qabu hin qaban: Barsiisota

Geetahuun Laggasaatiin

Finfinnee, Sadaasa 01/2022 – Manneen barnoota Finfinnee Afaan Oromoo qofaan hojii baruu fi barsiisuu raawwachaa jiran hir’ina meeshaalee barnootaatiin raakamaa jiraachuu baraiisoonni Addis Standarditti himan. Manneen barnoota kuni baajata mootummaa naannoo Oromiyaatiin ramadamee fi gargaarsa dhaabbilee tola oltummaarraa argameen bara 2018 hundeeffaman. Haata’u malee, waggaa tokko booda bara 2019 manneen barnootaa kunneen bulchiinsa magaala Finfinnee jala galaniiru.

Akka barsiisonni fi maatiin himanitti manneen barnootaa kunneen tajaajila baruu barsiisuu kennaa haa jiraatan malee rakkinoota hir’ina bishaanii, hir’ina daree barnootaa fi rakkoowwan qulqullinaa hamaa keessa jiru.

Manneen barnootaa kunneen ”meeshaalee bu’uuraa manni barumsaa qabaachuu qabu hin qaban” jedhu barsiisonni. Barsiisa mana barumsa Jeneraal Waaqoo Guutuu akka jedhetti, manni barumsichaa daree gahaa hin qabu.

“Barattoota 70 hanga 80 kan ta’antu daree tokko keessatti barata. Fakkeenyaaf dareen kutaa saddeetii hundi barattoota 80 of keessatii qabatu. Kutaan lakkoofsa gadi aanaa qabu barattoota 80 qabata.” 

Kanaafuu hir’ina daree rakkoowwan hammaataa keessaa isa tokkoodha. Mana kitaabaa banuuf kitaabota gahaa qabna kutaa garuu hin arganne. Gamoon kuni [gamoo darbii shan qabu qubaan mul’isaa] ijaaramuu jalqabee ture garuu sababa hin beekamneen addaan citee hafeera,” jedhe barsiisichi.

Rakkinni bishaanii rakkoolee biroo qulqullinaan walqabafanii dhufan qaqqabsiisuusaa barsiisichi himeera. ”Bishaan  torbanitti guyyaa lama duwwaa dhufti. Bishan kuusuufis qodaa gahaa hin qabnu. Daa’imman nyaatanii harkasaanii dhiqqachuuf rakkachaa jiru. Manneen barnootaa waa’ee qulqullina barsiisuu dirqama qabu. Ani akka barsiisaa tokkootti waa’ee qulqullinaa baratttoota barsiisu nan qaana’a,” jechuun kan ibse barsiisaadhuma mana barumsichaati.

Rakkinni bishaanii, hir’inni daree barnootaa fi  manneen fincaanii rakkina qulqullinaa dhabuu daran akka wal xaxaa godhan ibseera.  ”Mana barumsa barattoota 2,000 ol ta’an mana fincaanii gola 10 yookiin 12 hin caalle qabutti fayyadamu. Dabalataan bishaan yeroo hunda hin argamu waan ta’eef manni fincaanii yeroo hunda hin tajaajilu,” akka barsiisichi jedhetti. 

Manneen fincaanii mana barumsa Jeneraal Waaqoo sadarkaa 1ffaa sababa bishaan hin jirreef rakkina qulqullina kan qaban ta’uus Addis Standard mirkaneesseera. Gamoon ijaarsi laqabame addaan cite tokkos mooraadhuma mana barumsichaa keessa jira. Manni barnootaa Afaan Oromoo  kun sadarkaa manneen barnootaa mootummaa Finfinnee keessa jiranii gadiidha.

Iddoo harka itti dhiqatanii fi mooraa Mana Barumsaa Generaal Waaqoo Guutuu

Barattoonni mana barumsichaas rakkooleen eeraman kan jiran ta’uu mirkaneessaniiru. Hanqinni bishaanii rakkoolee biroo adda addaa qaqqabsiisaa kan jiru ta’uus himaniiru. Barattuu mana barumsichaa kan taate Feenaan Addaamuu kutaan barattoonni dubaraa uffata itti geeddaratan hin jiru jettii. 

Barsiisaan mana barumsa Jeneraal Taaddasaa Birruu sadarkaa 2ffaa kan kutaa magaalaa Gullalleetti argamuu Addis Standard dubbise manni barumsaa hir’ina baajataa kan qabu ta’uu eeraniiru.

”Mana barumsaa saaquun qofti gahaa miti. Tajaajilonni biraa guutamuu qaban waan jiraniif. Rakkiina ture furuuf hawaasaa mana barumsichaa nus dabalatee hirmaannaa taasiseera. Buusiin maatiin baaseen keessoo mana barumsichaa mijeeffamee jira. Rakkinni hir’ina kutaas furameera. Sirreeffamuun dura dirreen mana barumsichaa biyyoo ture. Buusii  sassaabameen sirreefame,” barsiisicbatu jedhe.

Manneen barnootaa jiraniis gahaa miti. ”Lakkoofsi manneen barnootaa xiqqoo dha. Manneen barnootaa jiranis garattoota hedduu qabachuuf gahaa miti. Geejjibni magaala finfinnee rakkisaa ta’e kanaan barattooonni hedduu lafa fagoorraa kan dhufaa jiru,” jedhe barsiisichi. 

Barsiisonni qormaataan dorgomanii kan filataman waan ta’aniif gahumsa ni qabu. Manni barumsaa Janaraal Waaqoo Guutuu Sadarkaa 2ffaa mooraa fi gamoo ofii mataasaa hin qabu waan ta’eef kireeffatee barsiisaa jiraachuu barsiisonni ibsaniiru.Oa Manneen barnoota Afaan Oromoo hafanis rakkina walfakkaataa kan qaban ta’uu barameera. 

Maatiin mana barumsa Burqaa Waayyuu tokko akka Addis Standarditti himeetti saba qulqullinaa fi rakkoolee biroo erga hubatee booda ijoolleesaa achii baasee mana barumsaa fooyyee qabu biraatti geeddaruuf kan dirqame ta’uu hubachiiseera. 

Maatiin kuni akka dabalee ibseetti, kutaaleen barnootaa fi dirreewwan mana barumsichaa awwaara waan qabaniif ijoolleen yeroo mana barumsaatii deebi’an xuraa’anii dhufu jedhe.

Barsiisaan mana barumsa Waaqoo Guutuu Sadarkaa 1ffaa akka jedhetti kutaa magaalaa Kolfee qaraaniyoo fi aanaan gaaffii isaan irraa deddeebiin kaasaniif deebii hin laanne.  ”Gaaffilee keenyaaf hatattamaan deebii waan laataniif gama kootiin bulchiinsa magaala Finfinnee nan galateeffadha. Kutaa magaalaa [Kolfee qaraaniyoo] fi aanaan garuu gaaffiiwwan irra deddebiin kaafneef deebii tokkollee nuuf hin laanne. Xiqqaatu bishaan gahaa akka argannu gochuu ni danda’uu ture,” jedhe. 

Qaamolee dhimmi kuni ilaallatu gargaarsaa barbaachisaa akka taasisan hawaasni manneen  barnoota gaafateera.  

Yaaliin  Addis Standard aanga’oota kutaa magaalaa Kolfeeqaraaniyoo dubbisuuf taasise hin milkoofne.

Itti gaafatamaan Biiroo Barnoota Bulchiinsa Magaala Finfinneetti Zalaalam Mulaatu garuu ”gaaffiin kqnaan dura manni barumsichaa nutti dhiyeesse hin jiru, gaaffiin isaan dhiyeessaniif deebii kan laannu ta’a” jedheera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.