Home2023May (Page 3)

May 2023

Suura: Warshaa Sukkaaraa Fincaa'aa By Abdi Biyenssa @ABiyenssa Finfinnee Caamsaa 29, 2023 - Haleellaa humnoota mootummaan fi  Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Sulula Fincaa'aa keessatti Caamsaa 20, 2023 uumameen walqabatee warshaan sukkaara Fincaa’aa kan godinicha keessatti argamu qabeeni barbadaa'uu fi saamamuu fi

Read More

Finfinnee Caamsaa 29, 2023 - Hamma Caamsaa 25, 2023'tti baqattoonnii fi godaantonni 31,000 ol ta’an waraana Sudaan baqachuun gara Itoophiyaa galuu gabaasni dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii addeesse. “Hamma Caamsaa 25, 2023 tti baay’inni namoota daangaa Sudaan qaxxaamuruun gara Itoophiyaa galan 31,074 ta’u. Kanneen keessaa 5,200 namoota koola galtummaa

Read More

Finfinnee Caamsaa 29, 2023 - Barattoonni Itoophiyaa dorgommii idiladdunyaa Huwaei torbaffaa kan Sheenzheen Chaayinaatti Caamsaa 24 hamma 28 godhamerratti hirmaatan sadarkaa sadaffaa bahuun moo’atan.  Gareewwan 146 biyyoota 36 irraa dorgommii kanarratti hirmaataniiru. Gareewwaan lamaa miseensota sadi sadi of keessaa qaban gama hojii shaakalaatiin (kan akka datacom,

Read More