Seenaa Gabaabaa Dooktara Kabajaa Artiist Alii Birraa – Urjii Muuziqaa Oromoo, Dirree Dhawaan Biqilchite
Alii Birraan eenyu? Alii Birraan abbaa isaa Mohaammad Musaa fi haadha isaa Faaxuma Alii irraa bara 1948 magaalaa Dirree Dhawaatti dhalate. Abbaan isaa kutaa gosa Afran Qalloo Alaa jedhamurraa yoo ta’u magaalaa Graawaa jedhamu irraa dhufe. Faaxumaa Aliin gama isheetiin kutaa gosa Afran Qalloo Jaarsoo irraati.