Finfinnee, Fulbaana 2/2022- Naannoo Oromiyaa, Godina Horoguduruu Wallaggaa aanaa Amuruu magaalaa Agamsaa keessatti, namoonni hidhatan dhukaasa bananiin yoo xiqqaate namoonni 55 ajjeefamuu DW Amharic gabaase.
Jiraataan Agamsaa Geetaachoon (Maqaan Sababa Nageenyaatiif kan jijjiirame) yaada Addis Standardiif laateen “Kibxata Hagayya 30, 2022 ganama sa’aatii tokko irraa eegalee nutti nam’anii. Namni odeeffannoo gurraa qabuus hin jiru. Inni kaan reefu hirribaa ka’aa, inni kaan ammoo reefu gara dallaa isaatti bahee hojii barbaaddata ture. Haala kana keessa uummatatti dhukaasa nutti banan. Inni kaan boqqolloo keessa fi tubboo keessa galee lubbuu isaa oolfate, inni kaan ammoo akkuma mana hidhaa walitti qabanii itti naanna’anii waan godhan godhanii horiimmoo gara kuma shanii ol ta’u fudhatanii deeman. Waan jennu hin qabnu, suuqiin hin hafne, meeshaa mana jireenyaa hin hafne, konkolaataan fe’anii fudhatan.” jechuun haala ture ibse.
Haala hawaasni amma keessa jirus akkas jechuun ibse Geetaachoon “Hanga ammaatti reeffi awwaalame nama 63 gaheera. Akka itti reeffa fudhanne awwaallannu illee dhabne rakkannee achumatti biyyee itti godhanne dhufne. Hanga ammaatti reeffi namootaa bakkee irraa funaanamaa jira. Uummatni akkuma jirutti buqqa’eera, kan hafe hin jiru. Qabeenyallee wanti hafe hin jiru. Uummatni ammoo buqqa’ee gara Amuruu dhaqee, achittis beelaan dhumaa jira. Inni kaan osoo baqatuu bishaanitti gale dhume, inni kaan hallayyaa bu’e dhume, daa’imni baay’ee ammoo iddoo jiran hin beekamu.”
“Ajjeechaa kana kan raawwate warra Faannoo ofiin jedhaniidha. Finxaaleeyyii Amaaraa warra aaruu fi rifaatu keessa jirantu wal ijaaranii haleellaa kana raawwatan. Humna guddaa qabu, nuti handaara Gojjam irra jirra waan ta’eef gamasii leenji’anii gara keenyatti ce’uun haleellaa raawwatu. Kan nu miidhe ammoo asii Jaardagaa Jaartee keessatti guutanii jiru, Goomman keessattis guutaniiru achi keessaan namoota baay’ee buqqaasaniiru. Erga waggaa lama as namni baay’ee buqqa’ee inni kaan waan qabu sassaabbatee gara magaalaatti galeera, horii jirus sassaabbatanii fudhataniiru.”jedha Geetaachoon.
Ragaan biraa sababa nageenyaatiif maqaa isaa hin eerin tokko Magaalaan Agamsaa Ajjeechaa raawwatameen dura yeroo gabaabaaf waraana bilisummaa Oromoo (Kan mootummaan shanee jedhee waamuun) too’atamee akka ture kan eere yeroo ammaa kana qaamni nageenya isaanii tiksu tokko illee akka hin jirre dubbata.
“Waraanni Faannoo Haroo Aanaa Kiraamuu irraa gara Agamsaa dhufanii waraana nurratti bananii jira jedha. Meshaan isaan hidhatan gurguguddaa akka insaayipperii fi bireenii hidhatanii hawaasa harka duwwaa jiru irratti dhukaasa bananii” jedha.
Haleellaa kanaan namoonni hedduun du’uu kan eere jiraataan kun hanga ammatti namootni achi buuteen dhabame jiraachuu dubbata. Rakkoon nageenyaa qaama faannnoo jedhamuun uumamuu erga jalqabee bubbuleera jedhe. “Keessumaa baatii Caamsaa irraa eegalee guyyaa guyyaan hanni loonii raawwatamaa ture. Yoo xiqqaate guyyaatti loon saddeettamaa ol fudhatanii tiksee ajjeesanii deemaa turan.”
Rakkoo kana kan hammeesse humntootni nageenyaa Federalaa fi Raayyaa Ittisa Biyyaa nagaa eegisisuuf ramadaman warra faannoo waliin walijaaruun haawasa miidhadhaaf saxilaniiru jedha. “Humnoota nageenyaa ramadaman keessaa Amaarri ni jiraatu isaan ammoo warra hidhatee caakkaa jiru waliin wal ijaaru. Warri caakkaa jiru horii keenya ooffatu warri magaalaa jiran ammoo nutti dhukaasu. Rakkoo bal’aatu nu muudataa ture.” jedha.
Dabaluunis “Humnootni Fedeeralaa Afaan Amaaraa dubbatan yeroo as gahan walgurmeessu. Yoo xinnaate miseensotni humnoota nageenyaa Federaalaa namootni 50-60 ta’an Agamasa qofa irraa gara faannootti dabalamanii jiru.” Isaanis karaa miseensota haaraa ramadamanii iddoo loon itti tikfamu hordofsiisuun hawaasa keenya saamaa turaniis jedha.
Namootni baay’ee sababuma hidhattoota kanaan buqqa’aa fi saamama akka jiran eera jiraatan kun, “Namootni hedduun iddoowwan hoole, bilii,waallii, luqumaa,migir, joj,sammoo, ellamu, nyaaree, awoo, goofii fi iddoowwan garagaraa irraa buqqa’an waan oolfachuu danda’an qabatanii lubbuu of baraaruuf gara Agamsaa baqatan.Loon isaaniis akkasuma asitti walitti qabamanii turanii .”jedha
Lakkoofsa namoota buqqa’an ilaalchisee Geetaachoon gama isaatiin, “lakkoofsaan ammana jechuun hin danda’amu. Jiraattota ganda saddeetiiti Agamsaatti qubatee ture. Inni Aaroo irraa buqqa’e dhufe jira, inni Kiiramuu irraa buqqa’e dhufe jira, lakkoofsaan hagana jechuu hin danda’amu. Kana hundumaatu gadhiise baheera. Yoo xiqqaate miiliyoona lama sadi ta’a.”jedhe
Yeroo waan kun hundi ta’u bulchiinsi aanaa tarkaanfii maalii fudhate gaaffii jedhuuf deebii “Aangoo irra turuuf malee rakkoo hawaasaaf dhimma hin qaban ” deebii jedhu laate jirataan aanichaa.
Kanaan duras hidhattootni Amaaraa Guraandhala 12/2022 godina Horroo Guduruu Wallagga aanaa Abee Dongoroo ganda Botoroo Booraa keessatti haleellaa gaggeessaniin namootni 29 lubbuu dhaban. Haleellaan kun saamicha fi qabeenya barbadeessus kan dabalate ture. Haleellaa kanaan manneen 64 gubataniiru. Jiraataan aanaa Abee Dongoroo eenyummaan isaa akka hin ibsamne gaafate “Hidhattootni Amaaraa aanaalee Abee Dongoroo fi Jaargadaa Jaartee irraa walitti dhufanii dubartoota fi daa’imman dabalatee namoota 20 haala sukkanneessan ajjeesan.” jechuun Addis Standarditti hime ture.
Lixa Oromiyaatti, addatti ammoo Wallagi Bahaa fi Horroo Guduruu Wallagaa keessatti rakkoon nageenyaa hammaatee jira, walitti bu’iinsi hawaasa baay’achaa dhufeera akkasumas waraanni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi humnoota mootummaa [federaalaa + naannoo] waggoota 3-4 darbaniif gaggeeffamaa jiru hawaasa gaaga’ama guddaaf saaxilee jira. AS