Bulchiinsi aanaa Fantaallee Albuuda seeraan Alaa too’ate, ‘Finxaaleyyii’ walitti bu’insa dhiyeenya kanaatiin himate

Finfinnee, Sanbata darbe Albuudni seeraan alaa Ganda Xuxxuuxxii irraa  Konkolaataa torbaan fe’ame Kaampii Ilaalaatti too’atamuu ibse waajjirri kominikeeshinii aanaa Fantaallee. Gocha kana saamichaa albuudaa jechuun kan ibse waajjirichi “Finxaaleyyiitu” harka kessaa qaba jedhe. Saamichi akkanaa kun tarkaanfii dhiyeenya kana Qorqeettii fudhataniif isaan aangessera jedhe. 

Waajjirri kominikeeshinii Fantaallee “Hojiin Saamicha Albuudaa Finxaaleyyiitiin dhuunfatamee madda galii ta’urra darbee yeroo darbe lubbuun Milishootaa fi hawaasni keenyaa Wareegama hin malle itti kafnalaa jira” jechuun qabamuu konkolaattotaa haleellaa qorkeetti raawwateen walqabsiise.

Albuuda saamame ibsuu baatus waajjirrichi, hojii too’annoo seeraan alummaa kana daran cimsuuf walitti dhufeenyii fi qindoominni Aanaa Boosatii fi Aanaa Fantaallee cimuu qaba jedhe. 

Bulchaan godina Shawaa Bahaa Abbaabbuu Waaqoo, “Cirracha karaa seeraan alaa gurguruun yakka naannoo kanatti barame. Haa ta’u malee wanti kun haleellaa qorkeetti raawwatame wajjiin hidhata hin qabu.” jechuun ibsa waajjirri kominikeeshinii aanaa Fantaallee faallesse.

Dhiyeenya kana walitti bu’insa humnoota hidhatan, naannoo Amaaraa, aanaa Shankooraa irraa dhufanii fi Milishoota naannoo Oromiyaa aanaa Fantaallee gidduutti uumameen  koomander Abdisaa Ifaa dabalatee milishootni hedduun du’uufi kuun immoo mada’uu isaanii gabaasaleen ni mul’isu.  

Dhimma kana irratti mootummootni naannoolee lamaanii ibsa wal faallessuu baasaa turan. Mootummaan  naannoo Oromiyaa, haleellaa kana ‘Finxaaleyyii’ aanaa Minjaar Shankoora keessa socho’aniitu gaggeesse jedhe.  Mootummaan naannoo Amaaraa dhimmicha irratti ibsa baaseen qaamolee oduu soba tamsaasan jedhu adda otoo hin baasin, tarkaanfii seera kabachisuu fi  yakka namummaa irratti raawwatamu ittisuuf fudhatamu dabsuun akka dhaabbatu akeekkachiise. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.