Badhaasni Haacaaluu Hundeessaa Waxabajjii 29, 2022 akka gaggeeffamu Ibsame

Suuraa: OBN

Naatinaa’eel Fiixeetiin

Finfinnee Waxabajjii 15/2022- Badhaasni maqaa Haacaaluu Hundeessaatin yeroo jalqabaaf gaggeeffamu (Hachalu Hundessa award) Waxabajjii 29, 2022 guyyaa yaadannoo wareegama isaa waggaa lammaffaa irratti akka gaggeeffamu Faawundeshiniin Haacaaluu Hundeessaa beeksise. Faawundeeshinichi sagantaa badhaasa kana ilaalchisee har’a Waxabajjii 15 miidiyaaleef ibsa laateera.

Ibsa kana irratti kan argamte haati manaa Haacaaluu fi miseensi boordii Faawundeeshinichaa Faantuu Daamissoon akka ibsiteetti, Faawudeeshinichi Waxabajjii 17, 2021 kaayyoo hambaa Haacaaluu Hundeessaa bara baraan jiraachisu qabatee maatiidhaan kan hundeeffame yoo ta’u, karoorawwan maqaa Haacaaluutin hojjechuuf qabate keessaa barana sagantaa waldorgommii fi badhaasa muuziqaa maqaa Haacaaluu Hundeessaatin waamamu qopheessuuf hojjechaa tureera. 

Badhaasni yeroo jalqabaaf gaggeeffamu kun ammaaf muuziqaawwan Afaan Oromootin hojjataman qofa kan hirmaachisu yoo ta’u, gara fuulduratti garuu Afaanota biyyattirra darbe sadarkaa Afrikaan hojjataman hirmaachisuuf karoorfamuu ibsameera. Kanaanis muuziqaawwan Afaan Oromoo Waxabajjii 29, 2020 irraa eegalee hanga Bitootessa 31, 2022 keessa bahan ogeeyyootaan filatamanii sagalee uummataaf marsariitii faawundeeshinichaa fi karaa ergaa gabaabaan waldorgommiif dhiyaataniiru. Sagaleen ogeeyyoonni laatan dhibbeentaa 70 kan qabatu yoo ta’u, dhibbeetaan 30 ammoo kan uummataati jedhameera.

Badhaasni kun dameewwan waldorgommii kadhaniin (10) akka gaggeeffamu ibsameera. Isaan keessa sirba ergaa cimaa qabu, kilippii muuziqaa filatamaa, walaloo fi yeedaloo, Sinimaatoo giraafii, weellisaa cimaa, weellistuu cimtuu, weellisaa haaraa fi weellistuu haaraa of keessatti qabateera. 

Sagantaan badhaasa Haacaaluu Hundeessaa waggaa waggaan Waxabajjii 29 akka gaggeeffamu kan ibse Faawundeeshinichi, gara fuulduratti dorgaadorgee  fi wiirtuu aartii maqaa Haacaaluutin hundeessanii jalqabu dabalatee hojiiwwan maqaa aartistichaa waamsisan hojjechuuf karoorse gara hojiitti galuu beeksiseera.AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.