Oduu: Finfinneetti namoonni muka daakamaa (saagaaturaa) daakuu xaafiitti makuun raabsaa turan too’ataman

Finfinnee, 12, 2023 –  Finfinnee kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyoo aanaa 1ffaa iddoo Riqicha Qoshee jedhamuun beekamuutti namoonni muka daakamaa (saagaaturaa) daakuu xaafiitti makuun ummataaf raabsaa turan too’annoo poolisii jala oolan.

Mana kuusaa namoota kanneenii keessatti kuntaala daakuu 47 kan gosa baalaa fi mukaa daakamaa (saagaturaa) qofa of keessaa qabu kan daakuu xaafiitti makuuf qophaa’ee fi daakuu xaafii qulqulluu 167 kuufamee hojjataa hojiii walitti makuu hojjatu tokko wajjiin too’atamuu poolisiin magaala Finfinnee addeesseera.

Manni kusaa kuni kan argame odeeffannoo hawaasni naannichaa poolisiif kenneen yoo ta’u abbaa qabeenyaa manichaas barbaadee qabuun sakkatta’aa jiraachuu poolisiin dabalee ibseera.

Akkasumas, yakka qaxxaamuraan duroomuuf namoonni raawwatan saaxiluuu akka itti fufu poolisiin ummata gaafateera.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.